Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pilaanetonni gurguddoon shan toora galanii haala addaatiin mul’achuuf
Pilaanetonni gurguddoon shan sirna soolarii keessa jirru keessatti argaman tooran galanii wal fanaa haala heddu hin baratamneen Jimaataa ifanii mul’achuuf jiru.
Yoo samiirra dumeessi hin jiraanne halkaan bari’uun dura pilaanetoonni Meerkurii, Veenusi, Maarsii, Juuppitarii fi Saatarniin wayita toora galanii ifan ijaan ilaaluun ni danda’ama.
Meerkurii carraa adda ta’e kanaan arguun ni danda’ama, yeroo hedduu garuu pilaanetiin kun ifa aduutiin haguugamti ykn dhokatti ture.
Pilaaneetonni kun Jimaata siriitti wal faana mul’atu, garuu kutaalee addunyaa harka caalutti amma Wiixata dhuftuutti mul’achuu itti fufu jedhameera.
Pilaanetoonni kunneen akkaataa kanaan toora galanii yeroo xumuraaf kan mul’atan bara 2004 yoo ta’u, kana booda amma bara 2040tti deebi’anii hin mul’atan.
Pilaanetoonni kun tarree galanii mul’achuuf akka jiran saayintistiin hawaa Pirofesar Lusii Giriin kan himan.
Taatee kana waanti adda taasisu pilaanetoonni akkaata aduu irra fageenya qabanitti toora galanii mul’atu jedhan.
UK dabalatee biyyoonni heemesfara Kaabaatti argaman otoo aduun hin bahiin dura daqiiwwan 45 hanga 90 ta’uuf sirnaan taatee kana daawwachuu ni danda’u.
Mukkeen gurguddo fi gamoowwan daawwanna kanarratti namoota daawwatanitti gufuu ta’uu malu.
Barii jalaa ka’uutu gorfame, sababni isaammoo akkuma aduun ifteen pilaanetota kana akka hin argine taasisti.
Pilaanetonni kun halkan ijaan ni mul’atu, Pirofesar Giriin namoonni samii keessa meeshaalee akka Baanaakularootaafi Teleleskoppiin samii ilaaluuf akka itti hin gargaaramne gorsan.
Sababni isaammoo biiftuu kallattiin akka ilaalaniif isaan saaxiluu mala jedhu.
Jalqaba pilaanetii ishee baayyee fagoo jirtu Saatarnii ilaaluudha jedhanii gorsan.
Sana booda hanga Veenusii argitutti pilaanetoota as aanaan lakkaa’aa jedhan.
Veenusiin pilaanetii baayyee iftuudha.
Tarree xumuraa gubbattii kan argamtu Meerkuuriidha.
Pirofesar Giriin Meerkurii arguuf waggoota dheeraa natti fudhate jedhaniiru. Sababiin isaa, "pilaanetii iftee dimmimmistu kana arguun gammachuu naaf laata,’’ jedhan.
Namoonni naannoo tiroopikiiwwanii lamaanii jiraniifi hemeesfara Kibbaatti argaman sirriitti daawwachuuf carraa akka qabanillee kaasaniiru.