Miseensonni paarlaamaa UK lama Israa'el seenuu dhorkaman

Miseensota mana maree bakka bu'oota uummataa Ingiliiz akka Iraa'el hin seenne dhorkaman

Madda suuraa, HOUSE OF COMMONS

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Israa'el miseensota Mana maree Bakka Bu'oota Uummataa Biriteen erga to'annoo jala oolchitee booda gara Israa'el akka hin seenne dhorkuu Ministirri dhimma alaa UK Deeviid Laamii ibsan.

Miseensonni Israa'el seenuu dhorkaman kunneen daawwannaa hojiif ture gara Israa'el kan imalan.

Aanga'oonni Israa'el miseensota paarlaamaa paartii labour irraa ta'an kunneen gara biyyashee akka hin seenne dhorkuu fi hidhuu ministirri dhimma alaa kun balaaleffataniiru.

''Tarkaanfiinsaanii kun fudhatama kan hin qabne, bu'aa kan hin buusnee fi kan guddoo nama yaachisuudha,'' jedhan.

Waajjirri ministeera dhimma alaa miseensota lameenuu quunnamuun deeggarsa barbaachisu taasisuufiis himan.

Abbaan taayitaa uummataa fi immigireeshinii Israa'el sabaa himaalee Israa'eliif ibsa ergeen, miseensonni lameen Abtisaam Mahammad fi Yuwaan Yaang Israa'el irratti ''olola jibbiinsaa'' oofan jechuun akka hin seenne dhorkuu hime.

Ministirri dhimma alaa UK Deeviid Laamii Israa'el miseensa paarlaamaa UK haala kanaan keessummeessuu akka hin malle waahillan isaanii mootummaa Israa'elitti himuu ibsan.

Bakka buutuu Erlii fi Wuudlii kan ta'an miseensi paarlaamaa Yaang fi bakka Sheefiild Senteraal kan ta'an Abtisaam Mahammad Sambata kaleessaa gargaartota isaanii waliin buufata xiyyaaraa Luutan irraa gara Israa'el imalanii turan.

Sakatta'iinsi erga taasifamee booda arfansaaniiyyuu akka gara Israa'el seenuu hin dandeenye ministirri dhimma biyya keessaa Mooshee Arbeel dhorkuu abbaan taayitichaa ibsuu Times of Israel gabaaseera.

Israa'el daawwannaan hojii taasifamuu hin mirkaneessine jechuun gaazexaan Times of Israel gabaasus, waajjirri ministeera dhimma alaa UK ammoo namoonni arfanuu jila daawwannaa hojiif imalan ta'uu mirkaneesseera.

Deeviid Laamii ''mootummaan Ingiliiz xiyyeeffannaansaa gara waliigaltee dhukaasa dhaabuutti akka deebi'amuu fi dhangala'uun dhiigaa akka dhaabbatu, kanneen ugguraman deebisisuu fi waliigalatti waraana Gaazaa dhaabsisuuf mariin akka taasifamuudha,'' jedhan ibsa isaanii keessatti.

BBCn Abbaa Taayitaa Tajaajila Uummataa fi Immigireeshinii Israa'el dhimma kanarratti yaada akka kennuuf gaafatus deebii hin arganne.