Ajjeechaan namoota nagaa Oromiyaatti yoom dhaabata?
Ajjeechaan namoota nagaa Oromiyaatti yoom dhaabata?
Maxxanfame
Waggoota muraasa darbaniif walitti bu'iinsa, haleellaa, saamichaafi buqqaatii keessumaa bakkeewwan Lixaafi Kibba Oromiyaatti raawwateen hawaasi miidhaa bal'aaf saaxilameera.
Tibbana haleellaa 'finxaaleyyiin Amaaraa' aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dicho jedhamutti raawwataniin namoonni nagaa ajjeefamuu maddeen BBC'tti himaniiru.
Walitti bu’iinsa Oromiyaa keessatti humnoota mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhuufi kan mootummaan finxaaleyyii Amaaraa jedhu qooda qabu.
Qaamoleen sadanuu badii raawwachuun himatamu. Isaan garuu ni waakkatu.
Walitti bu'iinsa naannicha keessatti itti fufeefi furmaata dhabe kanaan garuu lammiileen nagaa ammallee furmaata hin arganne.






