Arsenaaliifi FA'n Kevin de Bruyne irratti waa'ee qaruuraa darbatamee qorachuu eegalan

Kevin de Bruyne

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Tapha Piriimiyeel Liigii Ingiliiz murteessaadha jedhamee Roobii Guraandhala 15/2023 gaggeefame irratti qaruuraafi qabee pilaastikaa deeggartootni Arsenaal Kevin de Bruyne irratti darbatan qoratamuu eegale.

Waldaan Kubbaa miilaa Ingilaand tapha Siitiin dirree Eemireetis irratti Arsenaaliin 3-1 injifate wantoota deeggartoota Arsanaaliin Kevin de Bruyne irratti darbataman irratti qorannoo eegaluu hime.

Taphataan sarara gidduu Siitii kun goolii jalqabaa lakkoofsiisee goolii Haalaand galchees mijeessee erga kennee booda jijjiiramee bahee osoo qarqara dirreerra adeemaa jiruu qaruuraaf qabeen pilaastikaa itti darbatamuu eegale.

Taphachiisan morkii kilaboota lamaan kanaa Antonii Teeyloor gabasa tapha barreessu keessatti ta'u de Bruyne kana kaasuu hin oolle jedhameera.

Kilaabni Arsanaal ta'ii kanaan walqabatee viidiyoowwan CCTV sakatta'uu kan eegale yeroo ta'u warri kana raawwatan adda bahanii mul'atu taanaan tarkaanfii jabaa akka fudhatu ibse.

Dubbii himaan kilabichaa ''Kuni waan fudhatama hin qabne, obsaan bira hin darbamu'' jedheera.

Injifannoo Siitii qarree gabatee liigichaarra kaahe keessatti gahee olaanaa kan bahe de Bruyne miidiyaalee hawaasaa dhimma itti bahu irratti wanna isa mudate kanaan qooseera.

Taphataan lammii Beeljiyeem kun suura yeroo waa itti darbatamu agarsiisu maxxansee jalatti ''kan biiraa barbaadu?'' jehdee barreesse.

Suura kan biraa jalatti ammoo suura qabeen waa itti dhugan mataa isaatti bu'uuf dhiyaattee agarsiisu jalatti ''galatoomi'' jedhee barreesse.