Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorichoonni ajaja hakiimaa malee fudhannu umrii keenya gabaabsaa jiruu?
Qorichi summii to’annoo jala jirudha. Xiqqootu nama fayyisa, xiqqumatu nama galaafatas.
Daangaan qal’oon qorichaa fi summii jidduu jiru ‘hamma’ isaati jedhama. Qorichoonni tokko tokko ajaja hakiimaa qofaan kan gurguramaniif summii akka nutti hin taaneefidha.
Hammiifi yeroon fudhannu kan nutti himamuufis kanumaafi.
Namoonni garuu qorichoota akka Amooksaasiliin, Meetiroonidaanzool fi Siipiroofilooksiin akkanumaan bitatanii fayyadamuun baratameera.
Qorichonni kunneen Antibaayootiiks jedhamanii beekamu. Fayyaa keenyaaf daran murteessaa ta’anillee dhiyeenya kana rakkoo fayyaa namoota hedduuf sababas ta’aa jiru.
Vaayirasoonni fi Baakteeriyaawwan silaa qorichoota kanaan du’uun irra ture, qorichoota kanatti madaqanii du’a diduun isaanii hakimoota Itoophiyaa yaaddesseera.
Hospitaala Xiqur Anbassaatti hakiima kan taate Dr Iskadaar Firduu, “wanti kun hakiima hunda waan yaaddessaa jirudha,” jetti.
Qorichoota ajaja malee bitamanii ‘ajajamuu’ didan
Namootni ajaja hakiimaa malee qorichoota keessaahuu Antiibaayootiik kanneen jedhaman fudhachuurraa kan ka’e, qorichoota kanaan fayyuuf ni rakkatu.
Kunis vaayirasoonni fi baakteeriyaawwan dhukkuba namatti fidan qorichoota kanatti madaqanii du’uu waan didaniif. Afaan Ingiliziin “Antimicrobial resistance” jedhama.
Sadarkaa idil-addunyaatti sababa kanaan namoonni lubbuu dhaban miliyoonotaan kan lakkaa’aman ta’us, Itoophiyaatti lakkoofsaan hin beekamu.
“Antimicrobial resistance” ykn vaayirasoonni fi baakteeriyaawwan qorichatti madaqanii du’uu diduun bara 2050tti addunyaarratti sababa namni ittiin du’u isa jalqabaa ta’a jedhamee yaadama.
Vaayirasoonni fi baakteeriyaawwan qorichatti madaqaan naannoo manneen yaalaatti kan heddummatan ta’uun jiraatullee, amma garuu gara uummataatti tamsa’aa jiraachuun daran yaaddessaa akka ta’e Dr Iskadaar ni himti.
“Hospitaala keessatti qorichoonni farra vaayirasii fi baakteeriyaa hedduun dhukkubsataaf ni kennama. Kanaaf baakteeriyaawwan qorichatti madaqan ‘superbug’ jedhamaniin qabamuu danda’u.
Wanti dhimmicha yaaddessaa godhaa jiru, baakteeriyaawwan qoricha baratan kunneen gara uummataatti tamsa’aa jiraachuu isaaniiti” jeti.
Bakka hojî isheetti yeroon itti qorichoota dhukkubsattootaaf ajajjee, bu’aa barbaadamu irraa dhabde hedduu ta’uu himti.
Rakkoon kun yoo bubbule miidhaa guddaa waan fiduuf, hakimoonni uummanni dammaquu qaba jedhanii waywaataa jiru.
Qoricha ajaja hakiimaa malee bitanii fayyadamuun haa dhaabbatu jedhanii sagalee isaanii dhageessisaa jiru.
“Fakkeenya salphaan, utaalloo vaayirasiidha, kan fayyu ammoo kunuunsaani. Utaalloof qorichootni antiibaayootikii yoo kennaman, vaayirasoonni salphaatti qoricha kanatti madaqaa deemu,” jetti Dr Iskadaar.
Rakkoon dhibiin qoricha jalqabanii adda kutuudha.
Itoophiyaatti qorichoota walirraa ergifatanii liqimsuun, akkasumas kan guyyaa torbaaf ajajame ‘natti wayyaa’e’ jedhanii guyyaa sadiitti dhiisuun waan barataamedha.
Kun waan baay’ee balaafamaa akka ta’e hakimoonni ni dubbatu.
Waa’ee qorichoota isaan kamii haasa’aa jirraa?
Antiibaayootiiks qorichoota baakteeriyaa, jarmii, fangasii fi vaayirasootaa balleessuuf kennamanidha.
Hakimootni irra deddeebiin waan nuuf ajajaniif maqaa isaanii akka fira dhiyootti beekna; rakkoo kan ta’es kana ta’uu hin oolu.
Hakimoonni akkanumaan qorichoota kana dhukkubsattoota baachisan akkuma jiran, namoonni ajaja hakiimaa malee dukkaana qorichaatii bitatanii liqimsanis hedduudha.
Utaalloo, kulkula qoonqoo, garaa kaasaa fi dhukkuboota kaaniif namni ofuma isaatiif qoricha bitachuu amaleeffatee jira.
Ogeeyyiin dukkaana qorichaa ajaja malee akkanumaan qorichoota kanneen gurguranis rakkoo kana keessaa qooda qabu.
Finfinnee keessatti dukkaana qorichaa meeqatu qorichoota ajaja qofaan gurguramuu qaban ajaja malee gurgura kan jedhu adda baasuuf waggaa sadi dura qorannoon tokko hojjetamee ture.
‘Mucaakoo garaa kaasaan najalaa qabe mee qoricha naaf kenni’ jechuun namootni dukkaana qorichaa seenanii qoricha ajaja hakiimaa malee hin gurguramne akka gaafatan taasifame.
Bu’aan qorannoo kanaa daran rifaasisaa ture.
Dukkaanawwan qorichaa 262 gaafataman keessaa 166 kan ta’an ajaja hakiimaa malee qoricha gaafataman kennaniiru.
Dukkaanawwan qorichaa maaliif hin adabaman?
Kana to’annoo gochuu kan qabu Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itoophiyaati.
Dhaabbata kanatti qondaala olaanaa itti fayyadama qorichaa kan ta’an Obbo Miliyoon Tirfee, Abbaan Taayitichaa rakkoon akka jiru quba qabaachuu himu.
Abbaan Taayitichaa naannolee torba keessatti damee qabaatullee kallattiin tarkaanfii fudhachuuf rakkachuu himan.
“Nuti dhaabbata federaalaati, naannoo tokko dhaqnee rakkoo akkanaa agarreerraa jennee tarkaanfii fudhachuu hin dandeenyu, naannichi kun hojii kooti nuun jedha,” jedhan.
Ka’uumsi rakkoo kanaa abbootii dukkaana qorichaa maallaqaaf dursa kennan qofa osoo hin taane, dhibaawummaa dhukkubsataa fi hanqinni hubannoo jiraachuu ta’uus himu.
“Namoonni mana yaalaa deemanii, dabaree eeggatanii, maallaqa baasanii wal’aanamuu hin fedhan.
Qoricha amma dura beekan irra deebiin bitanii itti fayydamuu fialtu," jedhu.
Ofumaan Antiibaayootikiin of wal’aanuun balaa guddaa qaba jedhu Obbo Miliyoon.
Qorichoota akka jimaa ‘doqdoqqeen’ gurguraman
Erga weerara koronaasii as akkaataan bittaa fi gurgurtaa jijjiiramee jira. Namoonni manuma isaanii taa’anii waa bitatu. Motorri ykn doqdoqqeen manaan gahaaf.
Wanti namoonni bitatan kun garuu jimaa fi meeshaa mana keessaa qofa osoo hin taane qorichas ni dabalata.
“Fakkeenyaaf ‘Remdesivir’ qorichi jedhamu jira. Namoonni biyya alaatii giphii keessatti baatanii dhufu.
Dhukkubsataa hospitaala keessa ciisee jiruuf, motoraan waliif daddabarsu. Kun barameetu qorichoota Antiibaayootikii kaanis akkanuma gochuun eegalame,” jedhu Obbo Miliyoon.
Namni dhuunfaa tokko qorichoota kanneen haala kanaan fudhachuun rakkoon isaa nama dhuunfaa sana qofarratti hin dhaabbatu jedhu Yuunivarsiitii Finfinnee kolleejjii saayinsii fayyaatti gargaaraa pirofeesaraa kan ta’an Geetaachewu Alemqerre.
“Antiibaayotikii guyyaa torbaaf ajajame natti wayyaa’e jennee yoo dhiifne, baakteeriyaan sun osoo hin du’iin hafa, san booda nama biraatti darba. Kun hawaasa guutuuf balaadha,” jedhu.
Wanti dogoggoraan hubatame tokko jira jedhu gargaaraa pirofeesaraa Geetaachewu.
Fakkeenyaaf, Amooksaasiliiniin giraama 500 guyyaatti garaagarummaa sa’aatii saddeetiin guyyoota torbaaf haa fudhatamu jedhamee yoo ajajamu cal jedhamee mitii jedhu.
Qorichi tokko “hammam, yeroo hagamiif, garaagarummaa sa’aatii meeqaan yoo fudhatame jarmicha ajjeesuu danda’a kan jedhu, murtee qorannoo waggoota dheeraa booda darbudha,” jedhu.
Dogoggora hubannoo uummata bira jirurraa kan ka’e qorichoota ajaja hakiimaa malee akkanumaan fudhachuun rakkoo uumaa jiraachuu himu.