Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Himannaan gudeeddii Kiliyaan Mbaappee irratti dhiyaate kufe
Abbaan alangaa Siwiidin himannaa gudeeddii taphataa kubbaa miilaa Faransaay Kiiliyaan Mbaapee irratti baname kuffisuu isaanii gabaafameera.
Miidiyaaleen Siwiidin dhimmi kun Mbaapee waliin kan walqabatu ta'uu gabaasaa turan.
Miseensi Waajjira Abbaa Alangaa Mootummaa Siwiidin Maarinaa Chiraakoovaan dhimmi gudeeddii Istookhoolmi keessatti raawwatame jedhame ragaa dhabuu irraa kan ka'e akka cufame beeksise.
Taphataan Riyaal Maadriid Kiiliyaan Mbaapee taphattoota ciccimoo kubbaa miilaa addunyaa keessaa tokko kan ta'e, abbaan alangaa Siwiidiniin maqaan isaa ifatti hin ibsamne. Shakkamaa yakkaa ta'uu isaatiin hin himatamne.
Onkoloolessa darbe dhimmi kun yeroo odeeffamu, abukaatonni Mbaapee dhimmicha qulqulleessuuf qophii ta'uu dubbataniiru.
Mbaappeen kanaan dura gabaasa kana ''oduu sobaa'' jechuun ibseera.
Abbaan alangaa duraanii Chiraakoovaan qorannoo marsaa jalqabaa kan hoogganan yoo ta'u, "ragaan gara fuulduraatti deemsisu gahaan waan hin jirreef qorannoon kun cufameera'' jedhan.
Akka gaazexaan Figaro jedhutti, abukaatoon taphataa kubbaa miilaa kanaa dhimmicha irratti yaada kennuu didan.
Awurooppaatti Onkoloolessa 10 magaalaa guddoo Siwiidin keessatti gudeeddii fi miidhaa saalaa lama raawwatameen gabaafame.
Awurooppaa magaalaa Siwiidin keessatti Onkoloolessa 10 gudeeddii fi miidhaa saalaa lama raawwatamuun gabaafameera.
Gaazexaa Aftonbladet fi Expression fi miidiyaaleen Siwiidin hedduun miidiyaa biyyattii SVT dabalatee Kiyliyaan Mebappeen shakkamaa ta'uu gabaasan.
Mebaappeen yeroo sanatti biyya Siwiidinitti daawwannaa irra ture.
Poolisiin hoteela yeroo sanatti Mebappeen keessa qubatee ture sakatta'uun wayita boorsaa qabtanii bahan mul'ataniiru.
Gabaasni tokko akka agarsiisutti poolisiin ragaaf akka ta'utti uffata hoteelicha keessaa ture kan fuudhaanii bahan.
Yeroo maqaan isaa kanaan wal qabatee ka'u jalqaba miidiyaa Faransaay Kilik jedhamu irratti dhiyaatee yaada keenneen Mebappeen ''an waan akka inni waan kana keessa hin jiru" jechuun dubbateera.
"Wanti na mudate hin jiru. waan ani hin beeknetti maqaan koo ka'aa jira. . . . ani as keessa hin jiru."
Abukaatoon taphataa kanaa kanaan dura miidiyaaleen Siwiidin maqaa balleessiidhaan himtaa kan turan yoo ta'u, himannaa kana ilaalchisee waanta beekan akka hin qabne himaniiru.
Inni [Mebappeen] kophaa isaa ta'ee hin beeku. Waan balaa akkasiif isa saaxiluu danda'u keessatti hirmaatee hin beeku," jechuun Mariyaa Alix Bernard kan dubbatan.
Taphataan sarara fuulduraa Riyaal Maadriid kun torbee kana Chaampiyoonsi Liigii Awrooppaa goolii isaa 50ffaa lakkoofsiseera. Taphataan kun ganna darbe Paaris Seent Jarmain irraa gara Maadriid deeme
Waancaa Addunyaa Awurooppaa bara 2018 Raashiyaa irratti kan injifate Mbaappeen xumura waancaa addunyaa Kuwater 2022 irratti goolii sadii galchuun hatrikii galmeessuun isaa niyaadatama. Tapha kanaan Faransaay Arjentiinaan mo'amtee turte.
Taphataa urjiin Kiiliyaan Imbaappeen tibbana irra deddeeniin rakkoo xiin-sammuu isa mudateera jedhamuun odeeffamaa ture irrattis deebii kennee ture.