Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa mana-barnootaatti dhukaasa barattuun tokko banteen lama ajjeefamanii, heddun madaa'an
Barattuun dubaraa umuriin ishee ganna 15 mana barumsaa dhuunfaa Kiristaanaa Wisconsin jedhamu keessatti dhukaasa banuun barsiisaa fi barattu tokko ajjeeste. Barattoonni jaha biroon kan miidhaman yoo ta'u, lama haala lubbuu isaaniif yaaddeessaadha jedhamuun miidhaman.
Hogganaan poolisii Madison Shon Barnes shamarreen haleellaa raawwatte barattuu mana barnootichaa kan taate Natale Rupnow, Samantha kan jedhamtu yoo ta'u,haleelicha booda ofittis dhukaasuun of ajjeesuu ishee adda baasnerra jedhan.
Poolisiin Shamarreen kun maaltu dhukaasa kana akka raawwattu ishee taasise, qorataa jirraa jedhe.
Maatiin shamarree sanaas qorannoo kanaaf tumsaa akka jiran kan eere poolisichi, barattuun kun akkamitti akka meeshaa waraanaa kana qabatte ammallee ifa miti jedheera."Taatee gaddisiisadha, hawaasa keenya keessatti hojii fooyya'aa hojjechuu qabna"jedhan.
Manni barnootichaa jalqaba bara kanaa leenjii dhukaasaa sochii qabu kan kenne yoo ta'u, qondaaltonni mana barumsichaa dhimma kana irratti deebii akka kennan ibseera.
Barattoonni lama kan balaan salphaan irra gahe erga hospitaalatti wal'aanamanii bahaniiru. Lama biraa miidhaa salphaa irra gahee wal'aanamaa kan jiran yoo ta'u lama immoo haala yaaddessaa keessa jiru.
Poolisiin qorannoo isaa itti fufeera manni barumsichaa garuu yeroof cufameera.
Bulchaan Wisconsin Tony Evers haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran fi nama taatee muudate kanaaf gadduu ibsan. Magaalichatti guyyaan gaddaa kan alaabaan gadi siqee bahu akka ta'us ajajan.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden ibsa kennaniin dhukaasni kun ''kan nama rifachiisu fi sababa hin qabne'' ta'uu dubbataniiru.
"Barattoonni guutuu biyya keenyaa akkaataa dubbisuu fi barreessuu barachuu qabu malee akkataa dhukaasaa mitii," jedhan Biden, akkasumas Kongireesiin seera jeequmsa qawwee dabalataa ittisuu danda'u irratti hatattamaan akka tarkaanfii fudhatu gaafataniiru.
US keessatti dhukaasni baay'inaan kan mul'atu yoo ta'u, manneen barnootaas gocha sanaan ala miti.
Dhaabbatni qorannoo bu'aadhaaf hin hojjenne tokko kan dhaqqabamaa fi tarkaanfii fudhachuu danda'uun jeequmsa hir'isuu irratti hojjetu, bara 2024tti dhukaasa 300 ol galmeessera.
Akka dhaabbatni oduu Education Week jedhutti, bara kana guutuu US keessatti dhukaasni manneen barnootaa 38 keessatti raawwatamuun miidhaan qaamaa fi lubbuu ga'uu ibseera. Dhukaasa amma rawwatame kana dura walumaa galatti namoota 69 irra miidhaan kan gahe yoo ta'u namootni 16 du'aniiru.
Haa ta'u malee, dhukaasni dubartootaan raawwatamu baay'ee xiqqaadha. Dhukaasni mana barumsaa keessatti dubartoota raawwatamuunillee baay'ee xiqqaadha.
Akka ragaaleen eranitti dhukaastoonni mana barumsaa irra caalaan isaanii ijoollee dhiiraa umrii dargaggummaa ykn jalqaba umrii 20 keessa jiran ta'uu ibsu.
Haata'u malee, bara 1979 irraa eegalee yoo xiqqaate dhukaasni mana barumsaa karoorfame afur dubartootan raawwatameera.