Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akka itti Manni Murtii Olaanaa US aangoo pireezidantii qoruun egeree Ameerikaa jijjiiraa jiru
Yeroo guyyoota 10 hin caalle keessatti Ameerikaa keessatti jijjiiramoota ajaa'ibsiisoo hedduutu mul'atan.
Murteewwan jajjaboon imaammata waa'ee qilleensa naannoo fi seera ulfa baasuu jijjiiran darbaniiru- garuu murteen kun pireezidantiin yookiin kongiresiin osoo hin taane Mana Murtii Olaanaatiin darbe.
Manni murtii kun yeroo dhiyoo as tarkaanfiiwwan jiruu fi jireenya lammiilee Ameerikaa jijjiiran hedduu fudhateera.
Aangoo kan harkaa qaban warri dimokiraatotaa Waayit Haawus fi manneen maree Kongiresii jala jiran lameen to'achuu danda'u ta'a, garuu ajandaa siyaasaa isaan hedduu raggaasisuuf sagalee ga'aa hin argatan.
Murteewwan siyaasaa jajjaboo jireenya lammiilee biyyattii irratti dhiibbaa qaban kan dabarsaa jiru mana murtii olaanaadha.
Inumaa kallattii Pireezidant Joo Baayidan eeganiin faallaatti yeroo murtee dabarsu mul'ateera manni murtii kun.
Seera ulfa baasuu sagantaa- Roe v Wade- jedhamu jalatti adeemsifamaa ture haquun kanneen seera kana fedhaniif dallansuu fi gadadoo, kanneen waggoota 50 darbaniif mormaa ba'aniif gammachuu uume.
Gama kanaan goolamni uumame soroorfamuurra inumaa kutaaleen biyyaa US martuu murtee kanaan akkaan danqamaniiru.
Kutaaleen biyyaa tarkaanfii mana murtii olaanaa hojiirra oolchan akkuma jiran kanneen ulfa baasuu itti fufsiisuuf kutatanis waan jiraniif dhibdeen seera kanarratti uumame waggootaaf biyyattii jeeqaa itti fufuu mala.
Seerri ulfa baasuu ajandaa guddaa haata'uyyuu malee murteewwan manni murtii olaanaa dabarse kaanis dhiibbaa guddaa uumanii jiru.
Murteen manni murtii kun dabarse mootummaan US imaammata diinagdee magariisaa akka hojiitti hin hiikne danqeera.
Manni murtii kun, Dhaabbati Eegumsa Naannoo US hanga seerri haaraa kongiresiidhaan ragga'e ba'utti hamma aara gubataa qilleensatti gadi lakkifamuu daangessuuf aangoo hin qabu jedha.
Jijjiirama qilleensaa qolachuuf kan onnatan Pireezidant Joo Baayidan, kubbaaniyyaawwan biyyattii qilleensa naannoo faaluurraa akka of qusatan seera dandeessisu raggaasisuuf sagalee ga'u akka hin qabne hubataniiru.
Karaan Manni Murtii Pireezidant Joo Baayidanitti qormaata ta'e kana qofa miti.
Torbee darbe pireezidantichi seera to'annoo meeshaalee waraanaa mallatteessanii turan, kun waggaa 30 keessatti ta'ee hin beeku.
Erga barattoonni 19 fi namoonni biroo lama Teeksas mana barumsaa Uvalde keessatti ajjeefamanii iyyi uummataa hammaachuun seerri to'annoo meeshaa akka ragga'u taasiseera.
Manni murtii olaanaa biyyattii garuu seera pireezidantichi raggaasisaniif bakka hin laanne.
Inumaa namoonni manasaaniin ala yeroo ba'an meeshaa waraanaa qabachuuf eeyyama akka argatan godheera.
Murteewwan kunneen hunduu, qaamni mootummaa silaa hundarraayyuu walaba ta'ee hojjechuun irra ture, akka qaama siyaasaa tokkootti of ijaaree akka dhiyaatu isa taasiseera.