Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirna baallii Gadaa Booranaa irratti aanga'oonni naannoo Oromiyaa maal jedhan?
Oromoo Booranaa biratti baalliin Gadaa Fullaasaa irraa Gadaa Mardiidaatti darbeera.
Bitootessa 09, 2025 guyyaa Dilbataa wayita Kuraa Jaarsoo baallii waggaa saddeetiif harkasaa ture gara Guyyoo Boruu Guyyootti dabarsu aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa fi Keeniyaa argamaniiru.
Kanneen Baallii walitti dabarsan eebbaa fi nagaa walii dhaamuun karaa nagaan wayita sirna kana raawwatan, Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kana arguutti akka gammadan himan.
Warra jilaa gidduutti argamuun wayita Booranni yeroo 72ffaaf baallii walitti dabarsu arguutti guddoo gammadan.
Waggoota saddeet darbaniif Abbaa Gadaa kan turanii fi amma baallii dabarsuun Yuuba kan ta'an Aab Kuraa Jaarsoo Kuraa sirni baallii dabarsuu 72ffaan kun kan erga gadaan haaromee gaggeeffamaa tureedha jedhan.
''Sirni kun akka Booranaatti [eegii Booranni gadaan buluu jalqabee] haaromsaa as yeroo 72ffaa. Akka jaarrolee argaa-dhageettiiti garuu Sirni Gadaa Gadayoon durattuu abbootiin gadaa 94tu turan. Kun Sirni Gadaa uumama sirna dimokiraasii dura akka ture mul'isa.''
Aadaan teenna nafa, nafa ofii abbaatu jabeeffata'' kan jedhan Aab Kuraa Jaarsoo aadaa kana jabeessaa jechuun dhaammatan.
Gama mootummaalleen nu utubanii jiru kan jedhan Aab Kuraan, lubni baallii fudhatellee mootummaa waliin nageenyaa fi misooma biyyaarratti akka hojjetan dhaaman.
Abbaan Gadaa amma baallii fudhatan Aab Guyyoo Boruu mootummaan aadaa kana jabeessuun hanga UNESCO irratti galmeessuutti isaan tumsuu galateeffatan.
Tokkummaa, misoomaa fi nageenya dhaammatan. Abbaan Gadaa baallii dabarsanis ta'e kan baallii fudhatan ardaaleen jilaa misoomuu akka qaban dhaamaniiru.
Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdurrazaaq Huseen mootummaan sirna kana jabeessuuf akka hojjetu waadaa seenan.
Pirezidanti Shimallis Abdiisaa mootummaan bara 2016 Sirna Gadaa Unesco irratti akka hambaa addunyaatti galmeessisee qofa biraa hin deebine jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Sirna Gadaa dhimma dhaala hambaatii olitti hubata kan jedhan Pirezidant Shimallis ''Aadaan keenya, hammattoo eenyummaa, jabeenyaafi tarkaanfii fooyya'iinsa keenyaati. Dhaalli aadaa, hambaa eegamu qofa osoo hintaane, humna jiraataa har'aafi egeree keenya bocuudha,'' jechuun miidiyaa hawaasaa (Facebook) isaaniirratti ergaa barreeffamaan dabarsan.
Bulchaan naannoo Oromiyaa kun ''Haaromsi Aadaa Oromoo'' baatii darbe keessa labsame gara sadarkaa itti aanuutti ce'uu ibsan.
Haaromsa aadaa Oromoo jechuun kan mootummaan naannoo Oromiyaa hojjetaa ture qeequun akkasumas tumsuun yaadonni garaagaraa miiiyaa hawaasummaarratti naanna'aa turan.
''Kuni hidhata galmoota qabsoo Oromoofi aadaa isaa gidduutti umamaa turan marsaa ittaanutti kan guddisuudha,'' jedhan Pirezidanti Shimallis.
Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti Sirni Gadaa fi Safuun akka gosa barnootaatti kennamu.
Manneen barnootaa sadarkaa olaanaa keessatti hanga digirii lammaffaa fi PhDtti qabiyyeewwan aadaa Oromoo kunneen ni barsiifamu.
Mootummaan naannoo Oromiyaa duudhaalee Sirna Gadaa bulchiinsa ammayyaa keessatti itti fayyadamuu eegaleera kan jedhan Pirezidant Shimallis, akka fakkeenyaatti Mana Murtii Aadaa, Tajaajila Lammummaa, Buusaa Gonofaafi Gaachana Sirnaa eeran.
''Yeroo ittaanuttis dhaabbileen humna waloo haaraa kan sirnooman yoo ta'u, isaan armaan dura sirnoomanis gahuumsaafi dhaqqabummaan jabaachaafi baldhachaa kan deeman ta'a. Ammayyummaan Oromoo ofitti deebiifi alaa ergifannaa gidduutti madaallii eegun ibsamuu qaba,'' jedhan.
Mootummaansaanii kunuunsa, eegumsa, guddinaafi haaromsa aadaa ummata Oromoo cimsee akka itti fufu dubbatan.
''Hanga ogummaan Sirna Gadaafi calaqqeen aadaa ummata Oromoo guutummaan qaama ijaarsaafi eenyummaa dhaabbileefi sirna keenyaa akkasumas jiruu guyyuu dhaloota haaraa ta'utti cimsee kan hojjetu ta'a,'' jedhan.
Iddoo Booranni itti baallii walitti dabarsu- Ardaa Jilaa Badhaasaa dabalatee ardaalee jilaa naannocha keessa jiran hunda misoomsuuf qorannoon gaggeeffamaa akka jiru kan dubbatan Aab Shimallis, ''Giddugala Aadaa Magaalaa Yaaballoo birrii miiliyoona 500 oliin lafa hektaara 57 irratti ijaarsisaa jirrus yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf banaa ni taasisna,'' jedhan.
Qaama aangoo olaanaa naannoo Oromiyaa kan ta'e Caffeetti Afa-yaa'ii kan ta'an Aadde Sa'adaa Abdurahmaan, ''bara Gadaa kanatti, Oromoon Gadaa tokko jalatti hiriiree, Kaabaa Kibbaa, Bahaa Dhihaa wal dhagahee qabsoo isaan mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu kan danda'e, Gadaa Injifannooti,'' jedhan.
''Utubaa sirna bulchiinsaa Gadaa tokko jalatti aadaan Oromoo haaromee, deebi'ee latee akka dagaaguufi sirna ijaaraa jirruuf utubaa akka ta'uuf hojjechuu irratti argamna.''
Uummanni Oromoo Booranaa aadaafi duudhaa kana fakkaatu, sirnoota dhufaa dabran jalatti tiksee dhaloota kanaan waan gaheef kabajaafi galata guddaatu malaaf jedhan qondaalli naannoo Oromiyaa kun.