Yugaandaatti daa'imni roobiin liqimfamee lubbuun oole

Roobii afaan banaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Mucaan dhiiraa umuriin ganna lama ta'e mana isaa kaaba-lixa Yugaandaatti argamutti roobiin liqimfame lubbuun oole.

Daa'imni maqaan isaa Igaa Paawol jedhamu kun yeroo roobiin kun dhufee isa liqimsutti qarqara Haroo Ediwaard mana isaaniitti dhiyoo jiruu taphachaa ture.

Bineensi kun dhufee daa'ima kana butee "gar-tokkoo qaama daa'ima kanaa liqimse," jedhe poolisiin.

Yeroo kun ta'u namni achi ture tokko ammoo roobii kanatti dhakaa daddarbachuun harkaa buuse jechuun itti dabaluun ibse poolisiin kun.

Aanga'aan Abbaa-taayitaa Bineensota Bosonaa garuu jecha daa'mni ni liqimfame jedhu haaluun, mucaan dhiiraa kun ni liqimfame osoo hin taane ni rukkutame jechuun BBCtti hime.

Akka poolisiin jedhetti, erga bineensi kun gaafa Mudde 4 daa'ima kanarraan miidhaa geessiseen booda gara hospitaala dhiyoo jiruutti geeffamuun miidhaa irra gaheef wallaansa argachaa jira.

Boodarra daa'imni kun gara Hospitaala Biweeraatti dabarfamuun doktoroonni of eeggannoof jecha talaallii dhukkuba saree maraatuu (rabies vaccine) kennaniif.

Taateen mudate kun roobiin yeroo jalqabaatiif bakka isaa keessaa bahee namarraan miidhaa geessisuu isaa kan jalqabaati jedhe poolisiin.

Haata'u malee, bineensi guddaan kiiloo giraama 1,500 ulfaatu kun waggaatti Afrikaa keessatti namoota 500 ni ajjeesa.

Qondaalli poolisii, bineensi kun "dhala namaa akka yaaddoo isaaf ta'anitti" ilaaluu waan danda'uuf tuttuqqaan waliin taasifamu kamiyyu akka isaan amala hin taane agarsiisaniifi nama lolan gochuu danda'a," jedhe.

Roobiin bineensota lafarra jiran keessaa guddina isaatiin sadaffaa yoo ta'u ilkaan isaa hanga saantii-meetira 50.8 ni dheerata.

Qaamaan guddaa ta'ullee, roobiin saatii tokko keessatti fageenya hanga kiiloomeetira 32 fiiguu ni danda'a.

Bineensi kun uumamaan baala kan nyaatu (herbivorse) yoo ta'u, yeroo bakki isaan keessa jiraatan tuqamuufi jeeqamutti ykn wanti isaan yaaddessu akka jiru itti dhaga'amnaan dheekkamanii bahu.