Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni garaatti baatan bakka hojiitti ho'a cimaaf saaxilaman ulfi irraa bahuu danda'a - Qorannoo
Dubartoonni garaatti baatan bakka hojii ho'i guddaan jiru keessa hojjetan ulfi garaasaanii jiru carraa du'aaf saaxilamuu ykn irraa ba'uun isaa harka lamaan dabaluu qorannnoon Indiyaatti taasifame mul'ise.
Qorannoon kun dhiibbaa ho'i guddaan haadhotirraan gahu hanga kanaan dura yaadameen ol guddaa ta'uu agarsiiseera.
Qorattoonni kunneen waqtii Bonaa yeroo ho'i olaanaa galmaa'utti dubartootarratti dhiibbaa akka qabaatu ibsu.
Qorannoo isaanii kanaanis qaamni gorsa kennu dubartoota garaatti baatanirratti qofarratti xiyyeeffate akka hundeeffamuuf yaada furmaataa dhiyeessaniiru.
Qorannoon dhaabbata barnootaafi qorannoo Raamaachaandiraa, Indiyaatti argamuun bara 2017 irraa kaasee dubartoota 800 hirmaachiseera.
Hirmaattota kanneen keessaa walakka kan ta'an ho'a guddaatiif saaxilamanii hojiiwwan akka qonnaa, omisha bilookeetiifi soogidda baasuurratti bobba'anidha.
Kanneen hafan ammoo qilleensa qabbanaa'aa keessa warra hojjetanidha. Kun ammoo manneen barnootaafi hospitaalota kan dabalatudha.
Addunyaarratti hanga ho'a dhala namaarraan miidhaa geessisu sirriitti adda bahee beekame hin jiru.
Qorannicha warra gaggeessan keessaa tokko kan ta'an Piroofeesar Jaan Hireest, hanga ho'i qaama namaarraan miidhaa geessisu kan murteessu wanta nuti fayyadamnudha jedhan.
Qorannoo gaggeeffame keessatti hirmaattee kan turte Simaaz sababa ho'a garmaleetiin mucaashee dhabdeetti.
"Yeroon garaatti baadhutti ho'aafi dadhabbii cimee keessan hojjechaa ture," kan jettu Simaaz, guyyaa tokko dhukkubsattee akka turte dubbatti.
Guyyaa dhukkubsatte sana abbaa warraashee waliin wayita gara hospitaalaa deemanitti ulfi garaashee ture akka irraa bahe isheetti himuu yaadatti.
Simiiz ho'i guddaan ulfa irratti miidhaa akka qaqqabsiisu odeeffannoo homaa hin qabun ture jetti.
Qorannoon gaggeeffame garuu haadholiin ho'a olaanaa ta'e keessa hojjetan warra qilleensa qabbanaa'aa ta'e keessa hojjetan waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu ulfi garaasaanii jiru carraan itti irraa bahuu harka lamaan akka dabalu ibsa.
Kanaaf, yaaddoo kana maqsuudhaaf Piroofeesar Hireest saatii dheeraatiif ho'aaf saaxilamanii hojjechuu dhiisuu, guyyaa ho'i jirutti gara bakka gaaddisni jiruu deemuudhaan aara galfachuu, guyyaa ho'i olaanaan itti galmaa'anirratti hojii hir'isuu, akkasumas bishaan dhuguu amaleeffachuun akka gargaaru ibsaniiru.