Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saatalaayitiin Raashiyaa hawaa keessatti caccabde
Saatalaayitiin Raashiyaa hawaa keessatti bakka 100 olitti gargar caccabuun qorattoonni hawaa Wiirtuu Qorannoo Hawaa Idil-addunyaarra hojjatan sa'aatii tokko kan ta'uuf dahachuu ejansiin hawaa US beeksise.
Akka gabaasa Rooyitarsitti saatalaayitiin Raashiyaa RESURS-P1 jedhamtu akka caccabduuf sababni kana waanti jedhame hin jiru.
Saatalaayitiin kun hojiin ala ta'uushee Raashiyaan bara 2022 beeksiftee turte. Caccabaan saatalaayitii Raashiyaa kun saatalaayitiiwwan biroo irratti yaaddoo hin uumne jedhe Ajajani Hawaa US.
Taaten kun kan uumame gaafa Roobii, Waxabajjii 26, yoo ta'u orbiitii qorattoonni hawaa US irra jiranitti dhiyoo ta'uusaarraa kan ka'e qorattoonni hawaa US sa'aatii tokkoof dahachuu isaanii NASAn beeksise.
Ejansiin Hawaa Raashiyaa Roscosmos waa'ee caccabuu saatalaayitii kanaarratti deebii hin laanne.
Ajajni Hawaa US, raadaarii sochii saatalaayitiiwwan idil-addunyaa duuka bu'ee to'atu akka jedhetti, saatalaayitiin Raashiyaa kun erga caccabdee booda battalumatti caccabaa 100 ol arguu beekise.
Hawaa keessatti caccabaawwan saatalaayitii balaan hamaa ta'e geessisanii hin beekan. Haa ta'u garuu, yeroo ammaa saatalaayitoonni heddu gara hawaatti ergamuurraa kan ka'e yaaddoo uumunsaa hin oolle.
Bakki saatalaayitiin Raashiyaa itti caccabde kun orbiitii gara gadii bakka saatalaayitoonni hedd jiranitti yoo ta'u, ol fageenya km 355 irratti argama.
Raashiyaan bara 2021tti saatalaayitiishee hojiin ala ta'e tokko misaa'ela farra saatalaayitii lafaa itti dhukaasun rukuttee hawaa keessatti akka caccabu gootee turte.
Kuni ammoo biyyoota Lixaafi US baay'ee dheekkamsiisee ture. Raashiyaan misaa'elaan saatalaayitii ofiishee rukutuunshee Yukireen osoo hib weerarin dura ture.
Saataalaayitiiwwan dullooman maal ta'u?
Saatalaayitiiwwan hojiin ala ta'an hanga atimosferii lafaatti gadi deebi'anitti orbiitidhuma keessa turu ykn bakka "iddoo awwaala saatalaayitii" jedhamuun beekamuufi saatalaayitiiwwan birootti akka hin buunef filatamaadha jedhametti deemu.
Ejansiin Hawaa Raashiyaa, Roscosmos, saatalaayitii amma caccabde RESURS-P1 rakkootu uumame jechuun hojiin ala godhee ture.
Amma yeroo caccabe jedhametti astiroonomaroonni ykn qorattoonni hawaa US jaha giddu gala hawaa keessa jiran akka balaa uumame jalaa akka dahataniif NASAn odeeffannoo kenneef.
Qorattoonni hawaa kun sa'aatii tokko booda bakka itti dahatanii bahanii hojiisaanii nagumaan itti fufuu NASAn beeksise.