Mormiin qorumsa biyyaalessaa Indiyaa aanga'aa aangoorraa ariisise

Maxxanfame

Guyyoota darban Indiyaan mormii jabaa barattootaa keessummeessaa turte. Sababni ammoo bu'aan qorumsa biyyaalessaa barattoota gara daabbilee olaanaatti dabarsuudha.

Qorumsa waggaa waggaan miiliyoonotni fudhatan kun bu'aan isaa yeroo ifa godhamu haala hin baratamneen hedduun qabxii olaanaa fiduusaanii duuba himatni qormaatichi hatameera jedhu dhagahameera.

Wanti mormii guddaa kaase qabxii olaanaan galmaahuu qofa osoo hin taane akka durii barattootni carraa dhaabbilee olaanootti ramadamuu argatan amma sababa qabxii akka malee baayyatee dhufeef hireen Yunivarsiitii galuusanii xiqqaachuudha.

Warrumti dhama'anii qabxii gaarii fidan sababa qabxii xiqqaan ramaddiisaanii mirkaneessuuf ol ka'uu waan danda'uuf isaan yaaddesseera.

Amma mormii guyyootaaf godhame booda hogganaan Ejensii qormaata biyyaalesasa Indiyaa rakkoolee qormaata sensa barnoota olaanaa mudateen walqabatee aangoorraa akka ka'u godhameera.

Mootummaan koree addaa adeemsa barattoota calaluurratti fala dhahus ijaareera.

Damee barnoota fayyaa galuuf qorumsa kennameen haala hin baratamneen kaadhimamtootni hedduun qabxii olaanaa waan galmeessaniif qormaatni irra deebiin akka kennamu waamichi dhiyaateera. Hanni qormaataa raawwateera jechuunis mormiin gaggeefamaa bahe.

Qorumsa biyyaalesaa gahumsa kaadhimamtootaa madaalu National Eligibility Cum Entrance Test osoo hin fudhatiin Indiyaatti barnoota olaanaatti makamuun hin danda'amu.

Qabxii qorumsa kana Waxabajjii 4 erga ifa godhamee booda rakkooleen hannaafi waraqaan qorumsa walfakaaachuu hanqachuun dheekkamsa kaaseera.

Jalqaba ji'a kanaatti Ministirri Barnootaa biyyattii Darmeendiraa Praadaan rakkooleen mudatan jiraachuu amananii ture.

Hogganaan Ejensii qorumsaa biyyaalessaa Subood Kumaar Siing qeeqni fi dhiibbaan guddaan irra gahaa erga turee booda Sambata xiqqaa darbe aangoorraa kaafame.

Sagantawwan PhD fellowships qorumsi kennamuuf qabamee tures waraqaan qormaataa hatamee intarneetarratti bahuu booda yeroo biraatti dabarfameera.

Barnoota oogummaa Fayyaa sadarkaa post-graduate degree' tti kennamuuf qormaatni Dilbata kanatti qabamee tures dabarfameera.

Dhaabbileen siyaasaa mormituufi barattootni rakkoolee akkanaan walqabatee mootummaa Ministira Muummee Nariidiraa Moodiirratti dhiibbaa gochaa jiru.