Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirni Gadaa Oromoo Walloo kufee ka’e har’a maalirra jira?
“Sabasaatin adda bahee kan ture, Gadaansaa kan harkaa kufee Oromoon Walloo amma haala gaariitti jira” jedhan Abbaan Gadaa Oromoo Walloo Ahimad Mahaammad Umar.
Ummatni Oromoo Walloo akkuma ummata Oromoo kaanii aadaafii duudhaa Sirna Gadaatin bulaa akka ture ogeeyyiin aadaa godinichaafii Abbootiin Gadaa himu.
Haa ta’u malee dhiibbaan kallattii garagaraan irratti taasifame sirnichi akka adda citufii baduuf sababa ta’e.
“Dur irraa kaasee sirni Gadaa ni jira ture. Haata’u malee gidduutti mootummoota darbaniin sababoota adda addaatin laafaa dhufe. Inumaayyuu ummatni akka dagatu, akka irraanfatu tasifamaa ture” jedhu Naannoo Amaaraatti dursaan garee aadaa Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Ibraahim.
Haa ta’u malee sirnichi yoom adda akka cite ragaan ifatti agarsiisu kan hin jirre ta’uu dubbatan.
Abbaan Gadaa Oromoo Walloo Ahimad Mahaammad Umar immoo Sirni Gadaa Oromoo Walloo bara Gadaa Aabbee Mansur adda cituusaa maanguddootta buleeyyii fi hayyootarraa odeeffachuu isaanii himu.
Sababni sirni Gadaa Oromoo Walloo adda itti cites “Oromummaa kana balleessuu keessatti gaarri hin bahamne hin jiru ture. Sirna dur turetu waan kana balleessuuf biyya tana weerare. Sababa kanaan baduu danda’e” jedhan.
Miidhaa kufaatii Gadaa…
Kufaatiin Gadaa Oromoo Walloo ummatichi rakkoolee garagaraaf saaxiluufii miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu Abbaa Gadaa Ahimad Mahaammad himu.
“Eenyummaa ofii akka wallaalu godheera. Lammaffaa immoo saba isaatin adda isa baase. Fira ofii kan Kaabaaf Kibba keessaa qabu, Oromiyaa bal’oo keessaa qabullee akka walitti dhufee ittiin hin mari’anne, obbolaa akka hintaane, kophaasaa as keessatti badii ta’ee jiraatu isa godhe” jedhan.
Kana malees “namni walitti deemee wayi hin hiikkanne, wanti hundi mana murtiin akka dhumu aadaa qabun akka hin dhumne isa godheera. Jaarsummaadhaan taa’ee aadaafii safuu qabun akka hin hiikkanne isa godhee harka duwwaa isa hambiseera” jechuunis himan.
Haa ta’u malee, deebi’uun Gadaa Oromoo Walloo walitti dhufeenya ummatichi ummata Oromoo kaan waliin qabu kan cimse ta’uu himu.
Dabalataan eenyummaafii duudhaan Oromummaa akka calaqifamu taasisuus Abbaa Gadaa Mahaammad Abduu dubbatu.
Adeemsa Gadaa badde deebisuu…
Sirni Gadaa Oromoo Walloo waggoota dheeraaf erga adda cite booda haaromsuun jalqabsiisuuf waggoota lamaan dura sochiin eegalame.
“Barreeffama qopheessinee ka’umsa sanaan ‘Gadaan Walloo deebi’ee dhaabbachuu qaba’ kan jedhu bara lama dura barreeeffamaan hamma tokko qindeessinee caasaan isaa hanga aanaatti hanga gandaatti akka jiraatu goone” jedhan dursaan garee aadaa Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Ibraahim.
Ummata waliin mariin erga taasifamee boodas maanguddootni 63 aanaalee godinichaa torba keessaa walitti dhufun yaa’iin taa’ame.
Filannoon Abbaa Gadaa, Abbaa Bokkuu fi Abbaa Duulaafii caasaaleen biroos adeemsifame.
Gosaan Ituu kan ta’an Ahimad Mahaammad Umaris Abbaa Gadaa Oromoo Walloo ta’uun filataman; baalliis fudhatan.
“Ani gosti kiyya Ituudha. Ituu keessaa Baabbo, Baabbo keessaa Guta. ‘Sanyiin kun hangafa waan ta’eef argatuu qaba’ jedhanii natti kennan” jechuun haala Baallii itti fudhatan ibsu.
Dhiibbaa sirna Gadaarratti ammallee itti fufe
Gadaan Oromoo Walloo erga deebi’ee lafa qabatee booda hojiilee garagaraa hojjetaa turuu Abbaan Gadaafii ogeeyyiin aadaa ni himu.
Haaromsa Gadaan booda ummattoota ollaa waliin walitti bu’iinsi yemmuu uumamu rakkinichi Abbootii Gadaan akka furamu taasifamuu himan.
Haa ta’u malee Gadaan deebi’us waggoota lamaan darban rakkoolee garagaraan qoratamaa har’a gahe.
Rakkoon inni tokko hanqina bajataa sochiin caasaa Gadaa Walloo hanga barbaadamu akka hin sochoone ta'uu odeeffannoon Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Godina Addaa Saba Oromoo irraa arganne mul’isa.
“Inni lammataa rakkoo ilaalchaati. Rakkoo ilaalchaa hawaasa tokko tokko bira jiru. Sirni Gadaa kun yoo cime ‘nuyi akkas taana’ jedhanii kan shakkaniifii kan ilaalcha biraa qabaatan ni jiru” jedhan dursaan garee aadaa qajeelchichaa Obbo Ahimad Ibraahim.
Dhiibbaan angawoota mootummaan taasifamu akka jiru dhimma irra deddeebiin dhagahamu yemmuu ta’u Abbaan Gadaa Oromoo Walloo Ahimad Mahaammad dhimmicharratti yaada kennuuf fedhii akka hin qabne BBCti himaniiru.
Haa ta’u malee dursaan garee aadaa qajeelchichaa Obbo Ahimad Ibraahim ilaalchawwan fi shakkiiwwan jiraatanis ummatichi cimee sirna Gadaasaa itti fufsiisuu akka qabu dhaaman.