Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gujiitti namoota warqii baasaa turan lafti itti jigee saddeet du'an
Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruu bakka Qaanxicha jedhamuun beekamutti namoota mala aadaan albuuda barbaadaa turan lafti itti cituun namootni saddeet du'uu maddeen BBCtti himan.
Jiraataa gandichaa kan ta'anii fi reeffa namoota boolla keessatti awwaalamanii kana baasuurratti himaachaa turuu kan himan Obbo Iyyoob Jiloo, lafa gama lamaan maashinaan qotamee ture gidduutti balaan kuni mudachuu himu.
"Lafti kuni gamaa fi gamanallee maashinaan kan qotame ture. Namootni kuni ammoo gidduu sana keessaa albuuda barbaadaa turan. Lafi kuni itti jigee achitti isaan awwaale" jedhan.
Balaan kuni Wixata naannoo sa'aatii sagalii mudachuu kan himan namni ijaan argan kun, balaa kanaan namootni lubbuun isaanii darbe saddeettanuu dhiira ta'uu himu.
Namoota biyyoon irratti jige kana barbaacha maashinaa fi humna namaatiin taasifamaa tureen tattaaffii sa'aatii shanii ol fudhateen booda reeffi miidhamtoota kunneenii baafamuus himan.
Balaan kuni namoota irra gahe keessaa kan lubbuun argame akka hin jirree fi kanneen lubbuun darbe kunneeniin alatti namni dhabame akka hin jirrees himan.
Itti gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Gujii Obbo Ashannaafii Dhanqoo, balaan akkanaa godinicha bakka mala aadaatiin albuudni bahutti kan mudatu akka ta'ee fi kan miilanaa kuni garuu nama hedduu bakka tokkotti kan galaafatedha jedhan.
"Namootni mala aadaatiin albuuda baasan kuni yeroo hedduu humna namaatiin waan ta'eef biyyoo ofirraa fageessanii lafa bal'ifatanii hin hojjetan.
''Kana malees boolla tokko keessa baay'atanii waan seenaniif rakkoon akkanaa akka uumamuuf sababa ta'a" jedhan.
Kanneen mala aadaatiin hojjetan gurmaa'uun mala ammayyaa teeknoloojiin deeggarametti cehuun balaa akkanaa mudachuu danda'u xiqqeessuu malus jedhan.
Balaa Aanaa Sabbaa Boruutti mudate kanaan namootni lubbuun darbe miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamu 11 fi isaa ol akka ta'etti kan odeeffamu dhugaa akka hin taanee fi kan lubbuun darbe saddeet akka ta'eefi namni biraa dhabame akka hin jirres himan Obbo Ashannaafiin.
Namootni Qaanxichatti lafti itti sigigaachuun lubbuun isaanii darbe kunneen albuuda warqii fi taantaalamii baasaa kan turan ta'uus himan.
Godinni Gujii bakka qabeenya albuudota akka warqii, taantaalamii, emeraaldii fi kanneen biroo hedduun badhaadhe waan ta'eef godinicha bakka hedduutti namootni hojii mala aadaatiin albuuda baasuu kanaan of jiraachisu.
Itoophiyaa keessatti namoonni mala aadaatiin osoo albuuda baasan yeroo miidhaan irra gahu kuni kan duraa miti.