Namoonni 'baala geeshoo hatte' jechuun nama ajjeesan hidhaan adabaman

Maxxanfame

Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu kutaa magaalaa Duukam aanaa Xaddachaa keessatti qaamni nageenyaa tokkoofi namni gara biraa tokko waliin ta'uun, nama 'baala geeshoo hate' jedhanii ajjeesan irratti murtii hidhaa waggaa saddeetii hanga 10 murame.

ALI Bitooteessa 7 bara 2015 miidhamaan dhuunfaa amma lubbuun hinjirre halkan keessaa sa’aa 4 irratti “geeshoo hateerta” jedhamuun hawaasa naannootiin qabamuusaa galmeen Abbaa Alangaa hima.

Yeroo miidhamaan jiraattotaan to’atamee jiruttis hojjetaa Waajjira Nageenyaa kan ture Raggaasaa Nagaash fi himatamaa lammaffaa Dammallaash Xaasoo jedhaman iddicha gahan.

“Hawaasni naannoo sanaa gadi bahee ‘nama kana hannaan shakkine’ jedhanii qabanii bakka jiranitti himatamtoonni lamaan bakka hawaasni naannoo sanaa shakkamaa kana qabee jirutti dhaqan” jedhan Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Bishooftuutti Abbaa Ademsa Hojii Yakkoota Adda Addaa kan ta’an Sanyii Namoomsaa.

Himatamtoonni lamaan iddicha erga gahanii boodas hawaasa naannoorraa waa’ee miidhamaa odeeffannoo gaafachuu jalqaban.

“Yeroo waa’eensaa haasa’amu miidhamaan rifatee geeshoo qabatee ture sana lafa kaa’ee harkaa fiigee miliquuf gaafa jedhu himatamtoonni lamaan duubasaa fiiguu eegalan” jedhu Abbaan Alangaa.

Sana boodas himatamaa tokkoffaa Raggaasaa Nagaash shugguxii gosa Maakaarov qabatee ture dhukaasuun miidhamaa Zarihun Galaanoo yemmuu rukkutu, himatamaa Dammallaash ammoo shuguxii gosa ‘Star’ qabatee ture dhukaasullee miidhamaa osoo hin rukkutiin hafe.

“Harkaanuu qabachuu osoo danda’anuu, osoo qabachuu hin dandeenyellee, osoo harkaa miliqee tooftaa biraatiin to’achuu osoo danda’anii himatamaa tokkoffaan Maakaaroovii kanaan yeroo tokko dhukaasee miidhaa irraan gahee miidhamaan kufe,” jedhan Abbaa Alangaa Sanyii Namoomsaa.

Ajjeechaan booda

Ajjeechaan kun erga raawwatamee booda gareen qorannaa kutaa magaalaa Duukam dhimmicha qoratee murtiif gara Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Bishootuutti erge.

“Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Bishooftuutis akkuma hirmaannaa isaaniitin Seera Yakkaa rogummaa qabu jalatti himannaa banuun Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuutti himannaa dhiyeesse” jedhanAbbaan Alangaa.

Himatamtoonni lamaanis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 540 jalatti kan himataman yemmuu ta’u, Abbaan Alangaa ragaalee namootaafi mana yaalaa akkasumas bu’aa qorannoo Poolisii qindeessuun dhiyeessera.

Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuus dhimmicha erga ilaaleen booda dhaddacha ALI Guraandhala 27, 2016 ooleen himatamaa Raggaasaa Nagaash irratti hidhaa cimaa waggaa 10 yemmuu murteessu, himatamaa lammaffaa Dammallaash Xaasoo irratti ammoo hidhaa cimaa waggaa saddeet murteesseera.

Himatamtoonni lamaan kanaan dura kuusaa yakkaa qabaachuu dhiisunsaanii, haalli maatii fi maalirraa ka’anii gochicha raawwatan kunneen jedhan akka yaadawwan adabbii salphisanitti fudhatamuus himaniiru.

Gama biraatiin dhimma geeshoo hatame jedhame ilaalchisee kan gaafanne Abbaa Alangaa Sanyii Namoomsaa, miidhamaan shakkiidhaan kan qabame malee waqtii sanatti miidhamaan ‘hateera’ jedhamee jala muramee waan dubbatamu akka hintaane himan.

“Qaamni nageenyaa nama dhimma kamiinuu shakkame to’annaa jala oolchuudhaaf yemmuu deemamu bu’uuruma seeraatiin itti deemuufii adeemsa seera adeemsa falmii yakkaa keenya lafa kaa’u fayyadamuun dirqama,” jechuunis himaniiru.