Kiristiyaanoo Ronaaldoo mallattoo deeggartoota Mesiitti agarsiiseef adabame

Kiristiyaanoo Ronaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Jifataa colleen addunyaa amma Kilaba Saawdii, Al-Nassiriif taphatu Kiristiyaanoo Ronaaldoo deeggartoota ''Mesii'' jedhanii iyyan dheekkamsiisuun tapha tokkorraa dhorkame.

Tapha Liigii Saawdii Al-Nassir, Al-Shabaab waliin taphaterratti Ronaaldoon mallattoo deeggartoota Al-Shabaabitti agarsiiseen isaan dheekkamsiiseera jedhame.

Deeggartootni Al-Shabaab tapha kilabichi 3-2n injifatame irratti maqaa Mesii, morkataa Ronaaldoo baroota dheeraa, dhahuun iyyaa turan.

Ronaaldoon harka gurrasaa jala qabee mallattoo eenyuun waamaa jirtu? jedhu fakkaatu agarsiise.

Taphataan ganna 39 lammii Poorchugaal kun deeggartoota waan dheekkamsiiseef tapha itti aanee kilabnisaa qabu irratti akka hin hirmaanne adabameera.

Dabalataan Riyaala Saawdii 30,000(paawundii 6,300) akka adabamu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Saawdii Arabiyaa murteesseera.

Federeeshinichi Kiristiyaanoon murtee kanarratti oliyyannoo gaafachuu hin danda'u jedheera.

Tapha kanarratti Ronaaldoon rukuttaa peenaalitiin goolii tokko galchus Al-Shabaab duubaa ka'ee goolii lama galchus gara dhumaatti goolii Taliskaa galcheen Al-Nassir injifachuu danda'eera.

Ronaaldoon bara 2022tti bilisaan Maanchistar Yunaayitiid irraa gara Al-Nassir makame.

Bara kana dorgommiiwwan 22 irratti goolii 20 lakkoofsieera. Kilbanisaas Al-Hilaalitti aanee sadarkaa lamaffaarra jira.