Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Vaan Nistirooy Leestar gammachiise, Arsenaaliif Yunaayitid ni falmatu- Tilmaama taphoota Piriimer Liigii
Gareen Ruud Vaan Nistirooy tapha West Ham waliin taphatan irratti carraasaanii yaaluuf xiiqeffatanii galan, gammachuun fuula leenjisaa haaraa kanarraa mul'atu ammoo kilabichi amantaa deeggartootaa fi jaallattoota isaa dhabee ture deebifataa akka jiry mul'isa.
Lammiin Daach Vaan Nistirooy leenjisaan Leestar kilabicha waliin taphoota 12 darban gaggeesse hojiirra ari'amuu hordofee Jimaata darbe gara kilabichaa seene.
Dilbata darbe wayita Bireentiford kilabasaa kana goolii 4 fi 1n injifatu taa'ee ilaalaa ture, garuu tapha jalqaba irratti hirmaateen milkaa'eera. Goolii 3 fi 1n West Ham'n mo'ate.
''Waan hedduu hojjechuutu nurraa eegama. Garuu qabxii sadi argachuutti guddoo gammanne,'' jedhe leenjisaan umrii waggaa 48 Vaan Nistirooy.
Leestar tapha kana injifachuun sadarkaasaa gara 15ffaatti fooyyeffateera.
Leenjisummaa Vaan Nistirooy jalatti goolii jalqabaa galchuun kan Leestariif hamilee ta'e taphataa gameessa dursaa taphattoota kilabichaa ta'e Jeemii Vaardiidha.
Taphni eegalamee daqiiqaa 2 keessatti goolii jalqabaa galchuun kilabni isaa dursa akka qabatu taasise.
Leestar goolii Vaardiin galcheen dursaa hanga daqiiqaa 61ffatti ture. Duuba daqiiqaa 61 irratti Bilaal al-Kanuus Leestariif goolii biraa dabale. Pastan Daakaa ammoo daqiiqaa 90ffaarratti goolii sadaffaa galche.
Isa booda taphataan West Ham Niclas Füllkrug daqiiqaa 93ffaarratti goolii galcheen taphichi 3 fi 1n xumurame.
Tapha kaleessa taphatame kan biraan kan Ipsiwiich fi Kiristaal Paalaas ture. Tapha kana Paalaas 1 fi 0 dhaan mo'ate.
Arsenaal fi Yunaayitid keessaa eenyutu mo'ata? Tilmaama taphoota har'aa
Taphni Piriimer Liigii Ingililaand bara kanaa torbee 14ffaan kaleessa galgala eegale har'as itti fufa.
Taphni Arsenaal fi Maanchistar Yunaayitid halkan sa'aatii shanii fi ruubii irratti taphatan ammoo akkaan eegama.
Liivarpuul qabxii sagaliin irraa fagaachuun mataa liigichaarra taa'eera. Maanchistar Siitiin ammoo akkaan duubatti deebi'e.
Arsenaal fi Chelsiin morkii waancaa keessa galuu xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan ibseera.
Taphoota akkaan eegaman fi kaanirrattis qabxiiwwan argamuu malan akkanaan tilmaameera Suutan.
Arsenaal fi Maanchistar Yunaayitid: Leenjisaan Yunaayitid Ruuban Amoorim waa'ee tapha kanaarratti wayita dubbatan akkaataansaan itti dhihaatan deeggartoota biratti gammachuu akka uumu ni eegama.
Erga inni dhufee taphaoota jalqabaa sadi mo'atamuu dhabuunsaanii jalqabbii gaarii ta'us sagantaan isaanii kun kilabichi sadarkaa gaariitti deebi'uu isaa tilmaamuuf qormaata jalqabaati jedha Suutan.
Kilaboonni lameenuu waggoota dura tapha qalbii addunyaa hawwatu agarsiisaa turan. Amma garuu Arsenaal Yunaayitid irraa fagaateera.
Dursaan taphattoota Arsenaal Martin Odegaard gara dirreetti deebi'uun kilabichi sadarkaasaa duraatti akka deebi'u abdii kan horuudha.
Yunaayitid gara Emireetis imalee osoo qabxii argatee deebi'ee kilabichaaf hiika guddaa qaba jedhe Suutan.
Arsenaal akkuma taphoota kanaan duraa irratti gochaa ture goolii hedduu galchuu itti fufa. Arsenaal ni mo'ata qofa osoo hin taane haala bareedaa ta'een mo'ata jedhe Suutan.
Taphichis goolii 3 fi 1 olaantummaa Arsenaaliin akka xumuramu tilmaame.
Niwukaasil fi Liivarpuul: Taphoota darban irratti Niwukaasil gara raawwii gaariitti deebi'uu dhabuusaa mul'iseera.
Liivarpuul erga Riyaal Maadriidh fi Maanchistar Siitii mo'atee booda taphi Niwukaasil waliin taphatu kun qormaataa biraa itti ta'uun hin hafu.
Barana Niwukaasil Arsenaaliin mo'atus garuu dandeettii dursaa liigicha mo'achuu qabu jedhanii tilmaamuun ni rakkisa.
Arni Siloot taphattoota idileen hiriiranii taphataniin alatti taphattoota jajjaboo hedduu qabu.
Tappha kana Liivarpuul 2 fi 1n mo'ata jechuun tilmaameera Suutan.
Maanchistar Siitii fi Nootiingihaam Foorast: Siitiin bara kana akkaan duubatti deebi'e. Qabxiin Siitii jijjiiramu gaafata. Garuu kana gochuuf wanti akeeku tokkollee kilabicharraa mul'ataa hin jiru.
Ammoo bara kana Liivarpuuliin kan injifate Foorast qofa, kanaaf tapha kanarrattis qabxii sadi argatee ba'uuf ni ijibbaata.
Siitiin taphattoota ciccimoo qabaatus garuu gara dhaabbiisaa duraaniitti deebi'uu hin dandeenye. Suutan tapha kana goolii 2 walqixa xumurama jedhee tilmaame.
Taphoota Piriimer Liigii Ingilaand har'a taphataman kaaniin Evartan Wolvisiin 2 fi 1n, Chelsiin Saawuz Haampitaniin 2 fi 0 dhaan, Aston Viilaan ammoo Bireentifordiin 2 fi 1n akka injifatan Suutan tilmaameera.