Magaalaa Jimmaatti ijoolleen lama akkamiin du'anii argaman?

Maxxanfame

Jiraattota Magaalaa Jimmaa ganda Aweetuu Mandaraa kan ta’an ijoollee ol adeemoo lama Amanu’eel Qibaatuu fi Minyoot Kidaanee dhabamanii guyyaa lamaan booda du’anii reeffi isaanii argame.

Reeffi ijoollee lameenii barbaacha guyyaa lamaan booda ganda Saxoo Samaroo jedhamutti bishaan keessaa akka argame poolisiin hime.

Ijoolleen lamaan hiriyoota yoo tahan waluma wajjin manaa bahanii osoo hin deebiin hafuu maatiin BBCtti himaniiru.

Ijoolleen kun lameen du'anii argamuu rifaatuu guddaa kan uume yoo tahu, miidiyaa hawwaasaa irrattis oduuwwan adda addaa kalee fi iji isaanii keessaa baheera jedhu qoodamaa ture.

Haati Amaanu’eel Qibaatuus, dhibee dhiibbaa dhiigaa kan qabdu yoo ta’u naasuudhuma du'a ilmashee kanaan A.L.Itti Kamisa Mudde 11, 2016 Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yunivarsiitii Jimmaatti boqotte.

Haala du’atii ijoollee kanaatiin walqabatee BBC’n maatii fi poolisii magaalaa Jimmaa dubbiseera

Dhabamuu fi du’aatii Ijoollee

Jirattota Magaalaa Jimmaa ganda Aweetuu Mandaraa kan ta’an Amanu’eel Qibaatuu fi Minyoot Kidaanee ollaa tokko kan jiraatan yoo ta’u, hiriyoota waliin bahanii waliin galanidha.

Amanu’eel barataa kutaa 4ffaa yoo ta’u, Minyoot ammoo kutaa 5ffaa barata. Sanbata guddaa gaafa Mudde 7, 2016 hanga naannawaa sa’aatii 11:30-12:00tti waliin taphachaa akka turan abbaan Amaanu’eel, Qibaatuu Sibaanii BBC’tti himaniiru.

“Yeroo kaan galgala sa’aatii 1’n manatti deebi’u” kan jedhan obbo Qibaatuun, gaafa sana garuu hanga sa’aatii 1:40’tti eeganii dhabanii barbaachaaf akka bahan kaasu.

“Yeroo kaan mana amantaa waan deemaniif, achis dhaqne; argachuu hin dandeenye” kan jedhan Qibaatuun, halkan keessaa sa’aatii 6 irratti ammoo mana amantaa biraa Sillaasee jedhamu deemuun “nama ciise hundumaa dammaqsuun barbaannee dhabne jedhan.

Sana booda Wixataa gaafa Mudde 8, 2016 A.L.Itti, poolisii magaalaa Jimmaatiif eeruu kennuu dubbatu.

Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa Aanaa 2ffaatti erga beeksisanii boodas guyyaa lamaaf eessa buuteen ijoollee isaanii dhabamee akka ture dubbatu maatiin.

Kibxataa ALI’tti gaafa Mudde 9, 2016 garuu eeruu namoota naannoo irraa poolisii gaheen reeffi ijoollee lamaanii magaalaa Jimmaa ganda Saxoo Samaroo jedhamutti bishaan keessaati argamuun isaan tahuu akka barame itti gaafatamaan kominikeeshinii qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaa, inspeektar Gazzaany Awugichoo BBC’tti himaniiru.

Bakki reeffi ijoollee lamaanii argame kun bakka dhagaan keessaa qotamee bishaan ammoo itti kuufamee argamu yoo ta’u, bakka jireenya ijoollee irraa tilmaamaan deemsa sa’aatii tokkoo akka ta’utu himama.

Oduun du’aatii ijoolleetiin walqabatee deemaa jiru dhugumaa?

Ijoolleen du’aan kunneen “kaleen isaanii keessaa baafame, ijji isaanii keessaa baafame” oduun jedhu miidiyaa hawwaasaa irratti bal’inaan qoodamaa ture.

BBC’n raga hospitaalaa argachuu baatus, Inspeektar Gazzaany oduun kun soba ta’uu himuun “reenfa ijoolleerra homtu hin jiru” jechuun BBCtti himan.

Abbaan ijoollee kanneen lamaanii yaada ganama kana BBC’dhaaf kennaniin reenfa ijoollee isaanii ija isaaniitiin akka arganii fi homtuu qaama isaanii irratti akka hin argamne mirkaneessaniiru.

Oduun kanaan walqabatee deemaa jirus soba ta’uu kaasuun sababa du’aatii ijoollee isaanii garuu waanti beekan akka hin jirre BBC’tti himaniiru.

Poolisiin magaalaa Jimmaa gama isaatiin du’aatii ijoolleetiin walqabatee qorannoo geggeessaa kan jiru tahuu himuun, ragaan mana yaalaa erga bahee booda waan argate akka beeksisu himeera.