Raashiyaan maaliif warshaa boba'aa Yukireen dura barbadeessite haleeluu itti fufti?

Haleellaa Hagayya 19 raawwatameen booda Kiremenchuuk keessaa aarri ol ka'aa mul'ata

Madda suuraa, Kremenchuk City Hall

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Hagayya 19 raawwatameen booda Kiremenchuuk keessaa aarri ol ka'aa mul'ata
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Raashiyaan walgahiin pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp fi hoggantoota Awurooppaa gidduutti Dilbata halkan Waashingitanitti taa'ame xumuramee sa'aatii muraasa booda, haleellaa baatii Hagayyaa keessa isa guddaa jedhameen magaalaa Giddugaleessa Yukireen Kiremenchuuk haleelte.

Akka humni qilleensaa Yukireen jedhutti, Moskoo diroonota 270 fi misaa'ela kiruuzii hedduu dhukaafte. Humni qilleensichaan irra caalaa isaanii akka fashalsee kan hime yoo ta'u, 16 qofatti akka haleellaa raawwatan hime.

Bulchaan naannoo Poltaavaa kan Kiremenchuik keessatti argamuu akka jedhanitti, lubbuun miidhaame jiraachuu baatulleen, garuu maatiin gara 1,500 ta'an ibsaa malee hafaniiru.

Kiremenchuuk maaliif hangas barbaachiifti?

Aara indastiriicha keessaa bahaa ture

Madda suuraa, UNIAN

Ibsa waa'ee suuraa, Kiremenchuuk'n bara USSR duriitti dhaabbilee boba'aa guudda keessaa tokko

Kiremenchuuk giddugala indastiriifi loojistikii ijoo Yukireen keessatti argaman keessaa tokkodha. Innis qarqara bahaa laga Diniipro irratti kan argamu yoo ta'u, yeroo dheeraaf wiirtuu geejjibaa fi oomishaa murteessaa ta'uun tajaajilaa ture.

Warshaan maashinoota daandii guddaa Kiredmaashii fi dhaabbileen industirii biroo bu'uuraalee misoomaa fi ittisa Yukireen deeggaran kan itti argamudha.

Akkasumas akka walqunnamtii baaburaa guddaatti kan tajaajilu yoo ta'u, kutaalee bahaafi lixa biyyattii kan walqunnamsiisudha.

Kaartaa bakka Kiremenchuuk itti argamu agarsiisuu

Warshaan Boba'aa Kremenchuuk kunis bakka warshaan boba'aa guddicha Yukireen kan yeroo jalqaba Raasiyaan weerara wayita raawwattuutti boba'aan itti qulqulleeffamu isa qofa ture.

"Raashiyaan jalqabarratti warshaa Kiremenchuuk kana hin haleelle ture. Hundaa ni arganna jedhanii yaadaa waan turaniif, itti fayydamuuf yaadanii ture," jechuun ture pirezidantiin Giddugala Qorannoo Addunyaa "Tarsiimoo XXI" Mykhailo Honchaar BBC News Yukireenii'tti kan himan.

"Garuu duulli 'Kiiv Guyyaa Sadii Keessatti to'achuusaanii' yeroo fashalaa'u... warshaa qulqulleessituu kana haleeluu jalqaban, sababiin isaas madda oomisha boba'aa waan ta'eefidha."

Haleellaan misaa'elaa jalqabaa warshaa qulqulleessituu Kiremenchuuk kana irratti ala lamaan Ebla bara 2022tti kan raawwatame yoo ta'u, inni biraa ammoo baatii Caamsaa keessa dabalataa raawwatameera.

Ji'a Waxabajjii bara 2022 keessa misaa'elli Raashiyaa wiirtuu daldalaa Kiremenchuuk kan namaan guutame haleelluun, akka aanga'oonni Yukireen jedhanitti namoonni 20 ol ajjeefamaniiru.

Jidduugala daldalaa haleellaamisaa'el Raashiyaatiin gubatee boba'aa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jidduugala daldalaa Kiremenchuuk haleellaa miisaa'eel Raashiyaa hordofee yeroo gubateetti- Waxabajjii 2022

Raashiyaan irra deddeebitee bu'uuraalee misoomaa siiviilii akka hin haleelle ibsuun, manneen kuusaa naannoo sana jiran kanneen dhiyeessii meeshaalee waraanaa Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa keessa kuusaa turan jedhaman haleelu himte.

Haleellaan misaa'elaa warshaa boba'aa qulqulleessu kanarratti raawwatamus bara 2023 fi 2024 itti fufeera. Gaafa Waxabajjii 15, 2025tti humnoonni Raashiyaa haleellaa isa guddaadha jedhame warshaa boba'aa Kiremenchuuk kanarratti raawwachuu ministeerri ittisaa Raashiyaa beeksiseera.

Warshaan kun humnoota Yukireen kanneen naannoo Donbaas jiraniif boba'aa akka dhiyeessu himachuudhaan haleellaan kun milkaa'aa ta'u ibseera.

Haata'u malee, ammas ji'a Hagayyaa keessa haleellaan misaa'elaa fi diroonii warshaa kana irratti deebi'ee raawwatamu eegale.

Haleellaan booda gamoowwan wayita boba'aa jiran

Madda suuraa, STATE EMERGENCY SERVICE OF UKRAINE / HANDOUT

Ibsa waa'ee suuraa, Erga dhaabbanni Kireemenchuuk Waxabajjii 2025 keessa haleellameen booda

"Warshaan kun hojiirra hin turre. Tarii waan achitti hafe biyyootti makuun warshaa kana dhaabbanni kun deebiifamee ijaaramuu rakkiisaa ykn kan baasii baayyee gaafatu taasisuudhaaf kan barbaadamee fakkaata. Barbadeessaa jiru," jechuun daayreektarri garee gorsaa A-95 fi ogeessi anniisaa Serhiy Kuyun BBC'tti kan himan.

Akka Kuyun jedhanitti, warshaan kun yeroo dheeraaf waan hojjataa hin turreeffuu, haleellaan kunis haleellaa kanaan dura bu'uuraalee boba'aa Raashiyaa irratti raawwatameef haaloo ba'uu fi akka bu'aa xiinsammuutti ilaalamuu hin oolu.

Akka shallaggii Kuyunitti, warshaan qulqulleessituu kun erga weerarri Raashiyaa jalqabamee kaasee misaa'ela hedduu fi diroonii dhibbaan lakkaa'amaniin haleelamuu hin oolu.

Kun Yukireen keessatti rakkoo boba'aa uumaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haalli warshaan kun amma irra jiru haala boba'aa fi diizilaa Yukireen irratti dhiibbaa hin qabaatu, sababiin isaas oomishaaleen kunneen hundi yeroo dheeraaf karaa taankaroota boba'aatiin Awurooppaa irraa galfamaa jirtu ta'ef.

Warshaan Qulqulleessituu Kiremenchuuk guddaa yoo ta'u, waggaatti boba'aa toonii miliyoona 19 qulleessuu danda'a. Haata'u malee, ogeeyyiin akka jedhanitti, waraanni kun osoo hin jalqabin tilmaamaan waggaatti boba'aa toonii miliyoona sadii qofa qopheessaa ture (akka Kuyun jedhutti boba'aa Yukireen barbaachisu keessaa gara %50) kan ta'udha.

Haata'u malee, Yukireen kana booda oomisha boba'aa mataashee hin qabdu.

Jalqaba waraanichaarratti, yeroo muraasaaf Yukireen dhiyeessitii bobba'aa irratti rakkoon mudatee ture. Haata'u malee, saffiisaan furamuun maddi baayifamees.

''Dhiyeessiin boba'aa sana booda gara konkoolaataa, gara baaburaatti darbe. Awurooppaa irraa taankarootaan boba'aan fidama. Qabatamaadhaan taankaroota boba'aa kumaatamaan lakkaa'aman gara Yukireen deeman balleessuun hin danda'amu," jechuun Mykhailo Honchaar hubachiisa.

Daandiiwwan galaanaa ergasaaqamanii booda ammoo boba'aan karaa galaanaatiin galfamuu jalqabe.