Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatii hedduun maaliif ijoollee isaanii manatti barsiifachuuf dirqaman laata?
Erga weerara koronaa Vaayirasii as addunyaa irratti lakkoofsi ijoollee mana barnoota adda kutuun mana keessatti akka baratan taasifamanii baay'ee dabaleera.
Kanaan dura haalli ture namoota qabeenya qabantu daa'imman ykn maatii isaaniif ogeeyyii fayyaas ta'ee barnootaa manatti mindeessa.
Amma garuu amantaa manneen barnootaa irraa dhabuu fi sababoota gara biroon ijoolleen mana keessatti akka baratan taasifamaa jiru.
"Daa'imni koo yeroo hundumaa ganama ganama yeroon mana barnootan ga'ee biraa deebi'u gammadaa mitii," jedha abbaan daa'ima waggaa saddeeti tokko Daani'eel jedhamu.
Kanaafis haalli mucaa isaa isa yaaddessuun sa'aatii muraasaaf achi turee haala isaa hubata ture.
Waanti kun nageenyummaa daa'ima isaaf waan yaaddesseef, baatii Caamsaa bara 2023 mana barnoota keessaa isa baasee manatti akka barsiisu murteesse.
Daani'eel qofaa miti. Akka lakkoofsi istaatistiksii mootummaa Ingilaand agarsiisutti lakkoofsi maatii daa'imman isaanii mana barnoota idilee adda kuchisiisun mana keessatti akka baratan taasisaa jiranii kan yeroo kamiyyuu caalaa dabaleera.
Daa'imman gara kuma 110 ol ta'an mana keessatti barachaa kan jiran yoo ta'u, kunis kan bara darberraa 20%'n dabaleera.
Maatiin 23% ta'an haala kenniinsa barnoota, haalaa jireenyaa, falaasama qaban ykn amantii fi aadaa dabalatee sirna barnootaa qormaata irratti hundaa'e jibbuun daa'ima isaanii akka manatti barsiisuu filatan qorannoon kan mul'isu.
Maatiin dhibbeentaa 13 ta'an amma sababa haalli daa'ima isaanii giddu galeessa godhate akka bakka tursiis daa'immanii, hanqina deeggarsa fedhii barnootaa addaa fi qaama miidhamtootaa akkasumas miidhaa achitti irra ga'uu danda'u sodaachuun kanneen mana barnootaa caalaa manatti barsiisuu filataniidha.
Kana malees 14% fayyaa sammuu daa'ima isaanii irraa kan ka'e ta'uu dubbatu. Lakkoofsikun yeroo yeroon dabalaa deemuun isaa xiyyeeffannoon manneen barnootaa irratti kennamuu fi haala fedhii maatiii fi barattotaa giddu galeessa godhateen ta'uu akka qabu Ministeerri Barnootaa biyyattii kan ibse.
Maatiin haala daa'immaan rakkoo fayyaa qabaniif yeddu yaadda'uun mana keessatti akka baratanis taasisu.
Dura teessuu dhaabbata tola ooltummaa barnoota Wendii CharlesWarner lakkoofsi kun dabaluu isaatiin akka rifatte dubbatti.
"Warra mana keessatti barsiisuu barbaadan caalaa manni barumsichaa fedhii daa'imman isaanii guutuu waan dadhabeef jecha manatti barsiisuun sirrii miti, barnoiotni manaa salphaa miti," jechuun falmiti.
Wayita weerara koronaa Vaayirasii manneen barnootaa hedduu keessatti teeknooloojiin qunnamtii viidiyoo akka tasaa waan barameef carraan sun daa'immaan mana barnootan alatti barachuu akka danda'an maatii kan hubachiise ture.
Kanaanis barnoota idilee mana barnootatti kennamu caalaa barnootni dijitaalaa fudhatamummaa guddaa argachaa dhufeera.
Weerara vaayirasii Koronaa booda manneen barnootaa deebi'anii banamaniyyuu ijoolleen hedduun gara daree barnootaatti deebi'uu caalaa karuma eegalaniin waan itti fufaniif harcaatiin barattootaa sadarkaa addunyaatti itti fufiinsaan akka dabalu taasiseera.
Akka dameen barnoota UK beeksisetti bara barnoota 2023/2024 darbe kanatti daa'immaan 5 keessaa 1 yeroo 10% ol barnootarraa hafaniiru
Ministeerri Barnootaa biyyatti manneen barnootaa idilee keessatti lakkoofsa barattootaa guddisuufi kanneen harca'anillee akka debi'aniif haala miijessuuf maallaqa paawundii miiliyoona 740 akka kennu beeksiseera.
Daa'imman miliyoona 1.6 ol ta'an manneen barnootaa Ingilaandi keessatti Fedhii Barnoota Addaa ykn Special Educational Needs (SEND) kan qaban yoo ta'u, bara 2023 irraa 101,000n dabaleera.
Kanaaf hubannoo guddaa uumuu dabalatee sababoonni adda addaa akka jiran ogeeyyiin ni dubbatu.
Ameerikaa keessatti ammoo daa'imman 6% ta'an mana keessatti baratu. Akka qorannoowwan agarssiutti daa'imman mana keessatti baratan irra caalaan isaanii qormaata barnootaa irratti hiriyoota isaanii dareetti baratan caalaa deebisaniiru.
Haata'u malee, ogeeyyiin tokko tokko akka kaasanitti qorannoowwan kunneen maatii galii giddu galeessaa kan barsiisaa fi interneetii ga'aa mindeessuu danda'an akka ta'e yaddoo qaban ibsu.
Maatiin akka fedhii daa'immaan isaanitti barsisuuf humni ykn galiin isaanii isaan rakkisu bu'aa barnootaa gad aanaa ta'e galmeessuu akka danda'anii fi addunyaan barnoota manaa akka hin jajjabeessuu hin qabne falmuu.