'Misaayeelii xiyyaara Maaleezhiyaa kuffise tarii Putiin kennuuf hin oolle'

Maxxanfame

Misaayeelii xiyyaara Maalezhiyaa MH17 kan bara 2014 rukutamee kuffe tarii Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gumaachuu isaa ragaaleen akeekan cimaatu jira jedhan qorattoonni idil-addunyaa.

Xiyyaarichi misaayeela Raashiyaan tolchiteen Yukireen irratti dhahame lubbuu namoota 300'tti dhiyaatanii galafate ture.

Abukaatoonni akka himanitti, Putiin meeshaalee waraanaa jajjaboo hidhattoota Mooskoon deeggartuuf kennuuf murteessuusaanii ragaan jira.

Haata’u malee, xiyyaarichi akka rukutamu Putiin ajaja dabarsuu ragaan agarsiisu hin argamne.

Raashiyaa gama isheetiin xiyyaaricha kuffisuu keessaa qooda hin qabu jettee waakkatte.

Gabaasni bahe kunis kan hojjatame, gartuu qo’attootaa biyyoota shanirraa walitti bahaniin yoo ta’u, gabaasni kun manni murtii Neezarlaand bara darbe lammilee Raashiyaa lamaa fi lammii Yukireen tokkorratti murtee balleessummaa bakka isaan hin dhiyaannetti muruu hordofeeti.

Mooskoon murtoo sana ''fudhatama kan hin qabne’’ fi siyaasa ka’uumsa kan godhate jette.

Gartuun qo’attoota idil-addunyaa kun qaama misaa'eela dhukaase qorachuuf ittigaafatamummaa ni qabu.

Abukaattonni ammoo Guraandhala 8, 2023 akka beeksisanitti, qorannoo yakkaa kana caala qoratan hin qabu jedhan.

Xiyyaarri Booying 777 rukutamees magaalaa guddoo Neezerlaand irraa gara Kuwaalaa Laampuritti osoo balali’uu misaa'eela Raashiyaan tolchiteen bara rukutame.

Bara sanatti hidhattoonni Raashiyaan deeggartuu fi humnoonni Yukireen Dombaasitti wal waraanaa turan.

Imaltoonni 298 xiyyaricha keessa turanii fi balaliistonni lama balaa sanaan lubbuu kan dhaban yoo ta’u, namoota balaa sanaan lubbuu dhaban keessaa 196 lammilee Neezerlaandi turan. Kanneen hafan lammilee biyyoota garaa garaati.

Gartuun qorattoota sadarkaa idil-addunyaa murtoo manni murtii Neezarlaand bara darbe dabarse kan bu'uureffachuun yoo ta’u, Raaashiyaan Dooneski Reeppabilik guutummaatti to’ataa akka turte akeeke.

Qondaaltoonni Raashiyaa akka himanitti, deeggarsa meeshaalee waraanaa kennuu kan murteessu '‘Pirezedantiidha’’ jedhan.

Gartuun hidhattoota Yukireen irraa foxxoquu barbaadan deeggarsi meeshaalee waraana akka kennamuuf Raashiyaatti dhiyeeffachuu isaanii agarsiisus ta’e, gaaffiin isaanii deebii argachuu waanti qabatamaan agarsiisu hin argamne jedhame.

Qorattoonni sadarkaa idil-addunyaa kun akka jedhanitti, Raashiyaan hidhattoota kanaaf meeshaalee waraanaa kennuu ragaan akeeku jira jechuurra kan darbe ''ragaan guutuu fi guduunfaarra hin gahamne’’ jedhan qo’attoonni.

Kanarratti dabaluun qo’attoonni, Pirezedant Putiin akka hogganaa biyyaatti mirga himatamu qabaachuu isaaniille eeran .

Gareen qo’attoota kan sadarkaa idil-addunyaa kun biyyoota akka Neezerlaand, Awustiraaliyaa, Beeljiyeem, Maalezhiyaa fi Yukireen irraa walitti bahan.

Xiyyaarri MH17 haleelamuu isaatiin lammilee biyyoota kanneen tarreeffaman kanaatu caalatti miidhame.

Gartuun qo’attootaa kun eenyummaa namoota misaayilicha dhukaasu irratti qooda qabanii fi warreen ajaja kennanii mirkaneessuuf kan yaale ta’ullee ammatti kana raawwachuun akka hin dandeenye amaneera.