Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoon Hamaas gadhiise lammiileen Israa’eliifi Ameerikaa butaman lubbuun akka jiran agarsiise
Viidiiyoon gareen Hamaas tibbanna gadhiisee tokko lammiilee Ameerikaafi Israa’el butaman Gaazaa keessa lubbuun akka jiran kan mirkanneessuudha jedhame.
Waraabbiin viidiyoo kanaas yoom akka waraabbame kan jedhame jiraachuu baatulleen, vidiyicha irratti kan mul’atu lammiin Israa’el Omrii Miiraan guyyoota 202’f qabamee turuu dubbata.
Lammiin Ameerikaa Kiiz Siijiil ammo aayaana Ayihudootaa torbaniin dura kabajame waan haasaa keessatti eeruuf viidiyichi kan dhiheenya waraabamee ta’uu agarsiisa jedhameera.
Namoonni butaman kunneen lamaan Onkololeessa 7, 2023 Hamaas wayita akka tasaa Israa’el irratti haleellaa baneetti kan gara Gaazaa geeffamaniidha.
Viidiyicha hordofuunis maatiiwwan namoota butamanii mootummaan Israa’el bilisa akka baasuuf Hamaas waliin marii akka taasisuuf gaafatan.
Haamaas suuraa namoota butaman kanneenii kan baasee yeroo Israa’eliifi Hamaas jidduutti mariin dhukaasa dhaabuu haaraan taasifamaa jira jedhameettiidha.
Qaamoolee lamaan mariisiisaa kan jirtu Masriin, namoota mariisiisan gara Israa’eliitti erguun dhagahamera.
Hamaas fi Israa’el mariin taasisan kan mirkaa’u yoo ta’e, haala waliitti fufaadhaan ta’u baatulleen Israa’el duula waraana lafoo kibba Gaazaa Raafaa keessatti gaggeessuuf dhaabuudhaan namoonni Gaazaatti qabamanii jiran bilisa ni bahu.
Lammiin Ameerikaa Siijiil haadha warraasaa Aviivaa waliin ture kan butame. Haata’u malee haatii warraa saa Aviivaan marii dura taasifameen kanneen gadhiifaman keessaa tokko.
Aviivaan erga gadhiifamtee torbanootaan booda gaafiifi deebii kenniiteen, abbaan warraashee Siijaal lubbuun jiraachuu isaarratti shakkii akka qabdu dubbattee turte.
Viidiyichi bahu hordofee garuu intalli Siijaal Ilaan ‘‘abbaakoo har’a viidiyoorratti arguunkoo hundi keenyaa namoonni butaman akka gadhiifamaniif mariin akka taasifamuuf yaalii taasisuu akka qabnu na hubachiiseera’’ jette.
Abbaan Omrii Miiraan, Daanii Miiraan ammo, viidiyichi erga baheen booda hiirara mormii Teel Aviiviitti taasifame irratti hirmaataniiru.
Daanii Miiraan ilmisaa lubbuudhaan jiraachu baruun boqonnaa guddaa akka kenneef dubbachuun, mootummaan ministira mummee Beenjaamiin Netaanyaahuun namoota butaman gadhiisiisuuf caalaa hojjachuu qaba jedhan.
Hamaas akkasuma torban tokko duras nama lamii Israa’el-Ameerikaa ta’e dargaggoo wagga 23, Heershi Goldibarg poolii lubbuudhaan jiraachuusaa suuraadhaan baasee ture.
Suuricha irrattis harki dargaggoo kanaa bitaa gara gadiitti kutamee agarsiiseera. Dargaggoon kunis balaan kan irra qaqabe guyyaa Onkololeessa 7, 2023 wayita Hamaas haleellaa tasaa Israa’el irratti raawwate ta’un ibsameera.
Viidiyoo ammaa kanarratti ammo maanguddoon umuriin waggaa 64 Siijiil fi kan wagga 46 Miiraan, namoota butaman gadhiisiisuuf mootummaan Israa’el Hamaas waliin mariidhaaf akka taa’u yoo gaafatan mul’atu.
Miiraan, ‘‘ergan Hamaasiin butamee guyyoonni 202 darbaniiru. Haallii asi jiruu baayyee cimaadha. Bombii hedduutuu jira’’ jedha.
Mariin mootummaan Israa’eliifi Hamaas taasisan sababiiwwna garaagaraatiin osoo hin milkaa’iin hafeera.
Kanaan dura Israa’el dhukaasa dhaabuu torbanota jahaaf turu taasiftee, namoota butaman 40n akka gadhiifamaniif gaaffattee turte. Haata’u malee Hamaas kana ni kuffise.
Hamaas namoota butaman hunda kanan gadhiisuu Israa’el yoo waraanaa eegalte guttummaan kan dhaabdu ta’e, akkasumas loltoonni Israa’el gutummaan Gaazaa keessaa yoo bahaniifi kanneen buqqaafaman gara qe’eesaaniitti yoo deebii’aniidha jedhe ture.
Mootummaan Ministira Mummee Beenjaamiin Neetaaniiyaahuun, Hamaas fuula dacheerraa ball’eesseen kanneen butaman bilisa baasa yoo jedhu dhagahama.
Hamaas haleellaa Onkololeessa 7 kibba Israa’el irratti akka tasaa baneen, namoota 1,200 ol ajjeessuun kanneen 250 ol ta’an butee fudhachuun ni yaadatama.
Gama biraatiin ammo haleellaa haaloo bahumsaa Israa’el fudhataa jirtuun kan irra caalaan isaanii dubartootaafi daa’imman ta’an, namoonni kuma 34 ol Gaazaa keessatti ajjeeffamaniiru.
Waliigaltee kanaan dura Israa’eliifi Hamaas irra gahaniin namoonni butaman 105 gadhiifamuun, hidhamtoonni Filisxeem mana hidhaa Israa’el turan 240 gadhiifamanii ture. Yeroo sanattis dhukaasa dhaabunis torban tokkoof taasifamee ture.
Ammas namoonni butaman 133 ta’an Gaazaatti akka argaman kan tilmaamamu yoo ta’u, isaan keessaa kan 30 ta’an lubbuun akka hin jiraannee yaadama.