Baayidan aangawoota qoqqobuuf ajaja yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa baasan dheeressan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin US Joo Baayidan waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee aangawoota qoqqobuuf Ajaja Pirezidantii baasan waggaa tokkoof akka dheeratu murteessan.

Pirezidant Baayidan xalayaa Af-yaa’ii Mana Maree fi Pirezidantii Seenetiif Fulbaana 06, 2024 barreessaniin kana jedhan.

‘’Haalli Kaaba Itoophiyaa jiru nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaarratti balaa buusee ture ammallee nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa US irratti balaa hin tilmaamamne danquu itti fufeera,’’ jedha xalayaan kuni.

Akkaatuma kanaan Pirezidant Baayidan Ajaji Pirezidantii lakkoofsa 14046 haaluma jiruun akka itti fufu murteesseera jedhaniiru.

Baayidan waggoota sadii dura ture yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa namootaafi dhaabbilee sarbama mirgaa raawwataniiru jedhanirratti qoqqobbii kaa’uf Ajaja Pirezidantii kan dabarsan.

Ajaji kuni dheerachuun maal akka agarsiisu ammatti ifa miti. Waliigaltee Piritooriyaan Kaaba Itoophiyaatti dhukaasi erga dhaabate waggaa lama ta’eera.

"Qoqqobbiin kun kanneen waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka itti fufu gaafatamoo ta'an ykn qooda qaban, gargaarsa namoomaa kanneen ugguran fi kanneen dhukaasni akka hin dhaabbanne dhorkaa jiran irratti akka qiyyaafannu nu taasisa" jedhan turan Joo Baayidan ibsa Waayit Haawus waggaa sadii dura baase irratti.

Yeroos MM Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) xalayaa banaa pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidaniif barreessaniin, Ameerikaa dabalatee biyyootni lixaa dhiibbaa hin malle Itoophiyaarraan gahaa jiru jedhan.

Addunyaan guutuun badii 'garee shororkeessaa' [TPLF] kanaa dhiisee dogoggoroota maraaf Itoophiyaa fi mootummaa Itoophiyaatti quba qabuun sirrii akka hin taanes himan.

''Uummanni Ameerikaa fi kan guutuu addunyaa gabaasaalee, ragaalee fi seenessawwan sirrii hin taaneen dogoggorfamanii, miidhamaa akka isa miidheetti, isa miidhame ammoo akka miidhamaatti fudhatani'' jedhan.

Ajaji kuni addatti aangawoota Itoophiyaa, Ertiraa, akkasumas miseensota bulchiinsa Naannoo Amaaraafi TPLF irratti xiyyeeffata.

Waggaa sadii dura ajaji kuni erga bahee booda wagga waggaan Ajaji Pirezidantii (Executive Order) kuni haaromfamaa tureera.

Akkaataa seera US’n ajaji ‘’Yeroo Atattamaa Biyyaalessaa’’ xumuramuu dura guyyoota 90 keessatti akka dheeratu gaaffiin dhihaachuu qaba.

Kanatti Pirezidant Baayidan xalayaa barreessan.

Ajaja kana booda Ministeerri Maallaqaa US aangawoota Itoophiyaafi Ertiraa waraana keessa qooda fudhataniiru jedheerratti qoqqobbii kaa’ee ture.

Haa ta’u malee, ammallee kunneen eenyu akka ta’an ifatti wanti ibsame hin jiru.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan hariiroon Itoophiyaafi US haalaan hammaatee ture.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti eegalee eegasii gara Amaaraafi Afaaritti babal’ate lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman akka galaafate amanama.

Miiliyoonaan kan lakkaa’aman immoo biyyoota ollaatti dabalatee buqqa’aniiru. Jiruufi jireenya isaaniirraa buqqa’anii deeggarsaan jiraachuufis dirqamaniiru.

Qabeenyi olaanaas manca’eera. Itoophiyaarra kan darbe naannoo Gaanfa Afrikaarratti yaaddoo jabaa uumee ture.

Qaamoleen waraana keessa qooda fudhatan sarbama mirgaa yakka waraanaan qixxaatuu danda’u raawwachuu isaanii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksisee ture.

Kunneenis Raayyaa Ittisaa Biyyaa, Waraana Ertiraa, humnoota Amaaraafi humnoota TPLF dha. Ta'us, tokkoon isaaniyyuu badii hin amanan.