Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen haleellaa haaraa banteen Raashiyaarratti mirga argataan jira jette
Loltoonni Yukireen sarara ittisaa Raashiyaa naannawa Kersoon cabsee itti seenuu humni Waraana biyyattii beeksise.
Yukireen daanga Kibba biyyattii Raashiyaadhan jalaa qabame to'achuudhaaf haleellaa banuuf qophaa'aa akka turte himamaa ture.
Akkuma karoorsite amma haleellaa haaraa banuun magaala Kersooni fi naannawa ishee to'achuuf akka ta'e ibsame.
Yukireen loltoota Raashiyaa Kersoonitti argaman dhiyeessii akka hin arganneef riqicha gara magaalattiitti geessuu haleeluu ibsaa turte.
Raashiyaan gama isheetin haleellan Yukireen bifa haaran bante kun kan fashalaa'e fi loltoota ishee heddu kan itti dhabdeedha jechuun ibsite.
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen Kersoon magaalota Yukireen gurguddoo keessaa jalqaba harka Raashiyaa kan galteedha. Loltoonn Raashiyaa Kersoon to'achuudhaf Kirimiyaa irraa ka'un garasitti duulan.
Humni waraana Yukireen dameen Kibbaa Kakova jedhamu akka ibsetti waraanni Raashiyaa reejimentiin tokko Hagayya 29, 2022 bakka duraan qubatee ture gadi dhiisun duubatti baqateera.
Akkasumas loltoonni Raashiyaa humna komaandoo deeggarsa kennaa turan dirree waraanaa sana irraa baqachuun ibsame.
Gorsaa biiroo pirezidaantii Voloodmir Zeleniskii kan ta’e Oleksii Arestovich, “kalattii garaa garaatin loltoonni Yukireen dirree waraanatti cabsanii seenaniiru” jechuun dubbate.
Namoonni ijaan argan ammoo magaalota akka Kersooni fi Noovaa Kakovaa keessatti dhukaasni fi dhohiinsi gurguddaan dhagahamaa akka jiru dubbatan.
Yeroo dhiyoo as riqichi laga Dinippiroo gara bakkeewwan kanaatti geessu irra deddeebin humna waraana Yukireenin haleelamaa ture jedhama.
Ejansiin oduu Raashiyaa Ria Novosti jedhamu magaalan Noovaa Kakovaa halkan edaatii kaasee ibsaan guutummaatti akka hin jirre gabaase.
Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Hagayya 29 gara galgalaa ergaa loltoota Raashiyaatif dabarseen: “Lubbuun jiraachuu yoo barbaadan, yeroon itti loltoonni Raashiyaa baqachuu qaban amma. Gara mana keessaniitti galaa!” jedhe.
Waa’ee haleellaa bifa haaran Yukireeen eegalte kanaa Zeleniskii dabalatee agawoonni olaanon bal’ina isaa dubbachuu irraa of qusataniiru.
Yukireen haleellaa kanaan milkaa’era isa jetteef Ministeerri Ittisaa Raashiyaa deebii kenneen loltoonni Yukireen gama Kersooni fi naannawa Maayikolaayivin haleellaa bifa haaran banuuf yaaluu isaanii hin haalle.
Miidiyaan biyyoolessaa Raashiyaa ibsa miniteera ittisaa biyyattii waabeffachuun “loltoonni Yukireen miidhamni guddaan irra gaheen haleellichi fashaleera” jechuun gabaase.
Yukireen gama isheetin rookkeettii ammayyaa “Himars” jedhamu kan US kenniteef fayyadamuun riqicha laga dinippiroo said barbadeessuu himte. Ajajani Kibaa waraana Yukireen, paantuunii (riqicha socho’u) Raashiyaan laga cehuuf itti fayyadamaa turte barbaddeessuu hime.
Odeeffannoon waraana biyyoota Lixaa akka ibsutti, haleellan Yukireen loltoota Raashiyaa naannawa Kersoon jiran marsanii bahaa gala dhorkuun naannicha to’achuuf kan kaayyeeffateedha.
Mooskon dhiyeessii garaa garaa loltoota ishee Kersoon jiraniif kan geessitu riqichawwan Yukireen barbadeessitetti fayyadamuuni.
Waraanni osoo hin eegalin dura magaala Kersoon keessa namoota 290,000 tu jiraata ture, yeroo ammoo Raashiyaadhan to’atamtee angawoota Raashiyaa deegaraniin bulaa jirti.
Maddi oduu Raashiyaa Taas jedhamu akka gabaasetti angawoonni Kersoon referedamii uummataa Raashiyaati makamuuf isaan dandeessisu gaggeessuf qophiittii jiru.
US gaama isheetin Raashiyaan daangaa Kibba Yukireen qabatetti humnaan rifiradamii uummataa gaggeessuf jirti jechuun komattee turte.
Raashiyaan ji’a darbe keessa humni waraana ishee kallattii bahaa qofa osoo hin taane Kibba Yukireen naannawa Kersooni fi Zapporizyiyaattis akka xiyyeeffatu ibsitee turte.