Magaala Finfinneefi naannawasheetti Adoolessa qofatti namoonni sagal bishaaniin nyaataman

Maxxanfame

Magaala Finfinnee fi Godina Addaa Naannawwa Finfinnee keessatti waqxii ganna kanaaatiin walqabatee ji’a Adoolessa keessa qofa namoonni sagal bishaanin nyaatamuun du’utu himame.

Ogeessa Sab-qunnamtii Uummataa Komishinii Sodaa Balaa fi Abiddaa Magaala Finfinnee, Obbo Nigaatuu Maammoo BBC'tti akka himanitti, namoonni laga lixanii lubuun isaanii darbu irra deddeebin dhagahamaa jira.  

Namoota du’an kanneen keessaa kan osoo bishaan daakuu hin danda’in daakuu yaalanii kan du’anis akka jiran dubbatu. Kaan ammoo akkamitti akka du’an poolisiin qorataa jiru jedhan.

Magaala Finfinnee fi naannawa sheetti meeshaalee gurgurtaaf oolan laga seenanii osoo barbaadanii ykn laga ce'uuf osoo yaalanii kanneen du’anis akka jiran ibsu Obbo Nigaatun.

Namoonni du’an hundi isaanii dhiirota umuriisaanii waggaa 18 hanga 60 jiran yoo ta’an, afran isaanii dargaggoota jedhu.   

“Ji’a tokko keessatti namni sagal laga bu’anii du’uun lakkoofsa guddaadha,” kan jedhan Obbo Nigaatun, ALI'tti bara 2014 qofaatti balaadhaan wal qabatee namoonni 115 ta’an lubbuun isaanii akka darbe dubbatu. 

Namoota kanneen keessaa 14 balaa abiddatiin yoo lubbuun isaanii darbu, kan hafan ammoo laga bu’un, hojii ijaarsaa irratti balaa mudatuu fi sababoota garaa garaatiin kan du’an.

Obbo Nigaatun akka jedhanitti, lolaadhan wal qabatee ammoo namoonni lama lubuunsaanii darbeera.

Keessumaa Sanbataa fi Dilbata darbee Bulchiinsa Lammii Kuraa fi Aqaaqii Qaallittii keessatti lolaan miidhaa geessisee akka ture angawaan kun ibsanii jiru.

Balaawwan kunneenis kan Komishinichaaf gaabaafame qofaa yoo ta’u, balaan qaqqabee osoo hin gabaafamin kan hafes hin dhabamu jedhu.

Roobni bara kanaa cima ta’uu akka hin oolle waan barameef bakkeewwan 61'tti iddoowwan 161 balaaf saaxilamoo ta’an dursanii adda baasun sarara lolaa sirreessuu, hawasa barsiisuu, namoota naannoo qarqara lagaa jiraatanii fi saaxilamoo ta’an baka birootti akka jijjiiraman godhamuu dubbatu Obbo Nigaatun.

Bara darbe sababa lolaatin namoonni 10 yoo du’an, qabeenyi birrii miliyeena 4.7'tti tilmaamamu manca’ee ture.

“Bara kana roobni dabaleera. Lolaanis akkasuma; bakkeewwan balaan itti hammaatan dursanii osoo adda bahuu baatanii balaa kana caalutu mudata ture. Dursa qophiin waan taasifameef waanti bara darbe nu mudate barana nu mudata jedhee hin yaadu,” jedhan Obbo Nigaatuu Maammoo.