Jaalalleewwan galma lolaan guutame keessa cidha godhatan
Jaalalleewwan galma lolaan guutame keessa cidha godhatan
Maxxanfame
Jaalalleewwan lamaan kuni galmi itti cidha raawwatan lolaan guutamuus sagantaan isaanii adda hin kutne.
Taateen kuni Filippiinsitti raawwate. Galmi lolaan kan guutameef immoo sababa obomboleettii hamaa Doksurii jedhamuunidha.
Viidiyoo kana keessa keessummoonniifi maatiini galma Waldaa Kiristaanaa Barasoain Maaloloo argamuufi lolaan guutame keessa yeroo dhaabatan mul’ata.
Obomboleettii sababa jijjiirama haala qilleensaan biyyoota Eshiyaafi kaanitti mudateen lubbuun namootaa darbeera, magaalotni immoo lolaan liqiimfaman.
Biyyoota kaanittimmoo ho’a hamaatu jireenya guyyuu hawaasaa jeeqe.






