UN naannoo Palastaayin kan Israa’el qabatte irratti manni murtii akka yaada kennu gaafate

Maxxanfame

Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii naannoo Palastaayin kan Israa’el qabatte irratti yaada seeraa akka kennu Mana Murtii Ol’aanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gaafate.

Yaadni gorsa seeraa gaafachuuf dhiyaate biyyoota 87n kan deeggarame yoo ta’u, UK fi Ameerikaa dabalatee biyyoonni 26 ammoo mormaniiru. Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) murtii kenna malee hojiirra oolchuu hin danda’u. Sagaleen Jimaata darbe kan kenname Beeniyaamin Netaaniyaahuun muummicha ministeera Israa'el ta'uun kakuu galanii guyyaa tokko booda. Israa'el Gaazaa keessaa baatus, ammallee naannoo West Baank to'attee jirti.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka waan humnaan naannoo sana dhuunfateetti ilaala. Israa'el guutuun Yerusaalem magaalaa guddoo ishee akka taatetti himatti.

Warri Palastaayin Yerusaalem Bahaa magaalaa guddoo mootummaa isaanii gara fuula duraati jedhu.

Ameerikaan biyyoota muraasa magaalattiin magaalaa guddoo Israa'el ta'uun beekamtii kennan keessaa tokko. Warri Palastaayin Weest Baank, Baha Yerusaalem kan Israa’el humnaan fudhatte, fi Gaazaa ''qaama biyya keenya gara fuula duraati'' jedhu.

Qondaaltonni Palastaayin murtee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kana injifannoodha jechuun jajataniiru.

“Israa’el yakka ummata keenya irratti raawwatteef yeroon itti gaafatamtu amma” jedhan Nabil Abu Rudineh.

Muummichi ministeera Israa'el haaraan murtee kana ''salphina'' jechuun ibsaniiru.

Netaaniyaahuun Dilbata galgala “Ummanni Yihudootaa lafa ofii isaaniirratti weerartoota hin ta'an,” jedhan.

Beeniyaamin Netaaniyaahuun Kamisa darbe muummicha ministeera Israa’el ta’uun gara aangootti deebi’uun sabboontota biyyattii gameeyyii ta'an waliin tumsa taasisaniiru.

Qajeelfamni mootummaa haaraa kanaa inni jalqabaa Kibxata darbe maxxanfame, "ummanni Yihudootaa Biyya Israa'el hunda irratti mirga addaa fi hin sharafamne qabu" jechuun labseera.

Kunis naannawa humnaan dhuunfatame West Baank kan dabalatu yoo ta'u, qubsuma naannoo sanatti "beeksisuuf fi misoomsuuf" waadaa galeera.

Israa’el bara 1967tti West Baankii fi Yerusaalem Baha erga qabattee asitti, Yihudoonni tilmaamaan 600,000 ta’an qubsuma haaraa ijaaraman 140 keessa jiraatu.

Hawaasni addunyaa harki caalaan qubsumni kun ija seera addunyaatiin seeraan alaa ta’uu kan himan yoo ta’u, Israa’el garuu cimsitee ni haalti.

Mootummaan haaraan kun qubsumawwan gara 100 ta’an Weest Baank keessatti hayyama Israa’el malee ijaaraman seera qabeessa taasisuu fi Weest Baank akka dabalu waadaa galeera.