Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoo Somaaliyaa sababii bifa gogaasaatiif dhagaafi killeen reebame
Elmi Baayil Mohaammad, lammii Somaaliyaa yoo ta'u, dargaggeessa umuriin waggaa 25ti. Innis sababa dhibee gogaa albiinoo jedhamufi bifa gogaa namaa addeessun qabameef loogii hamaan irra gahuusaa dubbata.
''Ati nama nyaatta. Ijoollee keenya nyaatta naan jedhu namoonni, akkasumaas sababii bifa gogaa kootiin na sodaatu,’’ jedhe Elmiin.
Elmiin baadiyyaa Somaaliyaa naannawa giddugala Hiraan, bakka dhalootasaa gadhiise gara magaalaa guddoo biyyattii Moqdishootti galus bakka jireenyaa argachuuf rakkachaa ture.
Isa qofaa miti, obbolaan isaas akkasuma rakkoo albiinoo kanaan rakkataa jiru.
"Hawaasi keenyaa osoo addaan hinkutiin nu arrabsa, nu cunqursas.
Halluun gogaa, rifeensaafi ija keenyaa addaachuusaatiif reebamaa fi nutti qoosamaa turre," jedha.
"Moqdishootti jireenya fooyya'een argadha jedheen yaade, garuu dogoggoraan ture."
Elmiin mana maatii isaa walin keessa jiraatan barbaadee tasumaa argachuu hin dandeenye.
Xumurrrattis ji'atti doolaara 30 kaffalee kutaa magaalaa Moqdishoo isa moofaa, bakka Hamar Weyne jedhamutti mana kuusaa tokko keessa jiraata ture.
"Namoonni akkan abaaramaa ta’eetti yaadu" jedha Elmiin.
"Yeroo baayyee bishaan soogiddaa qabu fi hanqaaquu dheedhii waliin makanii balbala kootti darbatu, sababiin isaan kana raawwataniif kun anarraa isaan dhowwa jedhanii amananu."
Elmiin dhuma irratti hojii mana nyaataa qulqulleessuu tokko keessatti guyyaatti doolaara 1.4 hanga 4 ta’u kaffalamuuf argatee ture.
Garuu hojii kanarra yeroo dheeraa hin turre.
Dhukkubni albinizimii dhibee daddarbu miti, dhibee qacceen walqabatu.
Maamiltoonni mana nyaataa sana garuu dhibicha nu qabsiisu mala jedhanii sodachuun mana nyaataa sana dhaqanii nyaachuu dhiisnaan Elmiin hojiirraa ari'ame.
"Hojii biraa barbaadaa mana nyaataarraa marmaaraa ture garuu namni na qacare hin jiru," jedha.
"Dhumatti daandiitti bahee maallaqa kadhachuuf dirqame.
Namoonni karaa moobaayilaatiin maallaqa akka naaf arjooman kadhachuuf taappeellaa lakkoofsa bilbilakoorratti barreeffamen qaba ture."
Maallaqni Elmiin kadhatee argatu nyaata isaa fi kiraa manaa isarraa kaffaluuf kaffaluu hin dandeenye.
Elmiin maallaqa gogaa fi ija isaarraa qoricha aduu ittisufi fuullee ijaa bitachuuf humna hin arganne.
Namoonni dhukkuba albinizimii qaban melaniinii xiqqoo ykn tasumaa hin qaban.
Melaniiniin waanta ijji, rifeensaafi gogaan keenya halluu akka qabatu gargaarufi aduu nurra eegu.
''Fuullee ijaa bitachuuf humna hin qabu,'' jedha Elmiin.
"Gabaa iddoo ani itti kadhadhu dhukkee fi sochii tiraafikaa nama faalatu jira.
Ijji koo yeroo hunda na dhukkuba, qaroon iijakoo saffisaan miidhamte deemte."
"Yeroo tokko tokko namoonni hafte sooratasaanii naaf kennu. Yeroo biraa homaa hin qabu" jedhe.
Abjuun Elmiin Moqaadishoorraa maallaqa maatiisaa, keessattuu obboloota dhiiraa dhibee albinizimiitiin rakkkataaniif erguuf abjoote abjuu qofa ta’ee hafe.
Namoonni dhukkuba albinizimii qaban Somaaliyaatti meeqa akka ta'an hin beekamu, ragaan quubsaan hin jiru.
Biyyattiin waggoota 30 oliif walitti bu’iinsaa fi tasgabbii dhabuun miidhamtee waan turteef odeeffannoo amansiisaa walitti qabuun hin danda’amu.
Moqdishootti maatiin 80 ta’ani fi albinizimiin hubaman jalqaba bara kanaa walitti dhufanii waldaa rakkina isaanii irratti hubannoo uumuu fi cunqursaa isaanirra gahu hir’isa jedhanii abdatan hundeessaniiru.
Hanga ammaatti dubartoota Somaalee biyya alaa jiraatan dibata ifa aduu namoota albizimii qabaniirraa qolatu qaruuraa aduu 86 ergameefira.