Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imman Hospitaala Waliigalaa Yaa'aballootti walitti maxxananii dhalatan boqotan
Godiina Booranaa Hospitaala Waliigalaa Yaaballootti daa’imman lakkuun walitti qabatanii dhalatanii ture boqotan.
Muddee 17, 2016 ALI Hospitaala Waliigalaa Yaaballootti dhalatanii kan ture lakkuuleen kunneen guyyaa lamaan booda kamisa galgala naannoo sa’aatii 1:30tti lubbuun darbe.
Abbaan Ijoollee dhalatanii Aab Godaanaa Roobaa BBC’tti akka dubbatanitti, daa’imman kunneen erga dhalatanii guyyoota lamaan darban Hospitaalichuma turan.
“Asitti yaaliin hin godhamneefi. Gara Hospitaala Phaawuloositti rifarii erguuf adeemsarra osoo jiramuu galgala gara fuula waaqaa deebi’ani,” jedhan
Daa'imman kun walitti qabatanii kan dhalatan Mudde 27, 2023 obboroo sa’aa 11 irratti akka ture BBCn hospitaalicharraa odeeffate.
Harmeen daa’imman kanaa Godina Boorana Bahaa jiraattuu aanaa Waacillee akka ta’an BBC’tti kan himan Hojigaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Yaaballoo Obbo Areeroo Biqichaa, harmeen kun hospitaalichatti hordoffii da’umsa duraa taasisaa turuu isaaniis himaniiru.
“Ijoolleen walitti maxxananii dhalatan lachuu saalli isaanii dhiira. Naannoo laphee kanatti walitti maxxananii jiru,” jedhan Obbo Areeroon.
Wayita harmeen kun hordoffii da’umsa duraa taasisaa turanitti daa’imman walitti maxxanuun isaanii kun kan hin beekamneefii dahumsa booda beekamuus himan.
“Yeroo ulfaatti sirriitti mul’achuu dhabuu danda’a, yeroo sanatti walgubbaa ciistee jirti waan ta’eef walitti maxxantee daa’imuma tokko fakkaatti,” jedhan.
“Qaamni isaanii kaan guutuudha. Iddoo walitti maxxane kana qofatti rakkoo qaba. Iddoon laphee kun walitti maxxanee waan jiruuf qaama walirraa qooddatanii jiru,” jechuunis haala daa’imman kun irra jiran ibsan.
Daa’imman kana keessaa inni tokko isa kaanirraa qaama qoodachuu kan himan Obbo Areeroon, kutaaleen qaamaa kam akka walirraa qooddatan garuu ammatti kan hin beekamne ta’uu eeranii ture.
Yoo isaan biratti hin danda’amne iddoo danda’amutti riifariin geeffamee hojjetamaaf jedhanii kan ture Obbo Areeroo Biqichaa, yeroo dhalatan sanatti hargansuun daa’imman walitti maxxananii dhalatanii gaarii ture jedhan.
Deeggarsa meeshaa oksijiinii malee ofiif harganaa akka turan kan himan Obbo Areeroon, “yeroo sanatti (haadharraa) kophaatti adda bahanii naannoo daa’imman kichuu ta’an itti yaalamanitti wallaanamaa turan.
Daa’imman bifa kanaan dhalatan kana dura hospitaala isaaniitti mudatee akka hinbeekne eeruunis kuni isa jalqabaa ta’uu himaniiru.