Dhedheeroon Itoophiyaa lamaan, Nagawoo fi Yeneenesh, dhuguma waal kaadhimmatanii?

Maxxanfame

Nagawoo Jimaa fi Yeneenesh Araarsoo dhedheeroon Itoophiyaa dhiiraa fi dubaraan rikardiin dheerinaa harka isaanii jirudha.

Nagawoon 2.25M yoo dheeratu, Yeneenesh ammoo 1.95M dheeratti.

Jarri kunnneen lamaan Sanbata darbe yeroo jalqabaatiif qaamaan erga wal arganiin booda 'dhedheeroon kuni waalfuudhuuf jiru' oduun jedhu dhagahamaa ture.

Viidiyoo jara lamaanii tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture keessattis Nagawoon ‘Herumteertaa?’ jedhee Yeneenesh yoo gaafatu dhagahama.

Yeneenesh akka hin heerumneefi hiriyaa hin qabne erga ibsiteefiin boodas Nagawoon Afaan Amaariffaatin ‘Inimachaachi’ yookaahuu waliif gallee jaalala haa jalqabnu akka jechuutti yoo gaafatu dhagahama.

Haala wal arguu isaaniifi waa’ee jaalala gidduu isaaniitti odeeffamu irratti Nagawoo Jimaa fi Yeneenesh gaafanneerra.

“Warra Yuutuubiif hojjetu tokkotu Nagawoo wajjin wal isin argisiisnee hojiiwwan tokko tokkos gara fuula duraa wajjin hojjettu nuun jedhanii jennaan obboleettiikoo wajjin bakka Nagawoon jiraatu Maqii deemne. Achitti Nagawoo argannee wajjin haasofne,” jetti.

Nagawoo yeroo jalqabaatiif qaamaan argachuutti akka gammaddeefi waa’ee jaalalaan wal qabatu garuu wanti seeraan haasofne hin jiru jetti.

Ta’us dhimma dheerina isaa, sababa dheerinaatiin rakkoowwan fayyaa isa muudataa turaniifi dhimmoota erga miidiyaarratti beekamee asitti jiru irratti akka waliin haasa’an himti.

Nagawoon gama isaatiin viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irra naanna’aa ture sana irratti gaaffiin jaalalaa ani gaafachaa ture qophii gaazexeesichi nu gaafateef bashanansiisaa gochuuf kanin fayyadame malee waan dhugaa haasofnee miti jedhe.

“Ani hiriyaa qabadheera. Yeneenash wajjin gaaficha kan dubbachaa turre bashananumaaf kan haasofneedha. Malee ishee wajjin waa’ee jaalalaa waan haasofne hin qabnu,” jedhe.

Nagaawoon tibba kana Maqiitti qorumsa kutaa 8ffaa fudhachaa akka jirus himeera.

Nagawoo Jimaa rikardii dheerinaa qabachuudhaan erga beekamtii argateen asitti namootni akka Obbo Barihee fi Awwaluu faa dheerinaan Nagawoo ni caalla jedhan as bahaa turan.

Haa ta’uutii Galmeen Dinqisiisoo Afrikaa hanga ammaatti dheerinaan Nagawoo Jimaa kan qixxaatu akka hin argamneefi rikardichis harkuma Nagawoo jiraachuu himeera.

Yeneenesh gaaffiifi deebii BBC waliin taasifte irratti erga dheerina isheetiin miidiyaatti as baatee beekamtee asitti dinqisiifattoota hedduu akka horatteefi dheerina isheetti boonuu akka jalqabde himti.