Odeeffannoon fayyaa US Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa kaanirraa barbaaddu maali? Birmadummaa miidhaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dhihoo kana Ameerikaan biyyoota Afrikaa adda addaa waliin waliigaltee fayyaa irratti xiyyeeffatu mallatteessiteetti, dhimmi kun falmisiisaa ta'eera.

Biyyoonni gariin waliigaltee kana yoo morman, kaan ammoo guutummaatti kan didan jiru. Gaanaa, Zaambiyaa fi Zimbaabween as keessa jiru.

Itoophiyaan waliigaltee dhimma fayyaa kana Ameerikaa waliin kan mallatteessite Muddee 2025 ture.

Ameerikaan waliigalteen kun humna dhibee ittisuu fi sirna fayyaa biyyootaa cimsuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsitus, jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu Human Rights Watch (HRW) yaaddoo qabaachuu ibseera.

Waliigaltee Itoophiyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa, Naayijeeriyaa fi Mozaambik mallatteessan ilaalchisuun Waxabajjii ibsa kan baase HRW, bu'uura kanaan biyyoonni kunneen odeeffannoo fayyaan walqabatan Ameerikaaf kan kennan ta'uu ibse.

Waliigalteen kun odeeffannoo dhuunfaa lammiilee balaaf kan saaxiluu akka danda'us ibse.

Odeeffannoon fayyaa kunneen kan akkamiiti? Ameerikaan maaliif barbaaddi?

Ameerikaa, Yuniversitii Pensalveeniyaa, kolleejjii fayyaatti gargaaraa pirofeesaraa saayinsii fayyaa hawaasaa kan ta'e Dr Ababaayyoo Nugusee odeeffannoo fayyaa nama dhuunfarraa ta'e hawaasa irraa walitti qabamu hunduu odeeffannoo fayyaa jalatti ramadamu jedhe.

Odeffannoon kunneen seenaa dhibee, odeeffannoo talaalliin walqabatan, bu'aawwan qorannoo laaboraatoorii akkasumas odeeffannoo namni tokko yeroo hospitaala deemu kennu dabalata.

Odeeffannoon dhuunfaa umrii, saala, galii, haala maatii fi jireenyaa, haala gaa'elaa fi waliigalatti eenyummaa nama tokkoo kan ibsaniidha.

Odeeffannoon akka weeraraa, talaalliin walqabatan, qaccee sanyii (DNA), hamma nama du'uu fi daa'amman dhalatanii, dhibeewwan balaafamoo fi kanaan walfakkaatan odeeffannoo fayyaa hawaasaa jalatti ramadamu.

Odeeffannoon fayyaa kunneen hospitaalarraa ykn ammoo bifa qorannoon hawaasa keessa seenuun manarra deemuun bifa gaaffii fi deebiin walitti qabamuu danda'u.

Dabalataan odeeffannoon kunneen dhaabbilee fayyaa hawaasaa akkasumas odeeffannoo jaarmiyaaleen fayyaa biyya keessatti bobba'uun hojjetan hawaasarraa walitti qabanirraa argamuu danda'u.

Amma waliigaltechi bal'inaan waan hin ibsamneef, ''Ameerikaan odeeffannoo akkamii Itoophiyaarraa akka barbaaddu ifa miti,'' jedha Dr Ababaayyoon.

Waliigalteen kun irra keessi isaa wayita ilaalamu odeeffannoo waljijjiiruu dhimmi jedhu qaama tokko qofaan akka barbaadamutu mul'ata jedha.

''Ameerikaan odeeffannoo Itoophiyaaf kennitu waan hin qabneef, dhibeewwan daddarboon walqabatee odeeffannoo Itoophiyaarraa akka barbaaddu,'' ibse.

Yeroo weerara Covid-19 odeeffannoo waljijjiiruun ture akka hatattamaan talaalliin argamu gargaareera kan jedhu Dr Ababaayyoon, odeeffannoo fayyaa akkasii dursanii walitti qabuun faayidaa qabaachuu dubbata.

Kana waan ta'eef waliigaltee kanaan odeeffannoon qorannoo laaboraatoorii, weerara dhibee akkasumas odeeffannoon dijiitaalaa walitti qabamuuf carraa bal'aan ni jiraata jedha.

Kun ammoo hojii sirna fayyaa biyya tokkoo akka beekan kan balbala banu waan ta'eef karoora fayyaa hojjechiisu baasuuf carrraa bana.

Gama Itoophiyaan waliigaltechi sirna fayyaa biyyattii cimsuuf fayyada jedhamullee, garuu galma jiru baruuf bal'ina waliigaltechaa baruu gaafata jedha Dr Ababaayyoon.

''Biyyoonni kaan waliigaltecharratti gaaffii kaasuun waan namatti mul'isu qaba,'' jedhe.

Faayidaa fi miidhaan odeeffannoo fayyaa kennuu maali?

Waliigalteen ''Dursa Ameerikaaf'' jedhuu fi qaama imaammata fayyaa addunyaa ta'e kanarratti hundaa'uun Ameerikaan waggoota shan dhufan keessatti doolaara biiliyoona tokko Itoophiyaaf ni kenniti.

Hojiirra oolmaan pirojektichaa fi milkaa'innisaa ilaalamuun doolaarri miiliyoona 150 ta'u akka dabalamuufis ibsameera.

Itoophiyaan ammoo gamasheen damee fayyaa irratti doolaara miiliyoona 450 invest gochuuf waadaa seenteetti.

Ministeerri maallaqaa Itoophiyaa wayita waliigalteen mallattaa'u ibsa baaseen, waliigaltechi dandeettii Itoophiyaan dhibeewwan ittisuurratti qabduu fi sirna fayyaa biyyattii cimsuu kan bu'uureffate ta'uu eeree ture.

Imbaasiin Ameerikaas waliigaltechi Itoophiyaa deeggaruu irratti dabalataan ''lammiilee Ameerikaa yaadoowwan dhibee addunyaa jalaa baraaruuf kan oolu ta'uu,'' ibse.

Dr Ababaayyoon biyyoonni odeeffannoo fayyaa wal jijjiiruun weerara ittisuu, hojiiwwan qorannoo fi ce'umsa teeknooloojiif akkaan murteessaa ta'uu ibsan.

Biyyoonni guddatan bakka weerarri mudatetti to'achuuffi deebii hatattamaa kennuuf odeeffannoo akkasiitu isaan gargaara.

Biyyoonni guddataa jiranii fi hiyyeeyyiinis hanguma humnasaanii dursanii odeeffannoo walitti qabuun dhibeewwan ittisuu akka danda'aniifi damee fayyaasaanii akka cimsaniif isaan gargaara jedhan.

''Sirni fayyaa biyya keenyaa kan guutummaatti of danda'e miti. Alarraa deeggarsa argata. Gama bajataanis qaawwa bal'aatu jira,'' jechuun haala damee fayyaa Itoophiyaa ibsu Dr Ababaayyoon.

Biyyattiin suduudaan hirkattummaa keessaa akka baatuuf odeeffannoo walitti qabuun ga'ee guddaa gumaacha jedhan.

Haata'u malee ''odeeffannoon akkamiin walitti qabama? akkamiin eegamu? Qaama sadaffaaf dabarfamanii akka hin kennamne wanti mirkaneessu jiraa? Kunis waliigaltee keessa jiraa?'' kanneen jedhan sirriitti hubatamuu qabu jedhan.

Odeeffannoon fayyaa dhuunfaas ta'e kan hawaasaa kubbaaniyyaawwan oomisha qorichaa qaama sadaffaa ta'aniin akkaan barbaadamu.

Keessattuu qacceen sanyii qorannoof akkasumas qoricha oomishuuf akka galtee ijootti fayyada.

Waliigalteen kun dhimmoota kunneen osoo ilaalcha keessa hin galchin kan irra ga'ame yoo ta'ee fi galmi isaa maal akka ta'e osoo hin ibsamin eeyyama malee qaama sadaffaaf dabarfamee odeeffannoon kan kennamu yoo ta'e ''sarbamiinsa seeraa'' ta'uu ibsan Dr Ababaayyoon.

Biyyoonni garaagaraa seerota odeeffannoo ittiin tiksan kan mataasaanii qabu. Garuu kan addunyaa hunda waliigalchanis jiru.

Labsii Itoophiyaan odeeffannoo dhuunfaa eeguurratti qabdu lakkoofsa 1321/2016 jalatti, qaccee sanyii jechuun haalaa fi amala waliigalaa namni tokko uumamaan qabu hunda yoo ta'u, keessattuu odeeffannoon qorannoo samuuda qaccee sanyii (DNA) nama tokkorraa fudhatamurraa argamu odeeffannoo faayyaa dhuunfaa isa ijoodha.

Kun odeeffannoo xiyyeeffannaan qabamuu qaban keessatti ramadama. Kanaaf haala namni dhuunfaa sun hin eeyyamne keessatti ykn eeyyamaa fi beekamtii nama sanaa malee itti fayyadamuu labsiin ni dhorka.

''Odeeffannoon kunneen daldalaaf, jechuunis meeshaalee teeknooloojii keessatti akka galteetti faayidaarra ooluu danda'u. Ykn ammoo kampaaniiwwan dhimmoota adda addaaf itti fayyadamuu danda'u,'' jedhu Dr Ababaayyoon.

Odeeffannoon akkanaa eeyyama nama dhuunfaan walitti qabamuu akkasumas of eeggannoodhaan qabamuu akka qaban dhaamu Dr Ababaayyoon.

Kanarraa ka'uun waliigalteen dhiheenya Itoophiyaan mallatteessite odeeffannoo fayyaa namoota dhuunfaa fi kan hawaasaa balaarra buusuu danda'a sodaan jedhu jira.

Waliigalteema qabiyyee walfakkaataa qabaachuun himamu kana Zimbaabween diddeetti.

Biyyattiin sababa waliigaltee kanatti odeeffannoon kubbaaniyyaawwan qorichaa Ameerikaaf ni kennamu sababa jedhuun waliigaltecha kuffiste.

Dubbi himaan mootummaa biyyattii qorichi ykn talaalliin maxxantuuwwan dhibee fidan Zimbaabweerraa fudhachuun hojjetamu uummata biyyattiif akka dhihaatu wanti mirkaneeffate akka hin jirre hime.

Itoophiyaan maal gochuu qabdi?

Qondaaloti fayyaa Itoophiyaa waa'ee sanada waliigaltee kanaa waan jedhan hin jiru.

Ittigaafatamaa koominikeeshinii ministeera fayyaa Itoophiyaa Dr Taganee Raggaasaa akkasumas Ministara Fayyaa Dr Maqdas Dhaabaarra BBC'n odeeffannoon argachuuf yaale hin milkoofne.

Tahus biyyooti akka Itoophiyaa waliigaltee kana akka mallatteessan gaafataman mormaniiru.

Waliigaltichi Ameerikaan odeeffannoo fayyaa biyyootaa akka argattu kan godhu dha jedhaniiru.

Odeeffannoo namoota yaalamanii, akkasumas maxxantoota akka vaayirasii, baakteeriyaafi paarasaayitiin dhukkuboota dhufan irratti odeeffannoon jiru waliigaltichatti dabaalameera.

Waliigaltee Itoophiyaan mallatteessite maal akka qabatu beekamuu baatus ''waliigalteen biyyaalessaa akkasii karaa koree fayyaa paarlaamaan ilaalamee darbuu qaba,'' jedhu Dr Ababaayyoon.

Akkuma biyyooti kaan godhanis odeeffannoo kennemuuf jiruufi waliigaltee mallatteeffame ilaalchisee qorannoon godhamuu akka qabu dabaluun himaniiru.

''Odeeffannoon kennamu kan akkamiiti? Odeeffannoo dhuunfaa dabalataa? Kuni akkamiin eegama? Qaamni sadaffaa odeeffannoo kana argachuu danda'amoo? Dhimmooti jedhan gad fageenyaa ilaalamuu qabu, '' jedhaniiru.

Kana malees namooti odeeffannoo kana kennan beekuufi eeyyamuu akka qaban hubachiisaniiru.

''Keesumaa odeeffanno qaccee sanyii waan baayolojikaalaan wal qabatu taanaan weerara dhukkubaa wajjin maaltu walitti fida? Dhimmooti jedhan ilaalamuu qabu jechuun gorsaniiru.

Mareen dhaabota fayyaafi ogeeyyii seeraa dabalate taasifamee uummataaf ifa godhamuu qaba.