Namoonni risaa dabalatee simbirroota 3000 ol ajjeesan himataman

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Ameerikaatti namoonni lama risaa dabalatee simbirroota 3,600 ajjeesuun himataman.
Saayiman Pooliifi Tiraaviis Joon Biraansan waggoota baayyee keessatti dha simbirroota kunneen ajjeesuun kan himataman. Qaamaa fi baallee isaanii gabaa gurraacha irratti gurguruunis shakkamaniiru.
Seera gosa joobiraa Bald and Golden Eagle tiksuuf bahe cabsuunis himatamaniiru.
Namoonni kunneenis Mudde dhufu dhaddachatti akka dhiyaataniif ajaji irratti baheera.
Ajaja Roobii kaleessaa irratti baheen simbirroota kunneen eegumsa bineensota bulchiinsa Montana keessattiifi iddoowwan birootti ajjeesan.
Himata irratti baname irratti Obbo Biraansan ''yakka raawwachuu'' akka waan gootummaatti haasa'aa turan. Kana malees jarreen lameen baallee simbirroota qarshii gaariin gurgurachaa turan,'' jedhan.
Yeroo kaan immoo simbirroota kunneen ofitti hawwachuuf jecha ittiin dhukaasuun dura raqa bineensotaa itti agarsiisu jedhamaniiru.
Himannaan irratti banames seera eegumsa risaa, taatee adda addaa 13n cabsuu isaanii agarsiisa. Tahus abbaan alangee gosoota simbirrooo kaan adda baasee hin himne.
Obbo Biraansan nama ganna 48 yoo tahan Waashingitan jiraatu, Pool ammoo nama ganna 42 dhihoo eegumsa bineensotaa Flathead Reservation Montana jiraatu. Namoonni kunneen himata isaanii irratti yaada hin kennine, manni murtiis abukaatoo isaaniif dhaabatu ifa hin taasifne.
Risaan bald eagle jedhamu mallattoo biyyaalessaa Ameerikaa yoo tahu maallaqaafi faajjii biyyattii irrattis fakkiinsaa jira.
Gosti risaa kuni sababa adamoodhaan jaarraa 20ffaa keessatti iddoowwan baayyeetti balaa baduurra jirra. Iddoo jireenyaa dhabuufi DDT'n ilbisootaaf biifamu hanqaaquu jabaa akka yaasne isa dhorkeera. Kanaanis qorichi kuni bara 1972 irraa qabee dhorkameera.
Bineensota daddabarsuuf korachuufi seera eegaumsa risaa Ameerikaa cabsuun walumaagalatti hidhaa waggaa jahaan nama adabsiisa.












