Viidiyoon wayita dubartiin restoraantii keessatti reebamtu agarsiise dheekkamsa kaase

Maxxanfame

Chaayinaatti viidiyoon yeroo dhiiroonni gareedhaan dubartii tokko reeban magaalaa Taangishaan keessatti qoodamuu hordofee namoonni sagal to'annoo jala oolfamuu poolisiin biyyattii hime.

Taateen kunis miidiyaa hawaasaa irratti dheekkamsa guddaa kaasuun, dhimmi sarbama mirga koorniyaa Chaayinaa keessatti deebi'ee akka ka'uuf kakaaseera.

Taateen kun kan eegalame yeroo namtichi tokko restoraantii (mana-nyaataa) keessatti harka isaa dugda dubartii kanaa irra inni keenyaan isheen ammoo ofirraa dhiibde ture.

Namtichi kun osoo dhiironni kaan dhufanii gara alaatti gottotanii bakka isheen kuftetti itti fufanii rukkutuu hin eegaliin dura ishee reebaa tureera.

Gareen dhiiroota sunis namoota waliin isheen nyaataa turte yoo reebanis ni mul'atu.

Isaan keessaa dubartoonni lama hospitaala kan galan yoo ta'u, ''haala lubbuuf hin sodaachifne irratti argamu'' jedhameera. Kaan lama ammoo miidhaa salphaan irra gahuu qondaaltoonni himan.

Poolisoonni Taangishaan bulchiinsa kaaba Hebee keessaas, gochaa, ''hokkara kaasuu'' sana keessatti hirmaachuun shakkamuun namoonni sagal to'annoo jala oolfamu hime.

Taateen kun miidiyaalee hawaasaa Chaayinaa keessatti mata-duree dubbii olaanaa ta'ee ooleera. TV biyyaaleessaas shakkamtooti adabbii cimaan akka irratti murtaa'u gaafate.

''Kun hundi anarras qaqqabu danda'a, eenyumayyuu mudachuu danda'a'' jedhe namni yaada kenne irratti deeggarsa argatee yeroo kuma 100 ol jaalatameef tokko.

"Taateen akka kanaa attamiin bara 2022 keessa mudata?'' jedhe namni biraa yaada kenne. ''Maaloo yakkamtootaas murtee itti kennaatii tokkoon isaanii akka hin baanee taasisa.''

Maxxansi WeChat baayinaan qoodame dhimmicha, 'taateen kun gochaa haleellaati' jechuun ibse.

''Kunis hawaasa miidhaan dubaroota irra gahuu baayyee ta'e keessatti raawwatame,'' jedhan namni maqaa isaa osoo hin eeriin barreessee tokko. "Dhimma akkasii kana gadi qabuufi dhoksuun miidhaa namoota- akka dubartootaatti keessa darban haaluudha.''

Chaayinaan biyya miidhaan dubartoota keessatti heddumatu

Gochaan miidhaa dubartoota irratti raawwatamu Chaayinaa keessatti haala sodaachisaa ta'een baramaadha jetti xinxaltuun miidiyaa Chaayinaa, Keerii Alan.

Waggoota kudhan duras wayitan biyyattii keessa jiraataa turetti, dhiironni dubartoota waliin jiraatan yeroo reeban yeroo garaa garaatti ofiikoo argeera.

Seenaadhumaan, taateen akkasii akka waan dhimma cimdiiwwaniitti ilaalama. Kaan ammoo nageenya dhuunfaa isaaniitiif ykn akka yakkamaatti akka hin ilalamne sodaachuun jiduu seenu sodatu.

Chaayinaan miidhaa mana keessaa seera Bitooteessa 2016 qofaatiin kan adabsiisu taasifte. Bara 2001 dura, miidhaan qaamaa gaa'ela diiguuf bu'uura hin ta'u ture.

Ammas tarii murteen taatee kanaa adabbii baayyee xiqqaa aka hin taaneef namoonni baayyeen yaadaa jiru.

Waggoota dhiyeenya keessatti dubartoonni himannaa miidhaa ykn haleellaa saalaa bu'ureeffateen mo'atan baayyee xiqqaadha.

Yoo waraabbii ittiin himannaa isaanii mirkaneessan yoo hin qbaaannees, himmannaa muraasaatu miidhamtootaaf murtaa'e.

Uggurri waggoota lamaan darbaniif Chaayinaa keessa ture ammoo miidhaa mana keessaa cimseera jedhama.