Haatii fi intalli carraan baheef yeroo jalqabaaf gara hawaatti imaluuf

Kana dura haatiifi intalli erga takkaa gara hawaatti imalanii hin beekan

Madda suuraa, VIRGIN GALACTIC

Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura haatiifi intalli erga takkaa gara hawaatti imalanii hin beekan
Maxxanfame

Barattuun Yunivarsitiifi haatii ishee carraan baheef dhuma torban kanaatti gara hawaatti imaluuf.

Seenaa keessatti haatiifi intalli gara hawaatti imalanii hin beekan.

Kanaaf imalli barattuu ganna 18 Anasteezhiyaa Meeyars fi harmee ishee Keeyishaa Shahaaf gara hawaatti taasisan seenaa keessatti kan jalqabaa ta'a.

Kana malees haatiif intalli kunneen Kaaribiyaan irraa gara Hawaatti yoo imalan kan jalqabaa ta'u.

Haatiifi inatalli kunneenis imalasaanii kana Kamisa dhufaa Niiw Meeksiikoo irraa akka eegalan himame.

Keeyishaan fi intalli ishee carraa kana kan argatan erga haatii dhimma viizaa intalasheetiif UK dhaquun carraa keessa galuudhaaf guca guutteen booda ture.

Yeroo beeksifni carraa kanaa baheettis Keeyishaan Antiguwaa irraa gara Landaniitti balali'aa turte.

''Jalqabarratti guca naaf kennameen guute. Isaan boodas baatiii lamaan booda akkan namoota filataman 20 keessa gale natti himan.

''Ittaansee ammoo dhumarratti namoota filataman shan keessa galuun mo'achuun danda'e,'' jette.

"Boodas akkuma tasaatti eenyutu mana keenya dhufe seetan? Riichaard Biraansan fi miseensonni gariichaa mana keenya dhufuun akka carricha injifanneefi gara hawaa akka imalluu nutti himan.''

Galactic 01 Waxabajjii keessa ol fageenya kilomeetira 85 qaqqabee ture

Madda suuraa, VIRGIN GALACTIC

Ibsa waa'ee suuraa, Galactic 01 Waxabajjii keessa ol fageenya kilomeetira 85 qaqqabee ture

Anastezhiyaa ammoo dowwannaadhaaf gara Hawaa imaluuf carraa kana kan isheef argamsiisee Iskootilaandii keessatti barachuuf murteessuu ishee ta'u dubbatti.

''Osoo Yunivarsitii Abardiinitti barachuuf iyyachuun viizaa argachuuf ammoo imala dheeraa deemuuf murteessuu baadhee, gara hawaa hin imallu turre,'' jetti.

"Waan kanarra akka geenyuf yeroo addaa ta'e keessatti wantoonni hedduun akka nu qunnamanitti natti dhagahama.''

Barattuun waggaa lammaffaa fiziiksiifi falaasamaa tunis, barachuudhaaf gara Iskootilaand dhaquun ishee murtee isa guddaa jireenya ishee keessatti raawwattedha.

Haata'u malee, ''innis carraa addaa akka argattu ishee dandeessise.''

Carraa argatan kanaan haatiifi intalli kun Kamisa dhufaatti imalasaanii gara hawaatti taasisuuf buufata hawaa Ameerikaa kan bulchiinsa Meeksiikoo irraa ka'u.

Ergamni Galactic 02 jedhamees kunis balaliinsa daldalaa lammaffaa taasifamu yoo ta'u, innis kan maamiltoonni kanfaltiidhaan ittiin balali'anidha.

Namoonni xiyyaara rookettii kanaan balali'uuf dolaara kuma 450 akka kanfalan gaafatamu.

Ergamni Galactic 01 kan balali'ee Waxabajjii darbe keessa ture.

Innis ol fageenya 85km irra gahee ture. Imalli lammaffaan kunis ol fageenya wal fakkaataa irra qaqqaba jedhamee eegama.

Hawaatti imaluudhaaf dargaggoo umriin gadaanaa lammaffaa kan taate shamarreen kuni, waan addeecha irratti agartuun warra kaan jajjabeessuuf akka itti fayyadamtu dubbatti.

''Innis anaaf Iskotilaandiifi bakkan ani hidhata qabaadhu kamittuu baay'ee barbaachisaa ta'a,'' jetti.

Namoonnis daawwachuun akka deeggarsa taasisaniifilleen abdatte jirti.

''Kaayyoon kiyyas danqaalee addunyaan nuu kaa'eefi isa ofii keenyaaf keenye cabsuudhas'' jetti.