Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waan Kemistirii salphaan omishnu alaa galchuu hin qabnu - Najaat Redwaan (PhD)
Najaat Reedwaan Habiib jedhamti. Dhalattee kan guddatte Shawaa Bahaa Moojoottidha. Yunvarsiitii Saayinsiifi Teeknoloojii Adaamaa (ASTU) Muummee Kemistiriitti dubartii jalqabaa PhD qabduufi barsiiftuudha.
Dhiyeenya qorannoo PhD ishee Ispeen gidduugala qorannoo Saayinsii akka Awurooppaatti guddaadha jedhamu ICP-CSCIC Institute of Catalysis and Petrochemistry galuun hojjettee milkiin xumurte.
Qorannoo gaggeessaa turte barruuwwan adda addaa sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qaban irratti maxxansiteetti.
Najaat ijoollummaa ishee irraa jalqabdee barattuu qaxalee turte. Yeroo ijoollummaa ishee qonnaa fi kunuunsa naannoo [forestry] barachuu barbaaddi ture. Garuu boodarra saayinsii irratti jabaachuun gara Kemistiriitti goruuf murteessite.
ALI Bara 2000 Yunvarsiitii Hawaasaa seenuun Kemistirii baratte. Qabxii guddaan eebbifamtee carraa barnootaa digirii lammaffaaf Yunvarsiitii Gondaritti ramadamte. Barnoota maastersii irratti qabxii guddaa galmeessuun qorannoo ishee irrattis qabxii gaarii argachuun xumurtee barsiisummaaf gara Yunvarsiitii Saayinsiifi Teeknolojii Adaamaatti deebite.
Milkaa’inni Najaat as irratti osoo hin daangeffammiin umurii dargaggummaa keessa osoo jirtuu carraa barnoota PhD argachuun Yunvarsiitii Haramaayaa seente. Irra caalaa yeroo qorannoo PhD ishee garuu Ispeen keessatti dabarsite.
Qorannoon ishee Metal Organic Frameworks kan jedhu irratti xiyyeeffata. Faalama naannoo warshaaleefi indastirii adda addaa keessaa bahu xiqqeessuu keessatti gahee guddaa qaba.
''Qorannoo xiqqoo gaggeesinee biyya keenya keessatti wantoota hedduu alaa galchinu oomishuu akka dandeenyu hubadheera.
‘’Kemistirii yeroo barattu waan haaraa hedduu baratta. Waan naannoo kee jiru barta. Waan salphaatti kalaquu dandeenyu hedduun akka jiru baradheera,’’ jette.
Dubartoota saayinsii keessatti...
Hirmaannaan dubartootaa saayinsii uumamaa keessa waggoota hedduuf kan dhiirotaa gadi ture.
‘’Amma amma sadarkaa maastersii irratti hirmaannaan dubartootaa dabalaa jira. Yunvarsiitotni tokko tokko lakkoofsa dhiiraa fi dubartootaa wal madaalsisuun fudhachuu jalqabaniiru.
''Garuu yoo gara PhD fi isaa ol gahu dubartootni Kemistirii, Fiiziksii fi kaan keessa lakkoofsi isaanii xiqqaadha,’’ jetti Najaat.
‘’Barnootni saayinsii Kemistiriifi Fiiziksii barnoota kaan irraa waan ittiin adda tahu hin jiru. Garuu waan sadarkaa gadiitti nutti himamaa turetu dhiibbaa nurratti taasisa malee. Aniyyuu kunoo baradhee fixeera. Dubartootni kaanis saayinsii keessatti milkaa’uu danda’u,’’ jetti.
''Yeroo dheeraa fudhachuu danda’a. Yaalii adda addaa hojjechuuf kutaa laabiraatoorii yeroo dheeraa turuu dandeessa. Halkan guutuu si fudhachuu danda’a. Waggoota lamaan jalqabaa sitti ulfaachuu danda’a. Garuu erga darbee maxxansaalee adda addaa yoo hojjettee argitu akka danda’amu hubatta,’’ jetti.
Dubartootni carraa PhD argachuun yunvarsiitii baratan keessatti pirofeseroota walin hariiroo gaarii qabaachuufi odeeffannoo wal jijjiiruun bu’aa guddaa akka qabu himti.
Barnoota digirii jalqabaa, lammaffaafi PhD irratti qabxiin galmeesite olaanaa tahuu himti.
Najaat Yunvarsiitii Haramaayaa keessatti pirofeserootni ishee milkaa’ina isheef shoora olaanaa akka qaban dubbatti.
Yeroon Ispeen turetti gorsitootni akka hiriyaatti namatti dhiyaatu. Yeroo waliin buna dhugduufi hojjettu qabaatta. Kun biyya keenya keessatti hedduu hin baratame jetti.
Yunvarsiitotni hundi barattoota isaanii PhD eebbifaman keessaa dubartoota qabaachuu qabu kan jettu Najaat, dubartootni saayinsii kamiyyuu keessatti milkaa'uu akka danda'an barnoota akka medikaalaa keessatti agarsiisaniiru jechuun himti.
'Waan Kemistirii salphaan omishnu alaa galchina'
Dhiyeenya Itoophiyaa keessatti warshaalee sasalphaatii hanga warshaalee gurguddaatti lakkoofsi isaanii dabalaa dhufeera.
Isaan keessaa warshaaleen huccuu oomishan isaan tokko. Omisha kanaaf ammoo halluu adda addaan kan fayyadaman yoo tahu, irra caalaan isaanii biyya alaa irraa galfamu.
Najaat osoo yunvarsiitiiwwaniifi indaastiriin kana caalaa walitti hidhamuun hojjetame wantootni hedduun kemistirii sasalphaan biyya keessatti oomishamuu kan danda'anidha jetti.
Kana milkeessuuf ammoo barnoota akka Kemistiriif kutaalee yaaliifi labraatoorii dabaluun barattootni yaad-rimeen qofa osoo hin taane qabatamaan yaalii hojjetanii barachuu qabu jetti.
Yeroon Ispeen ture waanan taajjabe tokko barattootni isaanii yaalii barbaadan gaggeessuuf haala mijataa qabaachuu isaaniiti kan jettu Najaat, barattoota Itoophiyaa irraa deemaniif sadarkaa PhDtti yaalii sasalphaa gaggeesuun akka ulfaatu himti.
''Barattootni Itoophiyaa barnoota tiyoorii iratti baay'ee cimoodha. Garuu waanuma salphaa sadarkaa digiriifi isaa gaditti hojjetamu PhD irratti hojjechuun nutti ulfaata,'' jetti Najaat.
''Biyyi keenya hiyyeettiis waan taateef dhiyeessii irra rakkoo jira. Barattoota alaaf garuu waan hunduu maxxansa qorannoofi yaalii hojjechuuf salphaadha.''
Qorannoo Najaat hojjete teeknoloojii umurii waggaa 20 hin caalle qabu irrattidha. Kunis keemikaalota warshaalee keessaa bahan akka qalama adda addaa meeshaalee akka ispoonjii of keessaa qaban, bishaaniifi ifa fayyadamuun akkamiin qulqulleesuun danda'amu irrattidha.
Teeknoloojiin kun erga hojii irra oolee waggoota 20 akka hin calle kan himtu Najaat biyya keenyaaf waan haaraadha jetti.
Keesumaa indaastirii adda addaa keessatti faalama hambisuuf gargaara jetti. Kana irratti qorannoo hojjettes joornaalii adda addaa irratti maxxansaa turuu himti.
Fuuldurattis xiyyeeffannoon ishee qorannoo indaastirii adda addaa irratti xiyyeeffatu irratti akka tahu BBCtti dubbatte.