'Abbaan cimaa baranaa' daa'ima baatanii waajira keessaa mul'atan maal himu?

Obboo Dassaalany daa'imasaanii baatanii waajira keessa

Madda suuraa, Yam Yeruk/Nan Promtion

Maxxanfame

Tibbana miidiyaalee hawaasummaarratti abbaan daa’imasaanii baatanii waajira keessaa hojii hojjetan qoodamuu hordofee “abbaa cimaa bara kanaa” jedhamuun leellifamaa jiru.

Kanneen yaada kennan hedduun, “abbaan kun nama akkaan cimaa taheedha” ogguu jedhan, kaan ammoo kun mul’istuu qaala’insa jireenyaa biyyattiidha kan jedhu kaasuun kunuunsi daa’immanii salphaa akka hin taane barreessaniiru.

Gariin namootaa ammoo, waajiraalee tokko tokko keessaa bakki tursiisa daa’immanii waggoota dhiyoon asitti eegalamuu kaasuun, maaliif kana hin goone jechuun gaafatu.

Gaheessa ganna 37 ka ta'an Obboo Dassaalany Firoo ijoollee sadii qabu.

Isaa keessaa intalasaanii waggaa sadii Kiiloolee jedhamtu baatanii teessoo waajiraarra taa’anii suuraarraa mul’atu.

Hojjetaa mootummaa akka tahan kan dubbatan namni kun, maqaa waajirasaanii eerurraa of qusataniiru.

Bakki hojiisaanii magaalaa Finfinnee ogguu tahu, iddoon jireenyaa isaanii ammoo Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sulultaa akka tahe BBC’tti himan.

Waa’ee haadha warraasaanii kan gaafanne Obboo Dassaalany, isaanis akkuma isaanii hojii mootummaa keessa akka jiran dubbatu.

“Yeroo ammaa kana ilmi namaa dararaa adda addaa keessa jira. [Haadha warraa] kiyya wajjiin dabareedhaan walharkaa fuudhaa daa’ima keenya guddisna.

''Erga Fulbaanaa asitti hojjettuun tasgabbiin mana keessa nuu taa’uu diddeef, murtoo mataa keenyaa [murteessine].”

Yaaddoo nageenyaa fi qaala’insa jireenyaa

“Yeroo ammaa kana daa’ima manatti gatanii deemuun, ka dallaalaatiin dhufullee qacaranii daa’ima biratti gatanii deemuurratti shakkii hedduu qabna,” jedhu abbaan kun.

Kana malees bakki keessa jiraatan, naannoo bosonaa akka tahe kaasu. “Namni qe’ee oolu hinjiru, daa’ima kana gannee deemuudhaaf… rakkoon garagaraa yeroo itti uumamu argina.”

“[Kanaaf] daa’imman kana fuunee deemuudhaaf dirqamne,” jedhu.

Hojjettuu argachuuf ji’ootaaf yaalaa akka turan kan himan Obboo Dassaalany, “kan si gaafatan [ji’atti] 3,000 hanga 4,000’ti,” jedhu.

“Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessa jiru beekamaadha,” kan jedhan namni kun, diinagdeen alattis nageenyi daa’imasaanii akka isaan yaaddessu himu.

“Kanfaltii kana raawwachuuf fedhii fi humna qabaadhellee, shakkii nageenya daa’imman irratti dhufurraa kan ka’e [kana gochuu hin dandeenye].”

Mana barumsaalee galchuuf umuriin daa’ima kanaa akka hin geenyes dubbatu Obboo Dassaalany.

Abbaa daa'ima taphachiisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Miidiyaa hawaasaan duuba…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga suuraan isaanii kun marsaalee hawaasaa gubbaatti qoodamee, deebii hedduu akka keessummeessan kan himan abbaan kun, “galgala tokkootti miidiyaan hawaasaa addunyaa kanarra dhiibbaa gochuu akka danda’u [hubadheera],” jedhu.

“Wantoonni nama ijaaran, maatii ijaaran [ka’aa turan]… Yaadonni ka’an kun babal’atanii akka biyyaatti, naannootti, akka maatiittis ta’u otoo irratti hojjetamee baay’ee gaarii natti fakkaata.

Keessumaa waajjiraaleen mootummaa oolmaa daa’immanii babal’isaa waan jiraniif… [qaamni dhimmi ilaallatu], yaadota ka’an madaalee kana babal’isuu yoo danda’e gaarii natti fakkaata.”

Yaadonni gama marsaalee hawaasaan isaaniif ka’an gara caalu kan eeyyeentaa akka tahe kaasuun, qeeqni muraasnis irratti dhiyaachuu hin doksine. Deebiin isaan argatan kun, waliigalatti gaafatama hawaasummaa kan agarsisedha jedhu.

“[Yaadonni ka’an] anallee baay’ee na ijaaran,” jedhu.

“Ilmi namaa ittigaafatama hawaasummaa keessatti maal gochuu akka qabu, jireenya bultoo keessatti, namni akkamitti waldanda’ee jiraachuu akka qabu barumsa gaarii kan laate natti fakkaata.”

Dabaluunis seenaa isaanii miidiyaarra qoodame kanarraa dhaloonni dhufu akka irraa baratu abdii qabu.

“Haati warraakoo daa’imman kaan fuudhanii mana barumsaa deemu. Kanaaf gargaarsuma isaanii sanaaf ijaarsa gochuuf, wal jajjabeessuuf, isa dhufaa jiruufis barumsa gaarii ta’a.

“Haati warraa kiyya guddaa galata qabu,” jechuunis qooda maatiisaanii keessaa qabaniif isaan jaju.

Kana malees abbaan kun gama fayyaatiin daa’imman ofii wajjin yeroo dabarsuun akka gorfamu waan ogeeyyiirraa dhagaheera jedhan kaasu.

“Daa’imuma ofii ofjala kaa’anii dhungachuun fayyaa daa’immaniif faayidaa akka qabu, nagaa fi gammachuu akka isaaniif kennu [ragaaleen] ni himu.

“Irra caalaa garuu jaalala maatii daa’immanitti dabarsuun, dirqama abbaafi haadhaati.”

oolmaa daa'immanitti daa'imaa fi dubartii teesse

Madda suuraa, Getty Images

Oolmaa daa’immanii bakka hojiitti...

Itoophiyaa dabalatee biyyoota garagaraatti iddoo hojiitti bakka tursiisa daa’immanii ykn oolmaa daa’immanii arguun baratamaa dhufeera.

Addunyaarra kaampaaniiwwan maqaa gurguddaa qaban kanneen akka Google, Microsoft, Amazon fi kaanis, hojjettoota isaaniif waajiraalee isaanii keessatti bakka oolmaa daa’immanii qabu.

Karoorri sagantaa kanaas hojjettoonni maatii daa’immanii ta’an, kunuunsa ijoolleef jecha yeroo fi baasii qisaasan hambisuuf kan kayyeeffatedha.

Akka Dhaabbanni Hojjetaa Idiladdunyaa (ILO) jedhutti, bakka hojiitti tursiisa daa’immanii qopheessuun daran murteessaadha jedha.

Yeroo ammaatti abbaafi haati warraa lamman isaaniiyyuu hojii hojjechuun galii argachuuf fedhan dabaluun isaanii sababoota dhaabbatichi kaasu keessaa isa tokko.

Akkasumas lakkoofsi firaafi maatii - akkawoo fi adaadaan fa’i akka duriitti ijoollee kunuunsan hir’achaa dhufeera jedha.

Ragaaleen akka mul’isanitti, bakka hojiitti oolmaa daa’immanii midhaassuun, hirmaannaa hojjettootaa dabaluun, oomishtummaan ni guddisa.