Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ganda qollifame: 'Miilakoo jallate sirreessuuf dhagaan ofirra kaa'a ture'
Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Sambarroo jedhamu keessatti rakkoo fayyaa adda ta'etu hawaasa mudate.
Gandi kunis Sulula Qinxamaa Baha Afrikaa qaxxaamure darbu keessatti argamti.
Gandichatti namoonni miidhama qaamaaf saaxilaman dhibbaan lakkaa'amu.
Jiraattoonni BBC'n dhimmicharratti dubbise, attamiin miseensi maatii hanga dhaloota sadiitti miidhamni qaamaa kun akka isaan mudatee fi jireenyasaanii akka geeddare himan.
Rakkoo fayyaa 'bishaan Filooraayidiin itti baayyate irraa madde' jedhameefi jiraattoota ganda Sambarroo kana miidhaa jiru kana ilaalchisuun, namoota miidhaa qaamaaf saaxilaman, jiraattoota naannichaa, qondaala aanichaa fi ogeessa fayyaa haasofsifne.
'Dhagaan ofirra kaa'aa ture'
Dargaggoo Ibiraahim Ibsaa jiraataa ganda Zuwaayii Dugdaa ganda Sambarroo, nama umuriin waggaa 32ti.
Ibiraahim ALI bara 1998tti wayita barataa kutaa torbaa (mana waggaa 15) tureetti wanti miilisaa jajallisu akka isa eegale yaadata.
Yeroo sanattis dhukkubbiin akka salphaatti miila isaarratti isaa mudatee sun boodarra taatee jireenyasaa geeddaru ta'u sirnaan hin hubanne ture jedha.
Adeemsa keessa miillisaa laafaa adeemee wal faana jallachuu hima. Yeroo sana barataa kan ture Ibraahim miillisaa jallachuun baayyee isa dhiphisuu himuun, ofiisaatiin miilasaa jallate soroorfachuuf waan gochaa ture yaadata.
''Maatii kiyya dhokadheen miila kiyya jallate akka naaf sirreessuuf dhagaan ofirra kaa'aa ture. Akkasumas ilkaankoo waan hubameef nyaata laafaa malee waan jajjabaatu alanfachu hin danda'u,'' jedha.
Ibiraahim maatiisaa keessaa kan rakkoo fayyaa kanaaf saaxilame isa qofaa osoo hintaane, haatiisaa, obbolaansaa sadiifi ijoolleen isaa sadii rakkoon walfakkaatu mudachuu dubbatta.
''Haatiikoo nama miilli qajeela turte. Guyyaa keessa rakkoon walfakkaatuu ishee mudate. Kanaafu gargaarsaan malee ofi danda'anii hin socha'an. Sababiidhuma kanaaf manatti hafte,'' jedha.
Ibiraahim rakkoo fayyaa isaafi maatiisaa, akkasumas namoota ollaa mudate kanaaf maddisaa ''Bishaan filooraayiidiin itti baayyate fayyadamuun'' akka ta'e dhaabbata fayyaatiin itti himamu dubbata.
Wallaansa barbaachas hanga Finfinnee hospitaala Xiqur Ambassaatti deemuu dubbate.
Ogeessi fayyaa waa'ee rakkoo fayyaa kanaa maal jedhu?
Qabiyyeen filooraayiidii elemantii Filoorinii (fluorine) irraa dhufu yoo ta'u, yeroo baayyee biyyee, bishaan, midhaan ykn nyaataa keessatti argamu ta'u dubbatu ogeessi fayyaa Doktar Naafyaad Geetuun.
Haata'u malee, ''filooriiniin akkuma qaama namaatiif barbaachisu, yoo baayyate ammoo qaama keenyarraan miidhaa qaqqabsiisuu danda'a,'' jedhan.
Itti dabalunis, ''keessattuu qaama keenya keessaa ilkaan, lafee ykn dugugguuruu dugdaa, buusaa lafeewwan (joints), maashaa akkasumas sammuufi onneerrattis miidhaa qaqqabsiisuu danda'a,'' jechuun ibsan.
Akkuma Ibiraam jedhuutti, keessattuu bishaan bollaa lafa gammoojjii keessatti qabiyyeen filooraayiidii ilkaanii fi lafee miidhu kun akka baayyatu himan.
Dr Naafyaad akka jedhaniitti, baayyinni filooraayidii kunis ilkaan akka caccabu gochuun alatti lafeen keessattuu buusaa irratti akka hin sochoonee gochuun rakkoo fayyaatiif akka saaxilu kaasu.
Haaluma walfakkaatuun, Ibiraahim haatii warraa obboleessa isaa rakkoo walfaakkuu kan mudate yoo ta'u, ilmisaanii kan ganna 15 ammoo sababii rakkoo dugdaafi lafee miilsaa mudateetiin manatti hafu BBC'tti himeera.
Rakkoo fayyaa sababii bishaan boollaa filooraayiidiin itti baayyateen isaan mudate kanaatiin haatiisaa, inniifi ilmisaa miidhaa qaamaatiif saaxilamu hima.
Mucaansaa rakkoon mudachuunsaatti, ''Miilli kiyya jallatee, miilli ilma kiyyas jallachuunsaa jireenya na jibbisiise jeeqamaan ture,'' jedhe.
Walumaagalattis, naannichatti namoota umurii dullumman dabalatee rakkoo dugdaan walqabatuu mudachuusaatti ni guggufu jedha.
Sababii miidhama qaamaa isaan mudateen walqabatees, ''Namoota nu beekan malee warrii kaan akka raajiitti nu ilaalu, kaan ammoo dhibee daddarbaadha se'anii nurraa baqataa turan,'' jedha.
Sababiidhuma kanaanis maatii Ibiraahim qofa osoo hintaane, ''Ganda guutuun namni ol jedhee waan mil'achuu danda'u hin jiru. Waliigalattis namoota 300 ol ta'utu ganda keenya keessatti miidhama qaamaa cimaafi kan mul'atu qaba,'' jedha.
Rakkoo kanaaf furmaanni jiraa?
Bishaan boollaa Jiraattoonni ganda Sambarroo kunneen fayyadamaa jiran rakkoo filooraadiin baayyee qabaachunsaa ALI bara 1999'tti adda bahulleen, filmaata gara biraa waan hin qabneef ammalleen isuma dhugaa jiraachuu himu jiraattoonni.
Battala miidhaan jiraattootarra gahaa jiraachun barameetti bishaan lafa jalaa qotame cufamee turuu yaadachuun, ''garuu hawaasni bishaan dhugaatii filooraadiin itti hin baayyanne dhiyeenyatti argachuu hin dandeenye. Kanaafuu ammasi isuma dhugaa jira,'' jedha Ibiraahim.
Rakkoon kun akka sirraa'uf bulchiinsa aanichatti iyyaataa turanilleen hanga ammaatti fala waaraa dhabuu kaasa.
Waggaa muraasaan duran erga rakkoonsaanii miidiyaa biyya keessaan gabaafamee booda yeroo ji'a tokko hin caalleef bishaan dhiyaateefii akka ture hima Ibiraahim.
Dhalataan aanaa Zuwaayi Dugdaafi kaadhimamaan Phd kan ta'an Mohaammad Qaabatoo, namoonni miidhaman wal'aansaafi wiilchariilleen akka argataniif dhuunfaan yaalee akka hin milkoofneef dubbata.
Gargaarsi taasifamuufiin hafee, ''Bulchiinsi aanichaa dhimmichi akka gabaafamu hin barbaadan,'' jechuun komatu dhalataan naannichaa kun.
Haata'u malee namoonni sababii baayyina filooraayidiitiin ilkaan, lafeefi maashaan isaanii miidhame kunneen wal'aansa osoo argatanii fooyyee argachu akka danda'an Dr Naafyaadi ni dubbatu.
Mohaammad Qaabatoo gamasaatiin, aanichatti keessattuu daa'imman sababiidhuma kanaatiin lafaa ka'uu dadhaban fa'aa jiraachuu argu himu.
Ijoolleen wilcharii dhabanii manaa gadi bahuu hin dandeenyeef deeggarsa argatanii barachuuf tumsa akka barbaadan hime.
Ibraahim gamsaatiin mootummaafi qaamooleen dhimmisaa ilaallatu hundi, hawaasni ganda Sambarroo bishaan dhugaatii biraa akka dhiyeessuu gaafate.
Kanneen miidhama qaamaatiif saaxilamanii manatti hafaniif ammoo wiilcharii dabalatee deeggarsa akka taasisaniif gaafateera.
Deebii qaama mootummaa
Ittigaafatamaan Waajjira Bishaaniifi Inarjii Aanaa Zuwaay Dugdaa, Obbo Jamaal Badhaasoo, jiraattoonni ganda Sambarroo miidhama qaamaaf saaxilaman jiraachuu akka quba qaban himan.
Aanicha keessatti sababii iddoowwan bishaan bollaa filoorayiidiin itti baayyatu jiruuf, ganda Sambarroo qofatti midhaan qaamaa hangasii qaqqabuu danda'e jedhan.
Qorannoo gaggeessaniin hammi filooradii bishaan hawaasni dhugaa jiru keessatti argame ''guddaan'' jiraachuun mirkanaa'uufi hawaasni akka itti hin tajaajilamne dhorkamee akka ture himan.
Ta'us, sababii tajajila bishaan dhugaatii biroo naannicha hin jirreef hawaasni gandichaa bishaan filooraayiidiin itti baayyatu sana ammallee itti gargaaramu malu jedhu Obbo Jamaal.
Kanaanis maatii tokkoo keessaa hangii miseensa maatii shan miidhama qaamaaf saaxilame jiraachu quba akka qaban BBCtti himan.
Rakkoo kana furuufis ALI bara 2010'tti bishaan ganda birootti baafame gara ganda Sambarroo geeffame akka tureefi garuu erga paampiin lafa jalaa gubatee hojii dhaabe waggaa darbuu himan.
Tajaajilli bishaanii kunis waggoota 3'f erga tajaajila kennee booda addaan cituu himan.
Ragaa qabatamaa qabaachu baatanillee baayyiinni namoota sababii baayyachuu filooraayidii kanaantiin miidhaa qaamaaf saaxilaman 50- 60tti tilmaamama jedhu.
Jiraattoonni gandichaa garuu lakkoofsa kana gara 300tti ol kaasu.
Naannichatti bishaan boollaa dhaabbata Oromo self-help Orgazation(OSHO ) jedhamutu waggaa 20 dura qotamee akka ture kaasuun, yeroo sanattis qorannoon qabiyyee filoorayidiirratti gaggeeffame ture jedhan Obbo Jamaal.
Garuu ittifufinsaan hin qoratamne, kunis ''rakkoo keenya'' jedhan.