Abbaan taphataa Lamiin Yamaal albeen waraanamuun hospitaala gale

Abbaan Lamiin Yamaal ganda dhalootaa lamiin keessatti albeen waraanamee hospitaala gale

Madda suuraa, Getty images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Abbaan taphataa Baarseloonaa ganna 17, Lamiin Yamaal irra dedeebiin waraanamuun yaalaaf hospitaal galfamuun gabaafame.

Abbaan taphataa Ispeen kun bakka dhaabbii konkolaataa ykn paarkiingi keessatti waraaname.

Akka miidiyaaleen Ispeen gabaasanitti Muunir Naasrooy, magaalaa Mataaroo kan Kaaba Baarseloonaatti argamtu keessatti aalbeen waraaname.

Gochaan kun kan irratti raawwate Roobii galgala yoo tahu, Kan isa waraane ammoo garee namoota inni guyyaa waliin dubbatee ture tahuu himame.

Poolisiin Kaatalaan namoonni sadii yakkichaan shakkaman Roobii kaleessaa to'atamuu fi arfaffaan ammoo Kamisa har'aa hidhamuu ibseera.

Abbaan Lamiin Yamaal kun haala hamaa keessa osoo jiruu yaalaaf hospitaala geeffame. yaalii argateen booda amma haala fooyya'aa fi lubbuu isaaf balaa hin qabaanne keessa jiraachuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Yakki kun kan irratti raawwate ollaa Rookaafondaa jedhamtu ganda Lamiin Yaamaal keessatti guddatettidha.

Gaafa Roobii gara guyyaa osoo saree isaa waliin daandiirra deemuu garee namootaa tokko waliin atakaaroo keessa galuu gaazexaan Ispeen El Pais jedhamu gabaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sa'a muraasaan booda ammoo jarumti duraan waliin atakaaroo keessa gale bakka dhaabbii konkolaataa isaatti dhaquun ''irra deddeebiin'' isa waraanan.

Maaliif yakka kana isarratti raawwachuu akka barbaadan ammayyuu ifa miti.

Marsariitiin ispoortii Relevoo jedhamu ammoo abbaan Lamiin Yamaal kun hordoffii yaalaaf jecha guyyoota lamaa fi sadii tahan hospitaala keessa akka turu gabaase.

Lamiin Yamaal dorgommii Waancaa Awurooppaa irratti gahumsa olaanaa agarsiisuun, Ispeen akka Waancaa Awurooppaa 2024 mo'attu gargaareera.

Kanaafis taphataa ol adeemaa cimaa dorgommichaa tahuun filameera.

Lamiin Yaamaal galchii jalqabaa Niikoo Wiiliyaamsi Ingilaandi irratti lakkoofsise mijeessee kenne.

Akka waancicha Ispeen mo'achuu mirkanaa'een booda dargaggoonni ganda isaa Mataaroo bakka amma abbaan isaa itti waraanamee daandiitti bahuun gammachuu isaanii ibsataa turan.

Lamiin Yaamaal ijoollummaa isaa ganda kana keessatti erga dabarsee booda gara baarseloonaa deemuun Akkaadaamii La Masiyaa keessatti guddate.