Ispeenitti gandi tokko guutuun doolaara 259,000’n gurguramuufi

Maxxanfame

Namni magaala dhiisee gara baadiyyaa Ispeenitti galuu barbaadu, mana qofa osoo hin taane ganda tokko guutuu bitachuuf yaaduu qaba.

Saaltoo Da Kaastroon ganda kaaba-lixa Ispeenitti argamtu yoo taatu doolaara 259,000’n gurgurtaaf dhiyaateetti.

Gandi kun daangaa Poorchugaal, bulchiinsa Zaamooraatti kan argamtu yoo tahu, achi gahuuf magaalaa guddoo Ispeen irraa konkolaataadhaan sa’atii sadii, afur caalaa hin adeemsisu.

Gamoowwan ganda kana keessatti argamanis kan magaalota xixiqqoo kaaniin wal-fakkaatu.

Manneen jireenyaa 44, hooteela, bataskaana, mana barumsaa, iddoo bishaan daakaa fa’i Saaltoo Da Kaastroo keessatti argamu.

Garuu gandi kuni waan tokko hin qabu, innis namoota keessa jiraatan dha, Saaltoo Da Kaastroo waggaa soddomaaf oneetu jira.

Jalqaba bara 2000 keessa namni gandicha bite yaada naannoo sana gara hawwata tuuristiitti geeddaruu qaba ture, tahus rakkoon liqaa Awurooppaa keessatti uumame karoora nama kanaa fiixaan baasuurraa hambise.

''Abbaan qabeenyaa asitti yaada hoteela ijaarrachuu qaba ture, garuu yeroos haa turu jedhame,’’ jedha Roonii Roodrigeez dhaabbata abbaa qabeenyaa bakka bu’e keessaa hojjetu.

''Ammallee abjuunsaa suni otoo dhugoomee itti tola,’’ jedheera.

Marsariitii qabeenyi gurguramu tarreefamu irratti abbaan qabeenyaa ganna 80moota keessa jiru, ''ganda kana kanin gurguraa jiru, ani nama magaalaa jiraatu gatiin taheef ganda baadiyyaa jiru kana suphaa tursiisuu hin danda’uu,’’ jedhe.

Gurgurtaa gandaa kanarratti namoonni fedhii agarsiisaa jiru, torbee tokko dura odeeffannoon marsariitii irra kaa’amuun booda namoonni 50,000 tahan ilaalaniiru.

Rooniin akka jedhutti hamma yoonaa namoonni 300  tahan Raashiyaa, Firaans, Beeljiyamii fi UK irraa bituuf fedhii qabaachuu himaniiru. Namni tokko immoo qarshii qabdii kenneeraa jedhe.

Gandi Saaltoo Da Kaastroo dhaabbata aannisaa elektiriikii irratti hojjetu Ibeerduuroo jedhamuuni maatii hojjettoota isaaniif bara 1950moota keessa ijaarame.

Haa tahu malee buufatni aannisaa elektiriikii maddisiisu xumuramuun booda jiraattonni gandicha gadhiisanii bahan bara 1980 irraa qabee gandicha keessa namni hin jiraanne.

Naannoon ganda kana marsee jiru iddoowwan,’’Ona Ispeen’’ jedhaman keessaatti-jiraatoota lakkoofsaan xiqqoofi walirraa fagoo jiraatantu jira, sababiinsaas tajaajila magaalatti argatan naannoo kanatti hin argatan.

Gandi kuni kanaan dura  Yuroo miiliyoon 6.5 gurgurtaaf dhiyaattee turte. Tahus namni bitu dhibamee manneen baayyeenis babbadan, gatiin gadichaas gadi-bu’e.

Ammatti qarshiin ganda guutuu bituuf gaafatamaa jiru magaalaa guddoo Ispeen Maadriiditti mana ciisichaa abbaa siree tokkoo qofa bituuf gaha.

Tahus namni ganda kana bitu gandicha gara hawwata tuuristiitti geeddaruuf qarshii gaarii barbaada.

Gandi kuni dhibbaa dhibbatti akka hojjetuufi bu’aa argamsiisuuf investimeentii maallaqaa yuroo miiliyoona lama caalaa hin barbaadus jedhameera.