Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Labsiin yeroo aangoo bulchiinsa yeroo naannoo waggaa lamaaf dheerressu ragga'e
Wixiineen labsii bara aangoo bulchiinsoota yeroo naannooleetti hundeeffamanii ala lamaaf hanga waggaa lamaatti akka dheeratuu dandeessisu har'a mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiyaatee raggaasifameera.
Wixineen labsii kunis aangoo mana maree federeshinii kanaan dura murtee yeroo aangoo bulchiinsa yeroo naannoo dheereessuu af-yaa'ii mana mareetiif kenna.
Labsiiwwan haaraan kunneen wixinee seeraa dambii ALI bara 1995tti sirna mootummaan federaalaa itti naannoolee jidduu galuu foyyeessuuf bahee irratti kan hammatamaniidha.
Parlaamaan walgahii har'a Ebla 1, 2025 gaggeessee irratti dhiyaachuun kan raggaasifame labsiin kun, bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay kan barri aangoosaa xumurame kan waggaa dabalataa tokkoof dheereessu ta'a.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay kan hundeeffame dambii ALI bara 2015tti bahe irratti bu'ureeffamuun ture.
Dambiin bulchiinsa yeroo sana hundeessee ammoo labsii sirna mootummaan federaalaa itti naannoolee jidduu galu kan labse fi gara waggaa 22 dura baheerratti hundaa'uudhaan.
Labsiin kunis mootummaan federaalaa halawwan sadii irratti hundaa'uun naannoolee jidduu galuu akka danda'u labseera.
Sababiin dursaan eerame, nagaa dhabiinsa naannoo keessatti umamuu yoo ta'u, yeroo kanattis mootumman federaalaa akka jidduu galuuf mootummaan naanniichaa gaaffii dhiyeessuu danda'a.
Naannicha keessatti yoo sarbamni mirga namoomaa raawwatamee fi mootummaan naannichaa yoo gochicha to'annoo jala oolchuu dadhabe mootummaan federaalaa jidduu gala.
Haalli sadaffaan labsicha irratti kaa'ame, gochaawwan akka ''sochii okkoraa hidhannoon deeggarame'' yeroo raawwatamuutti yoo ''heerri mootummaa balaarratti kufuu'' jedha.
Sababiiwwan haalliiwwan akkasii mudachuutti jidduu naannoolee kan galu mootummaan federaalaa dhimmoota raawwachuu qabaatu keessaayis, ''qaama seera raawwachiisaa olaanaa naannichaa dhorkuudhaan bulchiinsa yeroo itti waamamnisaa mootummaa federaalaa ta'e'' hundeessuu kan jedhe keessatti argama.
Bulchiinsi yeroo haala kanaan hundeeffamus kan turu yeroo waggaa lama hin caalleef akka ta'e labsichaan kaa'ameera.
Manni maree federeshinii yeroo aangoo bulchiinsa yeroo dheereessuun ''barbaachisaa ta'e yoo argate yeroo baatii jaha hin caalleef dheerreessuu'' akka danda'u labsicharratti kaa'ameera.