Qabxiilee torba dhimma harma hosiisuu irratti beekuu qabnu

Dubartii daa'ima lapheerratti baattuu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Yeroo baay'ee yaadni saayinsiin hin deeggaramne, dubartiin yoo harma hosiifte dhaabbii qaamashee ni bada yaada jedhu odeeffamaa ture.

Kennaa umamaa kan ta'e daa'ima harma hosiisuun wal qabatee ilaalchaafi yaadawwan dogongoraa hedduutu hawaasa keessatti himama.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) kan bu'aa aannan harma haadhaa fayyaa ijoolleef qabu hubatu garuu, haadhooliin waajjira oolan akka bakka hojiisaaniitti harma hosiisuu danda'aniif deeggarsi taasifamuuf qaba jedha.

Dhaabbatichi daa'imman haala gahaa ta'een harma hin hodhiin kanneen walitti fufiinsaan harma haadhaa hodhan caalaa harka 14'n dhalatanii osoo waggaa tokko hin guutiin du'u jedha.

Kanaafuu, UN boqonnaa dahumsaa mindaa waliinii, sa'aatii boqonnaa harma hosiisuu fi kutaa bakka hojii kan haadhooliin itti harma hoosiisan ykn aannan harmaa elmuun olkaawwatanii akka jiraatuuf gaafata.

Haata'u malee, duullii hubannoo cimsuu akkasii taasifamu illeen, ammalleen harma hoosiisuu ilaalchisee yaadniwwan dogongoraan haadhooliin akka daa'imasaanii hin hoosofineef dhorkan hedduutuu jira.

BBCnis dhimma kana qulqulleessuuf eksipartoota lama dubbisuun akka asiin gadiitti qixeesseera.

Kaatiriinaa Waayiiti Yunivarsitii Liivarpooliitti Pirofeessar Saayinsii qorichootaafi Fayyaa Addunyaa fi miseensa Kolleejjii Saayinsii FayyaaYunivarsitii Makararee kan Yugaandaa keessaati.

Eksipartiin lammaffaan, Alaasteer Isutkiliif ammoo Yunivarsitii Koolleejjii Landaniitti Pirofesar Wallaansa waliigala Daa'immaniitti.

Yaada dogongoraa 1: Tibba harma hoosiisaniitti fiixeen harmaa miidhamuufi dhukkubuun kanuma jiru

Pirofessar Waayit: Jalqabarratti harma wayita hoosiifamuutti waanti hundi nagaadha jedhuun deebii kennuun hanga tokko rakkaisaadha. Sababiinsaas jalqabarratti fiixeen harmaa nudhukkubuu mala.

Haata'u amlee, harma hoosiisuun miidhaa hin qabu akkasumas dhukkuubbii cimaan qaqabsiisuu omtu hin jiru. Kunis fiixeen harmaa infeekshiinii qabaachuu ykn daa'imtii haala sirrii ta'een qabatee hodhaa hin jiru ta'u mala.

Namatti toluu dhiisuun muraasni waanuma jiruudha. Keessattuu haadha yeroo jalqabaatiif deessee hanga itti bartuutti yeroo muraasaa fudhachuu danda'a.

Garuu ammoo yoo dhukkuubbii cimaa umuunii kan itti fufuu ta'e hakiima dubbiisuun barbaachisaa ta'a.

Harma hoosiisuu

Madda suuraa, Getty Images

Yaada dogongoraa 2: Battalumatti kan eegalte yoo ta'e malee hosiisuu hin dandeessu

Pirofessar Isuutkiliif: Haadhooliin akka harma hoosiisan wanti jajjabeessuu kamuu sadarkaa baayyeetti fayyaa namaatiif gaariidha. Garuu ammoo amala namaa irratti dhorkaan nam-tolcheen kaa'amu kamuu kan saayinsiin deeggaramu miti.

Garuu ammoo daa'imni battaluma dhalateetti hoosiisuun faayidaa hedduu qabaata. Aannan harmaa guyyaa jalqabaa qabiyyeensaa baayyee murteessaadha.

Da'umsaan booda dhiiga gadaameessa haadha irraa dhagala'u maluu akka dhaabbatu gochuuf ni gargaaras.

Akkasumas guyyoota muraasa dahumsaan booda jiran keessatti qaamni namaa waan qabiyyee pirootiin hedduu qabuu fi Kolostrool jedhamu baay'inaan oomisha. Innis waan gabbattaa adeemsa harma hoosiisuu eegalchiisuudha.

Dubartoota harma hoosiisan

Madda suuraa, Getty Images

Yaada dogongoraa 3: Wayita horma hosiifamu qoricha kamuu fudhachuu hin dandeessu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirofessar Waayit: Kunis gaaffii jalqabaa haadhoolii hundaati. Qorichi ani yoon fudhe fayyaa daa'imakoo hin hubne jiraa? Dhugaansaa garuu qorichoonni baayyee karaa harmaatiin daa'ima bira gahuu kan danda'an baayyee gadaanaadha.

Hakimiin keessan qorichi fudhachuun isin barbaachisa yoo isiniin jedhe, daa'ima hoosiiftaniif miidhaa akka qabaatu gaafadhaa.

Waan hunda caalaa daa'imtii haadha fayya buleettii qabaachu barbaadu. Wallaansi baramaan infekshinii, qofummaan itti dhagahamuufi dhukkubbii waliigalaa wal'aanuudha.

Qorichoonni wayita harmi hoosiifamu hin fudhatamne baayyee gadaanaadha. Isaanis qorichoota dhibbee cimaa akka kaansarii fa'i wallaanuuf oolaniidha.

Qorichoonni miidhaafi faayidaa hedduu qabaniif of eeggannoo cimaa barbaachisanis jiru. Dubartiin wayita harma hoosiiftuutti qoricha ajajjameef kamuu hakiima ishee gaaffii gaafachu qabdi.

Qorichoonni qorra ykn qufaadhaaf ajajaman amma aannan harmaa waan hir'saniif of eeggannoo barbaachisa. Akkasumas qorichoonni aadaa qabiyyeesaanii keessaa maal akka jiru waan hin beekamneefi heddunsaanii haalaa waan hin qoratamiin irraa of eeguun barbaachiisaadha.

Haadhoolii harma hoosiisan

Madda suuraa, Getty Images

Yaada dogongoraa 4: Harma hosiisuun dura nyaata mi'eessituu qaban soorachuu hin qabdu

Pirofessar Waayiti: Wayita harma hoosiifamuutti wanti hin sooratamne omtuu hin jiraatu.

Haata'u malee, hammi qabiyyee aannan harmaa waan nyaannun wal fakkaatta. Yeroo tokko tokkoos dubartiin haala harmashee hubachu dandeessi.

Fakkeenyaaf, ani mataankoo wayitan mucaa koo tokko hoosiisuutti yoo cuunfaa burtukaanaa fa'i dhuguutti mucaan baayyee itti hin tolu ture.

Yeroo tokkos goosa nyaata haadhooliin sooratan daa'ima keenyaarratti dhiibbaa yoo qabaatu ni hubanna. Ta'us garuu, garuu kan wallaansaan soorachuuf sirrii miti jedhamu omtu hin jiru.

Yaada dogongoraa 5: Harma hosiisuu yoo barbaadde gonkumaa aannan daakuu fayyadamu hin dandeessu

Pirofessar Waayit: Kun dhugaa miti. Garuu ammoo, ammi baay'ina aannan harmaa baayyeen haala dhiyyeessitiifi fedhii irratti hundaa'a. Qaamni dubartii umamaan akka daa'imaaf aannan oomishu ta'ee umame.

Kanaaf, daa'imti wayita fiixee harmaa hootuu, hormooniin qaama haadhaa akka amma aannan barbaachisuu oomishuuf kakkaasa. Kanaaf, yoo daa'ima baayyee xiqqoo, guddaa ykn lakkuu hoosiifte, qaamni haadhaa aannan gahaa ni omisha.

Aannan daakuu kennuu yoo eegalte ammoo, haala harma hoosiisuu jidduu gala. Qaamni haadhaa aannan dabalataa oomishuun akka barbaachisuuf mallattoo hin argatu.

Hammi aannanii kan xiqqaatu yoo ta'e, aannan daakuu kennuu ni danda'ama. Innis yeroof furmaata haata'u malee aannani harmaa akka xiqqaatuu ni cimsa.

Kana jechuun ammoo, yoo dhukkuubsattan ykn rakkoon isin mudatee abbaan warraa keessan daa'imaaf aannan daakuu kenne, kana jechuun isaan booda hoosiisuu hindandeessan jechuun miti.

Haadha mucaashee harma hoosiisaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Yaada dogongoraa 6: Yoo dhukkubsattuutti hoosiisuu hin dandeessu

Pirofessar Isuutkiliif: Lakkii kun dogongora. Namni dhukkubsate harma hoosiisuu kan hin dandeenye yoo HIV ykn dhukkubsa tiruutiin qabameedha.

Vaayirasiiwwan kunneen aannan harmaa keessaan daa'imatti darbu danda'u, kanas kanaan dura mirkaneessineera.

Kanaan alatti hanga qaamni haadhaa aannan oomisheetti, haatii dhukkubsattuun harma daa'ima dhalattuuf barbaachisaa ta'e hoosiisuu qabdi.

Dhiibeen daa'imaa karaa harma haadhaatiin deessuu irraa itti darbe kan agarree baayyee xiqqaadha.

Yaada dogongoraa 7: Waggaan ol yoo hoosifte harma guusuun rakkisaa ta'a

Pirofessar Waayit: Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa harmi haadhaa walitti fufiinsaan baatii jahaaf erga hoosiifameen booda, nyaataa salphaa eegalchuun barbaachisaa ta'u gorsa.

Haata'u malee yeroo sana hundaa harma hoosiisuun itti fufuun barbaachisaa ta'u hima. Yeroon harma hoosiisuun itti dhaabachu qabaatu ilaalchisees yeroon murtaa'e hin jiru.

Biyyoota guddatan kana akka UK'tti daa'imman baayyee waggaa tokkoo hanga wagggaa lamaa jiduutti harma guusiifamu.

Biyyoota guddinarratti argaman kan akka Yugaandaatti garuu yeroo daa'imti harma hoosiifamtu waggaa lamaa olidha.

Rakkoo guddaan biyyoota hedduu keessa jiru ammoo, haadhooliin haalum WHOn gorsuutti barbaachisuun daa'imasaanii harma akka hin hoosifneef boqannaa gahaan hin jiru.