'Ameerikaan haleellaa qilleensarraa Somaliyaatti raawwatteen hidhattoonni al-Shabaab ajjeefaman'

Maxxanfame

Ameerikaan Somaaliyaa keessatti haleelllaa qilleensarraa hidhattoota al-Shabaab irratti qiyyaafate gaggeessuun garicha irratti miidhaa qaqqabsiisuu mootummaan Somaaliyaa beeksise.

Akka ibsi ministeera beeksisaa Somaaliyaa irraa bahe agarsiisetti, "mootummaa biyyattii waliin qindoomuudhaan," haleellaa qilleensarraa kaleessa raawwatameen hidhattoonni al-Shabaab shan ajjeefamaniiru.

Ministeerri beeksisaa Somaaliyaa haleellaa qilleensaa kana ilaalchisuun ibsa fuula Tiwiitara isaarratti baaseen, tarkaanfiin fudhatame kun hidhattoonni al-Shabaab humnoota mootummaa Somaaliyaa bakka kibba-lixa magaalaa Kisimaayyootti dhiyoo buufatan irratti haleellaa raawwataniin boodadha.

Haleellaan kun kan raawwatame Ameerikaan loltoota ishee gara Somaaliyaatti deebistee bobbaasuudhaaf murteessitee torbanootaan booda ta'uu isaati.

Pirezidant Joo Baayidan loltoota isaanii ergamni addaa itti kenname 500 ta'an gara Somaaliyaatti akka bobbaafaman kan murteessan erga filannoon pirezedaantummaa Somaaliyaa gaggeeffameen boodadha.

Yeroo lammaffatiif kan filataman pirezidantiin Somaaliyaa, Ameerikaan loltoota ishee biyya isaaniitti deebistee bobbaasuu murteessuu ishee deeggeraniiru.

Ibsi ministeera beeksisaa Somaaliyaarraa bahes Moqaadishoofi Waashingiteen al-Shabaabiin waliin loluudhaaf kutatoodha jedheera. Ameerikaan waggoota lama dura ajaja pirezidaantii ishee duraanii Doonaald Tiraampiin loltoota ishee osoo hin baasiin dura haleellaawwan qilleensarraa garee al-Shabaab kana irratti raawwachaa turteetti.

Haleellaawwan kanaan dura xiyyaara nam-maleeyyii (drone) gargaaramuun raawwatameen gaggeessitoonni olaanoo al-Shabaab kan ajjeefaman yoo ta'u, haleellaadhuma kanaan namoonni nagaan baayyeen akka ajjeefamanis ni himama.

Haleellaa Jimaata gaggeeffame kanaan loltoonni al-Shabaab shan ajjeefamuufi namoota nagaa irratti ammoo miidhaan qaqqabe akka hin jiraanne mootummaan Somaaliya beeksiseera.

Waajirri Ittisaa Ameerikaas ta'e aanga'oonni waraanaa haleellaa qilleensarraa Somaaliyaa keessatti raawwatame ilaalchisuun hanga ammaa wanta jedhan hin qaban.

Haleellaan qilleensarraa kun pirezidaantiin haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad gara aangootta erga dhufaniifi Ameerikaan ammoo loltoota ishee gara Somaaliyaatti deebisuudhaaf murteessiteen booda isa jalqabaati.