Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guyyaa guyyaan qaama keenya dhiqachuun hin barbaachisu- maaliif?
Ofii qaama keenya guyyaa guyyaadhaan dhiqachuun hammam barbaachisaadha? Isin yeroo ammamiitti ykn torbaniitti guyyaa meeqa dhaqna dhiiqattu?
Ogeessonni tokko tokko, guyyaa guyyaatti qaama dhiqachuun barbaachisummaa isaa caalaa, hariiroo hawaasummaa nuti qabinuun walqabata jedhanii amanu.
Waggoota muraasaan dura, guyyaa guyyaatti qaama dhiqachuu dhaabeen ture. Sababa Koronaavaayirasiitin hojiin manaa hojjetamu yeroo eegalametti, hiriyaa hanga kiyya guyyaa guyyaatti qaama hin dhiqanne waliin jiraachuun eegale.
Kunis umurii dargaggummaa kan amala guyyaa guyyaan qaama dhiqachuu waggootaa 30 na waliin ture gara na dadhaabsisutti deeme.
Hangan sochii qaamaas hin hojjannetti qaama kiyya torbeetti si’a sadi qofa gara dhiqachuuttiin dhufe. Hiriyoonnikoo kaanis torbeetti hanguma kiyya, kan hafan ammoo hamma ani dhiqadhuu kanaan gadi kan dhiqatan jiru, keessattuu tibba gannaatti.
Hiriyoonni koo kaan garuu yaada kiyya kana waliin walii hin galan. “Shaaworii ganamaa malee dammaqee irriibarraa hin ka’u, guyyaan kamuu shaaworiifi dhugaatii shaayiitiin eegalamuu qaba,” jedhu.
Irra deddeebiin harka keenya dhiqachuun tatamsa’ina jarmootaa ittisuuf kan gargaaaru ta’ulleen, guyyuu qaama dhiqachuurratti garuu gama oggeessota fayyaatiin bu’aan fayyaa namaatiif qabu hagas mara wanti ibsamu hin jiru.
Inumaa guyyaadhaan qaama dhiqachuun qaama keenya gogiinsaaf saaxiluun dandeettii uumamaa dhukkuba ofirraa ittisuu namaa gadi buusuu waan danda’uuf miidhaa qabaachuu mala.
Kana ta’ees, qorannooleen akka mirkaneessanitti lammiileen Ameerikaa fi Biriitish Walakkaa caalan guyyaa guyyaan qaama dhiqatu.
Namoota qaama isaanii guyyaa guyyaan hin dhiqanneefi waraabbiidhaaf heyyamamoo tahan argachuun salphaa miti. Bara 2015 Keemist David Whitlock waggoota 12 qaama hin dhiqanne jedhee yeroo ifoomse ijoo dubbii ta’ee ture.
Waggaa isaatiin booda ammoo Fiizistiin James Gamblin kan jedhamu, akkamitti akka qaama dhiqachuu dhaabe barreessee ture. Kitaaba waa’eesaa erga barreesseen booda gaaffiifi deebii BBC waliin taasiserratti akkas jedhe.
“Ani foolii mataakoon qaba. Haati warraakoo fooliikoo kana akka jaalattuufi nama kaanirraa adda akka ta’e natti himti. Namoonni biroos homaa miti jedhanii natti himu,” jedhe.
Ogeessa eegumsa naannoo kan ta’e Donnachaadh Maakaartii ammoo, yeroo gaazexeessaan BBC gaaffiifi deebiif gaafatetti akkas jedheen, “Warra guyyaadhaan qaama isaanii hin dhiqanne keessaa ani qofaa koo miti. Kanin qofaa ta’u warra guyyaadhaan hin dhiqanne keessaa nama waa’eesaa dubbatu ta’uu kiyyaan” jedha.
Maakaartii hanga miidhamaan dhiisutti shubbisaa piroofeeshinaalaa waan tureef amala guyyaa guyyaatti qaama dhiqaachuu qaba ture. Uummata Yanomamii, kan bosona Amazon keessa jiraatan biratti torbee lama erga dabarseen booda waa’ee naannoofi itti fayyadama bishaanii irratti yaaduu kan jalqabe.
Waggaa isaattis dhiqannaa qaama isaa yeroodhaa yerootti xiqqeessaa deeme. Hanga ji’atti guyyaa tokko qofa dhiqachuu gahe. Qaamasaa uffata jiidhaan qulqulleessee areedasaa bishaan burcuqqoo tokkoon dhiqatee xumura. Namuu foolii badaa qabda jedheenii hin beeku.
Yunvarsiitii Bristol tti Piroofeesara Soosholojii kan tahan Dale Southerton, kitaaba ‘Qaama keenya hamma dur dhiqannuu olitti dhiqachaa jirra’ jedhu warra barreessan keessaa tokko yoo tahan, jijjiiramni kuni waggoota 100 asitti dhufe jedhu.
Guyyuu qaama dhiqachuun waan itti karoorfaamee jalqabame osoo hin taane tasuma waan baratamedha jedhaniis amanu.
“Qaama guyyuu dhiqachuun waan hawaasummaa waliin walqabatu qaba kan jennu ragaa namootni yeroo ayyaana waggaa kabajaniifi feestivaala muuziqaa deeman dhiqatan ilaaluun ni dandahama,” jedhu.
Barsiifataan namootni shaaworii seenuudhaan of qulqulleessu. Ta’ulleen aadaan qulqullina ofii eeguu kuni haalan bal’aadha. Wantoota ammayyaa akka ‘Spa’ fi wayinii qabaatanii gandaa saamunaa keessa ciisuus dabalata.
Akka Southerton jedhanitti, akkaataan beeksisa Shaaworiillee waggaadhaa waggaatti jijjiiramaa deeme. Bara1970 keessa beeksisa mana shaaworii salphaa argita ture. Bara 1980 keessa ammoo beeksisa dubartoota bashananan, kan istiimii qabutti guddate.
“Waggoota 100 osoo duubatti deebitee guyyuu qaama hin dhiqannu ture. sababnisaas shaaworiin waan idilee namuu qabu hin turre,” jedhu Piroofesar Yunvarsiitii Denmark Kristen.
“Qaama kan dhiqannu sababa fayyaa keenyaaf barbaachisuun osoo hin taane, sababa waanuma baratamaa ta’eefi jedhu.
Fulduratti namoonni guyyuu dhiqachuu xiqqeessaa ni deemuu? kan jedhu gaaffii ijoodha.
Deebiinsaa ‘Lakkii’ kan jedhudha. Sababnisaan namoota eegumsa naannoof dhiphatanii dhiqannaa qaama isaanii hir’isaa jiran hedduu argaa waan hin jirreefidha.
Aadaan qaama guyyuu dhiqachuu kuni ilaalcha hawaasaa keessatti waan akka gaariitti kaa’ame waan ta’eef kana keessaa bahuun laayyoo akka hin taane himu ogeessonni.