Magaalotniifi gandoonni Yukireen kumaatamni dukkanaan liqimfaman

Maxxanfame

Magaalonnii fi gandoonni Yuukireen kumaatamni haleellaa Raashiyaan tibbana irratti gaggeesite hordofee dukkana keessa jiru jedhan qondaalonni biyyattii.

Dubbii himaan tajaajila Yeroo Muddamaa Yuukireen, Oleeksaander Korunzhii erga Onkoloolessa 7 as haleellaa rokkeetii fi dirooniidhaan namootni 70 ol ajjeefamaniiru jedhan.

Pirezidaantiin Yuukireen Volodmor Zeleniskii guyyoota saddet darbanitti qofa buufataaleen aannisaa Yuukireen %30 ol manca’aniiru jedhan.

Erga Raashiyaan haleellaa bifa haaraan Kiyeev irratti gaggeesitee gartokkeen magaalaa Kiyeev ibsaa fi bishaan hin qabu.

Kantiibaan magaalaa Kiyeev Vitaalii Kilishkoo miidhamtootni haleellaa raashiyaa ammaa hojjettoota bu’uuraalee misoomaa murteessoo jedhamanidha jedhan.

Buufataaleen aannisaa magaalittii lamas haleelamaniiru.

Oleeksaander Korunzhii Kibtxata kaleessaa akka jedhanitti Onkoloolessa 7-18 gidduu haleellaa buufataalee annisaa irraa haaraa Raashiyaatiin naannolee 11 keessatti bakkeewan qubannaa 4,000 ol ibsaa dhabaniiru.

''Amma, akka ministeera aannisaatti bakkeewan qubannaa 1,162 ibsaa malee hafaniiru,’’ jedhan dubbii himichi.

Dirree waraanaatti mo’amnaan Raashiyaan adda waraanaa dhiisuun bu’uuraalee misoomaa elektirikii irratti haleellaa gaggeessaa turte.

Qondaalonni yeroo muddamaa Yuukireen bu’uuraalee misoomaa manca’an deebisanii suphuu jalqabanis yeroo roobaa [winter] galaa jiru kana keessa hammam deebi’anii hojjetu kan jedhu garuu yaaddoo taheera.

Haleellaan sa’a 24 booda dhufe diroonii ''Kamikaazee’’ Iraan irraa kan kennaman jedhamee amanama.

Magaalaa Kiyeevii fi Saamii naannoo Kaaba Bahaatti namoota sagal ajjeesera jedhame.

Yuukireen Raashiyaan misaa’ela fi farra misaa’elaa S-300 magaalaa gara Kibbaa Miykoolav jedhamtu irratti dhukaasuun namni tokko du’eera jette.

Haleellichis gamoo mana jireenyaa irratti akka tahe ibsite. Magaalicha keessaa gabaan habaaboon iti gurguramu barbadaa’eera.