Mariin daldalaa US fi Kaanadaa fashale, Torontoon gibira walqixaaf dhaadatte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Mariin Ameerikaa fi Kaanaadaa gidduutti taasifamu daqiiqaawwan dhumaatti bu'aa tokko malee erga goolabamee booda taarifa marsaa haaraan bulchiinsi prezidaant Doonaald Tiraamp oomishaalee Kaanaadaa irratti labse hojiirra ooluu eegaleera.

Muummichi ministeeraa Kaanaadaa Maark Kaarnii yeroon mariif kenname xumuramuu dursee mariin kun addaan cituu isaa kan beeksisan yoo ta'u, tokkoon tokkoon oomishaalee biyyattii irraa dhufan irratti taarifa kan Ameerikaa waliin walqixa ta'e akka kaa'an himaniiru.

Muummichi Ministeeraa yaadotni Ameerikaatiin dhiyaatanii turan sa'aatiiwwan dhumaatti jijjiiramuu isaanii qeequun, ''haqa kan hin qabne, dinagdeen bu'aa kan hin qabnee fi dhugummaa waliigaltee kamiyyuu gaaffii keessa galcha" jedhan.

Prezidaant Traamp walakkeessa baatii Hagayyaa irraa eegalee meeshaalee Kaanaadaa doolaara biiliyoona 20 baasan gara Ameerikaatti galfaman irratti taarifa %50 akka kaa'an doorsisaniiru. Biyyoonni lamaan ji'a Adoolessaa irraa eegalee mari'achaa jiru.

Tiraamp jalqaba torbee kanaa yeroof taarifa kana kan addaan kutan yoo ta'u, biyyoonni lamaan waliigaltee daldalaa ''baay'ee gaarii'' mallatteessuutti dhihaataniiru jedhanii ture.

Yeroon xumuraa daqiiqaa muraasa dura kan dubbatan Ministirri Muummee Kaanaadaa Kaarnii mariin kun fashalaa'uu ibsuun, marii kanarratti ''fooyya'insi guddaan'' kan mul'atee ture ta'us, bu'aan argame ''galma lammiilee Kanaadaaf kaa'an galmaan ga'uuf gahaa miti'' jedhan.

"Sababa kanaaf marii daldalaa Ameerikaa waliin taasifamaa ture galgala kana addaan kutuuf murteessee, mariisistoonni gara Otaawaatti akka deebi'an ajajeera" jedhan.

Dubbii Kaarnii booda ibsa kan kennan bakka bu'aan daldalaa Ameerikaa Jamieson Greer tarkaanfii kana qeequun, "Halkan kana Kaanaadaan waliigaltee daldalaa kana haalawwan torban kana irratti walii galleen xumuruu diddeetti" jedhan.

"Ameerikaan Kanaadaa biyyoota omisha guddaa itti ergan biroo kamiyyuu caalaa akka gaariitti ilaaluuf yaada dhiyeessitus, Kaanadaan gaaffiiwwan haaraa fi waadaa haaraa dhiyeessuu waliigalteerraa fagaachuu qondaalli kun X gubbaa barreessan.

Kufaatiin mariin kun abdii qondaaltonni Ameerikaa fi Kaanaadaa jalqaba torbee kanaa waliigaltee biyyoota lamaan fayyadu irra gahuun ni danda'ama jedhanii qaban diigee jira.

Mariisistoonni biyyoota lamaanii waliigaltee taarifa Ameerikaan sibiilaa fi aluminiyeemii Kanaadaa irratti %50 irraa gara %25tti hir'isuu fi taarifa konkolaattota Kaanaadaa %25 irraa gara %15tti hir'isu irra ga'uuf yaalaa akka jiran himamaa ture.

Deebii kanaaf yaadni bulchiinsi Kaanaadaa dhugaatii alkoolii Ameerikaa deebi'anii gurguruu akka jalqaban hayyamamuu ka'e.

Pirezidaanti Tiraamp bara darbe baatii Guraandhalaa keessa erga aangoo qabatanii as michoota daldalaa gurguddoo lamaan gidduutti waldhabdeen uumamee jira. Taarifa addunyaa bal'aa Tiraamp buusuun daldala bilisaa Kaanaadaa fi Ameerikaa gidduutti waggoota kurna hedduuf ture diigeera.

Amma mariin kun waan fashalaa'eef oomishoonni Kaanaadaa taarifa %50 isaan mudata. Taarifaan kun wayinii, oomishaalee aannani, simintoo fi uffata dabalatee oomishaalee adda addaa irratti raawwatiinsa qaba.

Taarifa amma jiru kun taarifa Ameerikaan kanaan dura sibiilota, aluminiyeemii, konkolaataa fi muka Kaanaadaa irratti kaa'atte irratti dabalata.