Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaadannoon duguuggaa sanyii Oshwiizitti raawwatame yeroo jalqabaaf Raashiyaan osoo irratti hin argamin kabajame
Ayyaana yaadannoo guyyaa itti kaampin ajjeechaa jumlaa Oshwiiz Naazin itti fayyadamaa ture itti bilisa bahe irratti Raashiyaan yeroo jalqabaaf osoo hin hirmaatin kabajame.
Kaampin ajjeechan jumlaa Naazii inni guddichi Oshwiiz jedhamu kan argamu Pooland keessatti.
Sagantaa yaadannoo guyyaa bakkichi itti bilisa bahe kana irratti Raashiyaan yeroo heddu affeeramtee irratti argamti.
Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa kaampii Oshwiiz Naazin namoota jumlaan itti ajjeesu kana bilisa kan baasee ture lotoota Raashiyaa ture.
Haa ta'u malee bara kana Raashiyaan Yukireen weeraruu irraa kan ka'e muuziyeemin Oshwiiz-Birkenau aangawoota Raashiyaa affeeruu hin barbaanne.
Raashiyaan ammoo "seenaa irra deebin jallisanii barreessuu barbaadu" jechuun komatte.
Sagantaa yaadannoo Amajjii 27, 2023 qophaa'e irratti daayireektarri muuziyeemichaa Piotr Cywinski, Oshwiiz kan uumame Naazidhaan akka ta'eefi kunis dheebuu aangoo daangaa hin qabne qabaachuu irraa kan ka'e akka ta'e dubbachuun "Raashiyaanis dheebuu aangoo daangaa hin qabneen gaggeeffamtee Matiyuppolifi Doneetisk barbadeessite," jedhe.
"Raashiyaan Yukireen qabachuu dadhabnaan mancaasuf murteessite. Guyyaa guyyaan argaa jirra. Amma osoo as jirruuyyuu mudataa jira. Kanaaf har'a as dhaabachuunuu ulfaatadha," jedhe daayirektarri muziyeemii Oshwiiz.
Murtoo kana ilaachisee loltoonni Sooviyeet Oshwiiz bilisa baasan yoomiyyuu akka yaadatan Raashiyaan beeksifte.
Namoonni ajjeechaa jumlaa kaampii Oshwiiz irraaa hafaniifi lubbuun jiran saganticha irratti argamuun waanta Yukireenitti ta'aa jiranitti akka gaddan dubbatan.
Kaampii Oshwiiz keessatti ajjeechaa Jumlaa Naazii jalaa kan baraaramte lammiin Pooland Zdzislawa Wlodarczyk "waan baha Yukireenitti ta'aa jiru dhagahuun nama sodaachisa" jette.
Zdzislawan saganticha irratti akka dubbattetti yeroo umuriin ishee 11 ta'u kaampii ajjeechaa jumlaa Oshwiizitti loltoota Naazittin fuudhamtee akka geeffamte.
Isheefi obboleessi ishee waggaa 7 hanga loltoonni Sooviyeet dhufanii isaan baasanitti kaampii du'aa sana keessa turuu yaadatti.
"Loltoonni Raashiyaa gaafa sana bilisa nu baasan har'a Yukireen irratti waraana labsan. Maalif? Maalif ta'e? Siyaasa jechuun kana egaa," jette.
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti labisteen booda Pooland baqattoota Yukireen kumaatama heddu simachuun jiraachisuu bira darbee deegarsa meeshaalee waraanaa taasisuun hanga ammaa cinaa dhaabataa jirti. Raashiyaanis gama isheen guyyaa itti loltoonni ishee kaampii Oshwiiz bilisa baasan gaafa Kamisaa Amajjii 26 yaadattee oolte. Pirezidaant Puutinis saganticha irratti argameera.
Saganticha irratti Puutin, "taaten akkasii seenaa namaa keessatti deebi'ee akka hin mudanne tarsiimoo siyaasaa taasisun hordofa" jechuun dubbate.
Raashiyaatti Dureen Barsiisota Amantii Yihudii Raabayi Berel Lazar Raashiyaan sagantaa Yaadannoo muuziyeemii Oshwiizitti gaggeeffame irratti Raahsiyaan akka hirmaanne godhamuutti gadduu isaa ibse.
Raabayi Berel Lazar AFPtti akkana jechuun dubbate: "Kuni nuyiif qaaniidha, sababni isaa loltoonni Sooviyeetii Oshwiiz bilisa baasuufi Naazii mo'achuu isaanii ni beekna ni yaadanna waan ta'eef."
Saganataan Amajjii 27 muuziyeemii Auschwitz-Birkenau tti kabajame kun waggaa 78ffaa kaampin ajjeechaa jumlaa Oshwiiz bilisa baheedha.
Kaampii Oshwiiz Poolanditti argamu kana keessatti Naazin namoota miliyeena 1.1 bifa suukaneessan ajjeesera.
Walumaa galatti Naazin kaampii Oshwiiz dabalatee kaampiwwan ajjeechaa jumlaa garaa garaa keessatti Yuhudoota miliyeena 6 fi kanneen biroos heddu bifa suukaneessan ajjeese.