Tiraamp deeggarsa maallaqaa doolaara biliyeena 2 ol yuunivarsiitii Haarvard irraa kute

Namoota hiriira bahan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Bulchiinsi Tiraam deeggarsa maallaqaa mootummaa federaalaa dolaaraa biliyena lamaa ol yuunivarsiitii Haarvard irraa kutuu beeksise.

Kunis yuunivarsiitichi mootummaan yuunivarsiitichi akka raawwatuuf gaafate diduusaarraa kan ka'eedha jedhame.

Yuunivarsiitichi mooraa isaa keessatti jibba Yihudootaa gaggeffamu akka dhaabufi wantoota gochuu qabu tarreessuun Waayit Haawuus torbee darbe keessaa gaafatee ture.

Yuunivarsiitiin Haarvard sirna bulchiinsaa, adeemsa qacarriifi adeemsa galmee irratti jijjiirama akka taasisu wantoota bulchiinsi Tiraamp gaafate keessayi.

Yuunivarsiitichi garuu "Waayit Haawus hawaasa kiyya to'achuu barbaada" jechuun kaleessa, Ebla 114, yaadota bulchiinsi Tiraamp dhiyeesse kufaa gochuu beeksise.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp yuunivarsiitiwwan biyyattii keessatti argaman jibba hawaasa Yihudootaa irratti gaggeeffamu ittisuu hin dandeenye jechuun komataa ture.

Waayit Haawus Jimaata darbe xalayaa pirezidaantii Yuunivarsiitii Haarvard Alan Gaarbinariif barreessen, sirna bulchiinsa yuunivarsiitichaa irratti jijjiiramoota ta'uu qabaniifi kuni hin raawwatamu yoo ta'e, fandiin yuunivarsiitichi mootummaarraa argatu adda cituu akka danda'u ibsee ture.

Yuunivarsiitichi deebii Waayit Haawusiif kenneen gaaffilee mootummaan dhiyesse fudhachuu akka hin dandeenye beeksise.

"Karaa gorsaa seeraa keenya yaada dhiyeessan fudhachuu akka hin dandeenye bulchiinsicha beeksifneerra. Yuunivarsiitichi bilisummaasaa dhabuu hin barbaadu ykn mirga heeran kennameef akka irraa mulqamu hin fedhu," jedhan prezidaantiin yuunivarsiitichaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yuunivarsiitichi yaada dhiyaate fudhachuu akka hin barbaanne ibsuu hordofee ministeerri barnootaa walumaa galatti dolaara biliyeena 2.2 ol irraa kutuu beeksise.

"Miidhan barattoota Yihudoota ta'an irratti gaggeeffamu fudhatama kan hin qabneedha. Yuunivarsiitiwwan beekamoo ta'an deeggarsa fudhachuu yoo barbaadan rakkoolee jiran ofitti fudhatanii jijjiirama qabatamaa yeroon itti fudhatan amma," jedha ibsi Waayit Haawus baase.

Xalayaan Waayit Haawus Yuunivarsiitii Haarvardiif barreesse qabxiilee 10 jijjiiramni godhamuu qabu kan tarreesse yoo ta'u, yuunivarsiitichi barattoota farra duudhaalee Ameerikaa ta'an mootummaatti gabaasuu qaba kan jedhu tokkoodha.

Gama biraan ammoo sababa waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiruun, US meeshaalee waraanaa Israa'eliif akka hin argineef mormiin guddaan yuunivarsiiticha keessatti gaggeefameen barattoota seera cabsan irratti tarkaanfii namuusaa akka fudhatus kan ajajuudha.

Waraanni Israa'eel-Hamaas akkuma eegaleen mormii yuunivarsiitiwwan Ameerikaa keessatti gaggeeffamuu hordofee pirezidaantonni yuunivarsiitiwwan kongiresii biyyattii dhiyeeffamuun barattoota Yihudootarra miidhaa gahu dhaabsisuu hin dandeenye jechuun qoratamaa turan.

Isaab keessaa pirezidaantiin Yuunivarsiitii Haarvard kan turte Kilaawudiin Geey tokko yoo taatu, miidhaa barattooya Yihudootarra gaheef dhiifama gaafachuun pirezidaantummaa yuunivarsiitichaa gadhiistee turte.

Kanaan duras bulchiinsi Tiraamp Yuunivarsiitii Koloombiyaa irraa deeggarsa maallaqaa dolaara miliyeena 400 dhaabee ture.