Dambidoollootti daa’imman lakkuu qaamni isaanii wal-qabate dhalatan

Maxxanfame

Godina Qeellam Wallagaa magaalaa Dambi Doollootti haati tokko daa'imman dhiiraa lakkuu qaamni isaanii walitti qabate dahan.

Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Inistituyutii Fayyaa fi Yaalaa Barnoota Fayyaatti ispeeshalistii ulfaa fi yaala gadameessaa kan tahan Dr Tsgayee miidhaksaa haati kun gaafa Kibxata, 9/2022 tajaajila baqaqsanii yaaluun akka daa'imman kannen dahan himan.

''Daa’imman kunneen garuu qaamni isaanii guutummaan wal-qabate malee mataa fi morma adda addatti qabu,’’ jedhan.

Hakiimni kuni deessuun ‘’hordoffii gahaa argachuu baatus yeroo ulfa turte ilaalamaa turte,’’ jedhaniiru.

Ji’a sagalitti yeroo ilaalamtu daa’imman garaa keessaa baayyee walitti siqanii waan jiraniif, ''walitti maxxanuu danda’u waan jedhu shakkineerra,’’ jedhan.

Da’umsaan duras daa’imman kunneen wal-qabatanii akka dhalachuu danda’an itti himnullee garuu,’’eessatti wal-qabataa waan jedhuufi akkamitti adda bahaa kan jedhu irratti rakkoosaas itti beeksisneenii turre,’’ jedhu Dr Tsaggaayeen.

''Haatis akkuma dubartooti kaan baqaqfatanii dahanitti deessee, fayyaashee jirti, daa’imman immoo xiqqoo rakkoon hargansuu ijaa jiruuf guyyaa arfaffaa isaanii tahus  oksijiiniin kennamaafi,’’ jedhan

Yeroo ammaa kanas akka daa’imman lamaatti kennamaafitu yaalamaa jiru jechuun ibsu hakiimni kuni.

Akka isaan jedhanitti lakkuuwwan akkasii baqaqsanii yaluun adda baasuun,''waan danda’amu miti.''

Sababiinsaas daa’imman kunneen mataa isaaniin alatti,''qaama kaan tokko qixxeetti qabu,’’ qorannoon dabalataa qaama kamtu tokko qaama kamtu lama kan jedhu baruun garuu barbaachisa.

Lakkuu akkanatti walitti maxxananii dhalatan adda adda baasuuf qaama qofa qofaatti qabaachuun isaanii barbaachisaa dha jedhan.

Kanaan ala daa’imman kunneen akkuma ijoollee kaanii fayyaa qabu jedhan.

''Ni socho’uu, ni bo’uu, akkuma daa’ima lamaatti dabaree dabareedhaanis bo’uu, '' jedhan.

Ammaaf yaaliin addaa isaan barbaachisuufi kennamuufi hin jiru kan jedhan hakiimtichi, otoo tahee silaa baqaqsanii yaaluun adda baasuu dha, ‘inni immoo waan danda’amu miti,’’ jedhan.

''Yaaliin daa’ima kaaniif kennamu isaanii kennamee, carraan guddachuu yoo jiraate ilaaluu dha,’’ jedhan.

Kana duras muuxannoo biyyooti alaatti jiruun lakkuun akkanatti wal-qabatanii dhalatan, ''kan guddatanii dhaabbatanii deeman jiru, kan irraa hin hafnes jiru,’’ jedhan.

Ogeessi kuni daa’imman akkasii guddisuun salphaa gatiin hin taaneefi maatiis rakkisuu waan danda’uufi dhaabbileen tola oolaa otoo gargaaranii jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Waa’ee lakkuu maxxananii dhalatan… 

Daa’imman lakkuu walitti maxxananii dhalatan yeroo hunda  lakkuulee walfakkaatoo /identical twins/ dha.

Kana jechuunis   hanqaaquu dhalaa tokko irraa uumamu jechuudha. Lakkuuleen walitti maxxananii dhalachuun sadarkaa       addunyaatti taatee baay’ee hin baramnedha.

Daa’imman lubbuun dhalatan kuma 200 keessaa carraan lakkuuleen walitti maxxanan dhalachuu tokko qofa.

Yeroo baay’ee naannoo laphee, garaafii mudhii/luqqeettuu walqabatanii dhalatu  Lakkuulee walitti maxxananii dhalatan keessaa dhibbeentaan 70 dubartoota Uumama daa’imman walitti maxxananii dhalatan ilaalchisee yaadiddamawwan lamatu jiru.

Inni tokko fartilaayizeshiniin /adeemsa wayita sanyiin dhiiraafii hanqaaquun dhalaa gadaamessa keessatti walitti dhufan umamu/ erga umamee booda hanqaaquun dhalaa iddoo lamatti qoodamuuf yeroo barameen alatti turee qoodamuu yoo eegalefi lakkuuleen haalaan osoo gargar hinbahin yemmuu hafan uumama kan jedhudha.

Yaadni inni lammaffaan immoo imbiriyoon lamaan waltuquun adeemsa keessa tokko ta’uun yemmuu guddatan umama kan jedhudha.