Caasaa fayyaa irraa maallaqa 'hatuuf' daa'imman reefu dhalatan ajjeefamuun dheekkamsa kaase

Daa'ima reef dhalattu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Turkiitti daa'imman reef dhalatan hospitaala tokkoo kaanitti dabarsuun booda daa'imman 10 lubbuun darbinaan dheekkamsi kaa'ee qorannoon akka geggeefamu waamichi dhiyaataa jira.

Salphina tajaajila fayyaa isa guddaa jedhame kanaan hakiimota, narsootaafi konkolaachistoonni ambulaansii himatamaniiru.

Bu'aa qorannoo fayyaa sobaa tolchuun daa'imman reef dhalatan gara hospitaalota dhuunfaa 19tti dabarsuun kutaa wal'aansi dhukkuba cimaa (intesive care unit) keessatti kennamu keessa yeroo dheeraaf akka turan taasisaniiru jedhaman.

Bara 2016 Sadaasa keessa haati warraa Toolgaa Oymaak Nuukeet ijoollee sadii al takkatti hospitaala beekamaa Turkii tokko keessatti deesse.

Daa'imman otoo yeroon isaanii hin gahiin waan dhalataniif hospitaalicha inkubeetara daa'immaniif ho'a kennu gahaa hin qabu ture.

Kanaaf, maatiin hospitaala kan biraa barbaaduun daa'imman isaanii hatattamaan dabarsan.

''Guyyaa sadaffaa irratti daa'imni keenya tokko du'e,'' jechuun Tolgaan BBCtti hime. Sababni du'aas rakkoo hargansuu daa'imman guyyaa 90 gadii mudatu dha jedhamuun itti himame.

''Ijoolleen lama hafan fayya-qabessa akka tahan hakiimonni nutti himaa turan,'' jedhe.

Tahus guyyaa shan booda hakiimni bilbilee daa'imman kunneen keessaa tokko fayyaa akka hin taane itti himuun abbaan atattamaan gara hospitaalaa akka deemu gaafate.

''Kutaa wal'aansi olaanaa itti kennamu keessa galuu waan hin dandeenyeef daa'imni keenya gaafa du'u alaa foddaadhaan ilaalle.

Daa'imman koo lamaan ajjeesatan isa sadaffaas ajjeesuufi,'' jechuun hojjettoota fayyaatti himnaan ''tasgabbaa'i'' naan jedhan'' jedha

Eegumsa hawaasaa irraa hatuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka sanadni himannaa abbaa fuula 1,400 agarsiisutti daa'imman gara hospitaalota 19 kunneenitti geeffaman qarshii seeraan ala sirna nageenya hawaasaa argachuuf jecha yaala barbaachisaa hin taane fa'itu kennamaaf.

Caasaa waliin dhahuu kana keessatti hojjettoonni fayyaa hirmaatan ''saamtota daa'immanii'' jedhamuun miidiyaa Turkiin maqaan baheeraafi. Daa'ima tokko guyyaa tokoof kutaa wal'aansa oolaanaa keessa tursuun liiraa Turkii 8,000 ykn doolaara 231 argatu.

Wal'aansa qixaa argachuu dhabuun yoo xiqqaate daa'imman kudhan harka ogeeyyii fayyaa kanarratti du'aniiru.

Namoota 47 irratti torbee kana mana murtiitti kan dhiyaatan yoo tahu, 22 irratti immoo himannaan banameera.

Himatamtoonni badii dalaguu haaluun murtoon dabarsan hunduu qajeelummaan akka ture himan.

Hakiimni Dr Firaat Saarii dhaabbata yakka raawwatu hundeessuun, dhaabbata uummataa irraa maallaqa waliin dhahuun, sanada sobaa qopheessuun akkasumas dhimma itti kennuu dhiisuun lubbuun akka darbu gochuun kan himatame yoo tahu hidhaan hanga waggaa 583 irratti murtaa'uu mala.

Waliin dhahuu kanaan kan himatame Dr Saarin hospitaalota dhuunfaa baayyee keessatti yaala daa'immanii irratti hojjeta. Himannaa irratti baname hundas waakkateera.

''Waan hunduu adeemsa eeggateetu raawwate,'' jechuun abbootii alangaatti hime.

Miidiyaalee gabaasarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Warqaan ragaa haqamuu

Haa tahu malee narsoota himataman keessaa tokko gurgurtaa qorichaa dabalatee tajaajila caasaa eegumsa hawaasaa irraa qarshii argachuuf jecha adeemsi sirrii hin taane akka ture amante

Doogukaan Taashi, ''kutaan wal'aansa oolaanaa guutuu gaafa tahu, qarshii guddaatu argama,'' jechuun mana murtiitti dubbatte.

Himanni kuni bara 2023tti poolisiin bira eeruun qaqqabuun booda jalqabame.

Hospitaala ministara fayyaa mootummaan dhuunfatamu dabalatee hospitaalota 19 keessaa kudhan qorannoon booda waraqaan eeyyamaa isaanii haqameera.

Maatiin 350tti siqan duuti ijoollee isaanii akka qoratamu gaafachuu miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Hospitaalonni dhuunfaa yakka kanarratti hirmaatan jedhaman mootummaan akka dhuunfataman uummatarraa waamichi dhiyaachaa jira.

Pireezidant Tayiip Erdohaan kanneen du'a daa'imman kanaaf sababa tahan haalaan akka adabaman himuuun sirna fayyaa biyyattii waan hundaaf gaafatamaa gochuu irratti garuu akeekkachiisaniiru.

''Hawaasa ogeeyyii fayyaa keenya balleessaa namoota muraasaaf jennee adabuu hin qabnu,'' jedhan.

Erga himannaan kuni eegalee maatiin miidhaman eela biraa keessa darbaa akka jiran himu.

''Yeroo waa'ee waliindhahuu kanaa jalqaba oduu dubbiseen haadha warraa kootti himuun dadhabe,'' jedha Tolgaan.

''Maqaa hospitaal daa'imman keenya itti dhabne miidiyaa irratti arguun dhiiga koo danfise,'' jechuun BBCtti hime.

''Dhuguma sodaan keenya yeroosi mirkana akka tahe baruun fedha. Ijoolleen keenya ajjeefamanii tahuun barbaada.''

Tolgaa fi haati warrasaa amma daa'ima waggaa saddeetii qofa qabu. Daa'ima biraa godhachuufis hin yaadne.

''Akka malee miidhamne. Haati warraa koo du'a ijoollee keenya lamaa yoomiyyuu fudhachuu hin dandeenye. Kanaaf deebinee gidiraa keessa galuu hin feene,'' jedhe.